Waadaa Gaa’elaakee Eegii Jiraadhu
Maatii Gammachuu Qabu
Waadaa Gaa’elaakee Eegii Jiraadhu
Haati manaa akkas jetti: “Abbaan manaakoo Maayikil yeroo dhihoo asitti, jaalalli inni anaaf qabu akka qabanaa’eefi ijoollee keenyas akkasaa durii gammachuun akka isaan hin haasofsiifne hubadheera. * Amallisaa jijjiiramuu kan jalqabe erga Intarneetii galchannee waan ta’eef, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan akka ilaaluu shakkuun jalqabe. Gaaf tokko galgala ijoolleen erga rafanii booda, haalasaa ifatti akka natti himuun gaafadhe; innis Weeb saayitii fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan akka ilaalu utuu hin dhoksin natti hime. Yeroon kana dhaga’u baay’een gadde. Matumaa kun narra ga’aa jedhee hin yaanne. Amantiin isarratti qabus guutummaatti bade. Wanti caalaatti rakkisaa ta’emmoo, yeroo dhihoodhaa asitti namni wajjin hojjennu tokko jaalala anaaf qabu ibsuu jalqabuusaati.”
Abbaan manaas akkas jedha: “Haati manaakoo Maariyaan yeroo muraasa dura suura ani kompiitara keenya keessa kaa’e tokko argitee waa’eesaa mudditee na gaafatte. Weeb saayitii fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan yeroo hunda akkan ilaalu ennaan isheetti himu baay’ee aarte. Anis yeelloofi balleessaa guddaa akkan raawwadhe natti dhaga’ame. Gaa’elli keenyaa diigamuusaati jedheen yaade.”
RAKKOON Maayikiliifi Maariyaa maalidha jettee yaadda? Rakkoon Maayikil inni guddaan fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluudha jetta ta’a. Haata’u malee, Maayikil akkuma yeroo booda hubate gaa’ellisaanii rakkoo guddaa akka qabu, jechuunis ulfinni waadaa gaa’elasaa eegee jiraachuuf gale hir’achaa dhufuusaa kan argisiisu ture. * Maayikiliifi Maariyaan yeroo gaa’ela dhaabbatan, jireenya jaalalaafi gammachuu qabu waliin jiraanna jedhanii abdatanii turan. Haata’u malee, akkuma hiriyoota gaa’elaa hedduu mudatu, isaaniis yeroon darbaa ennaa adeemu murtoo isaan waadaa gaa’elasaanii eeganii jiraachuuf godhan kan jalaa laafe ta’uusaarrayyuu, suuta suuta walirraa fagaachaa dhufan.
Waggoonni darbaa ennaa deeman hariiroon siifi hiriyaa gaa’elaakee gidduu jiru akka laafe sitti dhaga’amaa? Hariiroon keessan deebi’ee akka jabaatu hin barbaadduu? Taanaan, deebii gaaffiiwwan sadan kanaa beekuu si barbaachisa: Waadaa gaa’elaaf galan eeganii jiraachuu jechuun maal jechuudha? Haalawwan waadaa kana laaffisuu danda’an maalfa’i? Waadaa hiriyaa gaa’elaakeetiif galte jabeessuuf maal gochuu dandeessa?
Waadaa Gaa’elaa Eeganii Jiraachuu Jechuun Maal Jechuudha?
Waadaa gaa’elaa eeganii jiraachuu jechuun maal jechuudha jettee yaadda? Namoonni Uumama 2:22-24) Sababiiwwan kanaaf jecha waadaa gaa’elaasaanii eeganii jiraachuun sirrii ta’uusaarrayyuu, rakkoowwan uumaman mo’uuf isaan gargaaruu akka danda’u beekamaadha. Gammachuu argachuuf garuu, hiriyoonni gaa’elaa waadaa gaa’elaasaanii eeganii kan jiraatan, dirqamni waan isaanirra jiruuf qofa godhanii yaaduu hin qaban.
hedduun namni tokko waadaa gaa’elaasaa eegee kan jiraatu akkas gochuuf dirqamni akka irra jiru yoo hubatedha jedhanii yaadu. Fakkeenyaaf, hiriyoonni gaa’elaa waadaa gaa’elaasaanii eeganii kan jiraatan, ijoolleesaaniif ykn dirqama Waaqayyo inni gaa’ela Hundeesse isaanirraa barbaaduuf jedhanii ta’uu danda’a. (Yihowaan, gaa’elli madda gammachuu guddaa akka ta’u yaadee hundeesse. Kaayyoon Waaqayyoo, abbaan manaa ‘haadha manaasaatti akka gammadu,’ dubartiinis abbaa manaashee akka jaallatuufi abbaan manaashee akkuma dhagnasaatti akka ishee jaallatu akka itti dhaga’amu godhee uume. (Fakkeenya 5:18; Efesoon 5:28) Hariiroon akkasii akka uumuuf hiriyoonni gaa’elaa wal amanuu qabu. Umriisaanii guutuu michooma uumuunis hammuma sana isaan barbaachisa. Hiriyoonni gaa’elaa kan wal amanan taanaan michoomnisaanii cimuusaarrayyuu, waadaan gaa’elasaanii eeganii jiraachuuf galan caalaatti jabaata. Akkuma Macaafni Qulqulluun jedhu lamaanuu “foon tokko” akkuma ta’anitti baay’ee walitti dhihaatu.—Maatewos 19:5.
Kanaaf, waadaa gaa’elaa eeganii jiraachuun wanta mana cimaa xuuphiin ijaarame ittiin wal qabsiisanii wajjin wal fakkeessuun ni danda’ama. Kunis cirracha, simmintoofi bishaan walitti makuudhaan kan hojjetamudha. Haaluma wal fakkaatuun, waadaan gaa’elaas wantoota sadii jechuunis, dirqama irra jiru raawwachuu, waliif amanamuufi michoomuun jabaata. Wanti hariiroo kana laaffisuu danda’u maalidha?
Wantoonni Haallisaa Rakkisaa Akka Ta’u Godhan Maalfa’i?
Waadaa galan eeganii jiraachuun jabaatanii hojjechuufi fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata. Hiriyaa gaa’elaakee gammachiisuuf wanta jaallattu dhiisuuf fedhuu si barbaachisa. Haata’u malee, fedhii warra kaaniif dursa kennuu jechuun, ‘Ani faayidaa maaliin irraa argadha?’ jedhanii utuu hin gaafatin, namootaaf gaarii gochuun ilaalcha namoota hedduu biratti hin fudhatamne si’a ta’u, kan isaanirraa barbaadamu ta’uunsaayyuu baay’ee isaan aarsa. ‘Namoota ofittoo gaa’elasaaniirraa gammachuu argatan meeqan beeka?’ jedhii of gaafadhu. Deebiinsaa, jiru yoo jedhamanis baay’ee muraasa kan jedhudha. Maaliif? Namoonni ofittoon, keessumaa battaluma sanatti bu’aa kan hin argamsiisneefi fedhii dhuunfaasaanii aarsaa akka godhan kan isaan gaafatu taanaan, waadaa gaa’elaaf galan eeganii jiraachuu hin barbaadan. Jalqaba baay’ee kan wal jaallatan ta’aniyyuu waadaa galan eeganii hin jiraatan taanaan, hariiroonsaanii kan jireenya itti hadheessu ta’a.
Macaafni Qulqulluun gaa’elli carraaqqii cimaa kana gaafatu ta’uusaa ibsa. “Namni fuudhe garuu haadha manaa isaa gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimma,” dubartiin heerumtes, “abbaa manaa ishee gammachiisuudhaaf waan biyya lafaatiif dhimmiti” jedha. (1 Qorontos 7:33, 34) Hiriyoonni gaa’elaa ofittoo hin taanellee, al tokko tokko dhiphina isa kaanii ykn aarsaa inni gochaa jiru kan hin hubanne ta’uunsaanii nama gaddisiisa. Hiriyoonni gaa’elaa waliisaaniif dinqisiifannaa hin qaban taanaan, “rakkinni” gaa’elasaanii keessatti isaan mudatu baay’ee ta’uu danda’a.—1 Qorontos 7:28.
Gaa’elli keessan yeroo rakkinaa keessa akka darbuufi yeroo gaariittis jabaachaa akka adeemu gochuu barbaannaan, hariiroon keessan yeroo dheeraaf kan itti fufu akka ta’etti ilaaluu isin barbaachisa. Ilaalcha akkasii qabaachuu kan dandeessu akkamitti? Waadaa hiriyaan gaa’elaakee siif gale eegee akka jiraatu jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti?
Waadaa Gaa’elaa Jabeessuun Kan Danda’amu Akkamitti?
Wanti guddaan, gad of qabudhaan gorsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuudha. Akkas gochuudhaan hiriyaa gaa’elaakeetiif qofa utuu hin ta’in, “wanta waa’ee siif baasu” raawwachuu dandeessa. (Isaayaas 48:17) Tarkaanfiiwwan murteessaa fudhachuu dandeessu lama haa ilaallu.
1. Gaa’elakeetiif dursa kenni. Phaawulos ergamaan, “isa ta’uu fi isa hin taane gargar baaftanii akka qortan” jechuun barreesseera. (Filiphisiiyus 1:10) Waaqayyoo akkaataa hiriyoonni gaa’elaa itti wal kunuunsaniif bakka guddaa kenna. Namni haadha manaasaaf ulfina kennu Waaqayyo durattis ulfina argata. Dubartiin abbaa manaasheetiif ulfina kennitus ‘Waaqayyo duratti gati guddaa’ qabdi.—1 Phexros 3:1-4, 7.
Gaa’elakeef bakka guddaa kennitaa? Bakka guddaa kan kennituuf taanaan, hiriyaa gaa’elaakee waliin yeroo dabalataa dabarsuuf carraaqxa. Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ji’oota darbanitti, hiriyaa gaa’elaakoo wajjin yeroo hammamii dabarseera? Ammayyuu michoota gaarii akka walii taane mirkaneessuuf wanta adda ta’e maal raawwadheera?’ Hiriyaa gaa’elaakee kunuunsuuf yeroo muraasa qofa kan dabarsite ykn tasumaa kan hin dabarsine taanaan, hiriyaan gaa’elaakee waadaa galte eegdee jiraachuukee amanuuf itti ulfaachuu danda’a.
Hiriyaan gaa’elaakee waadaa gaa’elakeetiif galte eegdee akka jiraattu kan itti dhaga’amu sitti fakkaataa? Akkamitti beekuu dandeessa?
KANA YAALI: Wantoota armaan gadii shanan waraqaarratti barreessi: qarshii, hojii, gaa’ela, bashannanaafi michoota. Wanta hiriyaan gaa’elaakee dursa kennaaf jettee yaaddu tartiibaan barreessi. Hiriyaan gaa’elaakees akka barreessu gaafadhu. Yeroo xumuru waraqicha wal jijjiiraa. Hiriyaan gaa’elaakee yeroo ga’aa isaa wajjin dabarsaa akka jirtu isatti hin dhaga’amu taanaan, waadaa gaa’elaa waliif galtan cimsuuf jijjiirama gochuu qabdanirratti mari’achuu isin barbaachisa ta’a. Akkasumas, ‘Wanta hiriyaa gaa’elaakoo caalaatti gammachiisu raawwachuuf maal gochuun danda’a?’ jedhii of gaafadhu.
2. Wanta waadaakee diigu kamirraayyuu fagaadhu. Yesus Kiristos, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jedheera. (Maatewos 5:28) Namni tokko hiriyaa gaa’elaasaa ala saalqunnamtii yoo raawwate hariiroo gaa’elaasaanii balaarra kan buusu ta’uusaarrayyuu, wal hiikuuf sababii ta’uu akka danda’u Macaafni Qulqulluun ni ibsa. (Maatewos 5:32) Haata’u malee, jechoonni Yesus olitti ibse namni tokko ejja raawwachuusaa dura fedhii gadheen garaasaa keessa yeroo dheeraaf turuu akka danda’u argisiisa. Fedhii dogoggoraa akkasiirratti yaaduun qofittillee akka amanamummaa hir’isanitti ilaalama.
Waadaa gaa’elaakee eegdee jiraachuuf, tasumaa fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan akka hin ilaalleef ofiif kakuu gali. Namoonni hedduun wanta fedhe yoo jedhan, fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun gaa’ela kan diigudha. Haati manaa tokko abbaa manaashee amala akkasii qabu ilaalchisee wanta isheen jette kana qalbeeffadhaa: “Abbaan manaakoo fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluun, gaa’ela keenya caalaatti gammachiisaa taasisa jedha. Kun garuu ani akkan gatii hin qabnefi isaaf ga’aa akkan hin taane akka natti dhaga’amu godheera. Yeroo inni isa ilaalu ani hamma hirribni na fudhatutti
nan bo’a.” Namichi kun waadaa gaa’elasaa eegee jiraachuuf gale jabeessuuf carraaqaa jiramoo mancaasaa jira jetta? Haati manaasaa waadaa gaa’elashee eegdee jiraachuuf galte akka isheef salphatu gochaa waan jiru sitti fakkaataa? Akka michuusaatti ishee kunuunsaa jiraa?Iyoob Waaqasaaf amanamaa ta’uufi waadaa gaa’elasaa eegee jiraachuuf, ‘ijasaa wajjin kakuu galeera.’ ‘Ija hawwaatiin gara durbaa’ akka hin ilaalleef murteessee ture. (Iyoob 31:1) Fakkeenya Iyoob hordofuu kan dandeessu akkamitti?
Fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaaluurraa fagaachuu malees, saala faallaa hiriyaa gaa’elaakee hin taanee wajjin garmalee walitti dhihaachuurraa of qusachuu si barbaachisa. Namoonni baay’een saala faallaa kolomsuun gaa’elarratti balaa hin fidu jedhanii akka yaadan beekamaadha. Macaafni Qulqulluun garuu akkas jechuun akeekkachiisa: “Garaan namaa waan hundumaa irra jal’aa dha, namnis isa qajeelchuu hin danda’u; egaa eenyutu isa beekuu danda’a ree?” (Ermiyaas 17:9) Garaankee si gowwoomsaa jiraa? Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Hiriyaa gaa’elaa koofmoo saala faallaa kan biraafan caalaatti xiyyeeffannaa kenna? Oduu nama gammachiisu jalqaba hiriyaa gaa’elaa koottimoo nama kan biraattan hima? Hiriyaan gaa’elaakoo hariiroon saala faallaa wajjin qabu akka daangessu utuu natti himee deebii akkamiin kenna? Nan mufadhaamoo gammachuun fudhadhee jijjiirama gochuuf yaala?’
KANA YAALI: Hiriyaa gaa’elaakee caalaa nama kan biraatti dhihaatta taanaan, wantoota barbaachisaa ta’an qofarratti wal arguuf murteessuudhaan hariiroo nama sanaa wajjin qabdu daangessi. Karaawwan namni sun hiriyaa gaa’elaakee caala jettee yaaddurratti hin xiyyeeffatin. Kanaa mannaa, amalawwan gaarii hiriyaan gaa’elaakee qaburratti xiyyeeffadhu. (Fakkeenya 31:29) Wanta jalqaba hiriyaa gaa’elaakee akka jaallatu si godhee ture yaadachuuf carraaqi. ‘Hiriyaa gaa’elaakootu amalawwan kana argisiisuu dhiisemoo anatu arguu dadhabe?’ jedhii of gaafadhu.
Dursa Fudhadhu
Maayikiliifi Maariyaan jalqabarratti caqasaman, gorsa rakkoo kana hiikuuf isaan gargaaru gaafachuuf murteessan. Gorsa gaafachuun garuu tarkaanfii isa jalqabaa qofadha. Rakkina akka qaban amanuufi gargaarsa barbaaduunsaanii, Maayikiliifi Maariyaan waadaa gaa’elasaanii eeganii jiraachuuf galan raawwachuu, akkasumas gaa’ellisaanii milkaa’ina akka argatuuf fedhiisaanii aarsaa gochuuf carraaquu akka qaban kan argisiisudha.
Gaa’ellikee rakkoo kan hin qabne ykn dhiphinaan kan guutame ta’es, gaa’elli keessan milkaa’ina akka argatuuf hiriyaan gaa’elaakee waadaa gaa’elakee eegdee jiraachuuf galte beekuu isa barbaachisa. Hiriyaan gaa’elaakee amantii akkasii akka qabaatu gochuuf tarkaanfii barbaachisaa ta’e kamiyyuu fudhachuurraa duubatti hin jedhin. Kana gochuuf ni feetaa?
[Miiljaleewwan]
^ key. 3 Maqaansaanii jijjiirameera.
^ key. 5 Fakkeenya kanarratti waa’ee dhiira fakkiiwwan fedhii saalqunnamtii kakaasan ilaalu ibsamus, dubartiinis kan ilaaltu taanaan ulfinni waadaa gaa’elaashee eegdee jiraachuuf galte hir’achuusaa argisiisa.
. . . JEDHII OF GAAFADHU
▪ Yeroo hiriyaa gaa’elaakoo wajjin dabarsu argachuuf sochiiwwan akkamii hir’isuun qaba?
▪ Waadaa gaa’elaa keenya eegee jiraachuukoo mirkaneessuuf maal gochuun danda’a?
[Fakkii fuula 30rra jiru]
Yeroo hiriyaa gaa’elaakee wajjin dabarsitu qabaadhu
[Fakkii fuula 31rra jiru]
Waadaa diiguun garaa keessaa jalqaba