Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Jijjiira

Macaafni Qulqulluun Jireenya Namaa Jijjiira

Dubartiin kanaan dura amantiidhaaf fedhii dhabdee turte, amma garuu namoonni kaan waa’ee Waaqayyoo akka baratan gargaaruurratti yeroo dheeraa kan dabarsitu maaliifi? Namni ispoortiiwwan walirratti ka’uu jajjabeessanirratti hirmaachuu jaallatu tokko, amma nagaa akka jaallatu kan isa kakaase maalidha? Namni qoricha sammuu hadoochu fudhatu, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguufi namoota lolu tokko jireenyasaa jijjiiruu kan danda’e akkamitti? Seenaa namoota kanaa akka dubbistu si jajjabeessina.

SEENAA JIREENYAA GABAABAA

MAQAA: PENELOOP TOPILIKISKUU

UMRII: 40

BIYYA: AWUSTIRAALIYAA

SEENAA: AMANTIIDHAAF FEDHII KAN HIN QABNE

JIREENYAKOO DURII: Magaalaa guddittii Awustiraaliyaa kan taate Sidniitti kanan dhaladhe ta’us, yommuun mucaa waggaa lamaa turetti maatiinkoo Niiwu Giiniitti galan. Achittis gara waggaa lamaatiif magaalaa Raabaawul, waggaa saddeetiifimmoo magaalaa Buuganviil jiraanne. Yeroo sana biyyattii keessa televijiiniin waan hin turreef, aniifi obboleessikoo bishaan daakuudhaan, meeshaa bishaan keessa itti turan godhannee, akkasumas bakka tokko dhaqnee dunkaana buufachuudhaan bashannanna turre.

Umriinkoo gara waggaa kudhanii yommuu ta’u, amantiidhaaf fedhii qabaachuun jalqabe. Harmeenkoo Kaatolikii waan turteef, dubartii moloksee naannoo sana jiraattu tokkoo wajjin Macaafa Qulqulluu akkan baradhu yaada naa dhiheessite. Yommuu umriinkoo waggaa kudhan ta’u, amantii Kaatolikii fudhadheen cuuphame.

Haata’u malee, erga Awustiraaliyaatti deebinee booda, yommuun umrii kurnanii keessa jiru, waa’ee amantii wantan baradhe shakkuun jalqabe. Mana barumsaa sadarkaa lammaffaatti waa’ee seenaa duriin baradhe. Aniifi abbaankoo waa’ee madda amantii yeroo dheeraadhaaf waan mari’annuuf, Macaafni Qulqulluun seenaa dhugaa akka hin taane nutti dhaga’ama ture. Achiis amantii Kaatolikii nan dhiise.

Yommuu umriinkoo waggaa 16 ta’u, abbaafi haatikoo addaan ba’an. Haatikoo rakkina keessa waan turteef, yeroo booda abbaakoofi kaadhimasaa wajjin jiraachuun jalqabe. Obboleessikoofi haatikoo magaalaa kan biraa keessa jiraachuu jalqaban. Yeroo kanatti kophummaan garmalee natti dhaga’ame. Waggaa lama haadha koorraa fagaadheen dabarse. Dhugaatii alkoolii dhuguu, qoricha sammuu hadoochu fudhachuufi afeerrii addaddaarratti argamuun jalqabe. Mana barumsaa dhiiseen hojii hojjechuu jalqabe; achiis bara dargaggummaakoo jireenya gadhiisii jiraachuuttan dabarse.

Yommuu umriinkoo waggaa 25 ta’u, waa’ee Macaafa Qulqulluu deebi’ee yaaduun jalqabe. Hojiikoo kanan jijjiirradhe si’a ta’u, durba Liinee jedhamtuu wajjinis wal barre. Liineen hogganaanshee baay’ee kan ishee rakkisu ta’us, ulfinaan isa haasofsiisti turte. Hogganaasheetiif deebii gadhee maaliif akka hin deebisne yommuun ishee gaafadhu, Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachaa akka jirtuufi wanta baratte hojiirra oolchuuf yaalii gochaa akka jirtu naa ibsite. Liineen akkan ishee wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabadhu na gaafatte. Wanta isheen jette waanan hin hubanneef, beekumsa Macaafa Qulqulluu isheen qabdu sa’aatii tokko keessatti barachuu dandeessa waan naan jette natti fakkaate. Galgaluma sana, gaaffiin Macaafa Qulqulluurratti qabu naa deebisuudhaaf sa’aatii sadii naa wajjin dabarsite. Deebiin isheen naa kennitu hundi Caaffata Qulqullaa’aarratti kan hundaa’e ta’uunsaa na ajaa’ibsiiseera.

Galgala sana ergan ishee wajjin mari’adhee booda, utuun manakootti galaa jiruu, Waaqayyo sana dura dhugaa akkan baradhu utuu godheera ta’ee gaarii ture jedhee akkan isatti aare nan yaadadha. Dhugaa Baatonni Yihowaa amala gaarii akka qaban kanan beeku ta’us, ani garuu amalakoo jijjiiruuf akka yeroon natti darbe natti dhaga’ama ture. Akka Dhugaa Baatota Yihowaatti matumaa manaa gara manaa deemee lallabuu akkan hin dandeenyes natti dhaga’ama ture. Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qayyabachuukoo yoon itti fufeyyuu, kaayyoonkoo barumsasaaniirraa dogoggora argadhee isaanirraa fagaachuuf ture. Gaaf tokko barumsasaanirratti dogoggora argachuu akka hin dandeenye nan hubadhe.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?: Seerawwan bu’uuraa Macaafni Qulqulluun amala ilaalchisee barsiisu yommuun barachaa deemu, yaanni garaakoo caalaatti na ceepha’aa dhufe. Yaada garaa kootiif boqonnaa kennuuf jecha, qoricha sammuu hadoochu fudhachuun dhiise. Haata’u malee, yeroo muraasaaf biyya garabiraa kanan deeme si’a ta’u, achittis afeerrii addaddaarratti argamuufi dhugaatii alkoolii dhuguun jalqabe. Seerawwan Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuudhaan jiraachuuf carraaqqii gochuukoo dhiisee, jireenyakoo duriitti akkan deebi’e natti dhaga’ame. Qaana’aa Yihowaa kanan kadhadhu ta’us, nama gadhee akkan ta’e natti dhaga’ama ture.

Wanta Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin raawwateefi Yihowaan akkamitti dhiifama akka isaanii godhe hubachuunkoo na gargaareera. Daawit yommuu gorsi kennameef, sababii utuu hin dhiheessin dogoggorasaa amanee fudhachuuf ija jabeessa ture. Adaba kennameef gad of deebisee fudhateera. (2 Saamu’el 12:1-13) Yommuun cubbuu raawwadhu hundumaatti seenaa sana nan yaadadha; kanaan kan ka’es, dogoggora raawwachuu kootti akkan gadde Yihowaatti himuun salphaa naa ta’aa dhufe. Achiis ergan qoramee booda utuu hin ta’in, qoramuukoo dura kadhachuuf murteessuunkoo, bu’aa gaarii naaf argamsiiseera.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Yeroo hunda nan aaran ture. Ta’us, caqasni Efesoon 4:29-31⁠rratti ‘hadhaa’ummaa, dheekkamsaafi aariirraa’ fagaachuun barbaachisaa akka ta’e ibsu na gargaareera. Aariikoo to’achuu yommuun baraa dhufu, arrabakoos to’achuun jalqabe. Kana malees gorsi Yesus, “eyyeen keessan eyyee haa ta’u” jechuudhaan kenne, murtookootti akkan cimu na gargaareera.—Maatewos 5:37.

Haatikoo jalqabarratti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin ta’uukoo mormituyyuu, amma garuu natti gammaduushee naa ibsite. Kana malees, “Namummaankee inni ammaa kun akkaataa itti guddatteen utuu hin ta’in, waa’ee Yihowaa barachuu keetiin kan argame akka ta’e beeka” naan jette. Akkas jechuusheetti baay’een gammade.

Amma jireenyikoo kaayyoofi gammachuu akka qabu natti dhaga’ama. Waggoota salgan darbaniif, aniifi abbaan manaakoo yeroo keenya guutuu namoota Macaafa Qulqulluu barsiisaa turreerra. Yeroo ammaatti manaa gara manaa deemeen lallaba; hojiin kun, hojiin hamma yoonaatti hojjedhe caalaa kan nama kiisu akka ta’e natti dhaga’ama.

SEENAA JIREENYAA GABAABAA

MAQAA: DENIIS BUUSEGUN

UMRII: 30

BIYYA: RAASHIYAA

SEENAA: NAMA KAARAATEE JAALLATU

JIREENYAKOO DURII: Biyya Raashiyaa magaalaa Parmitti dhaladheen, Furmaanoovitti, jechuunis magaalaa Ivaanoovoo jiraattota gara 40,000 ta’an qabdu keessattan guddadhe. Magaalaan Furmaanoov, magaalaa mukeetii yeroo birraatti halluu keelloofi diimaa qabaniin miidhagdedha. Waggoottan 1980maafi 1990maniitti yakki magaalattii keessatti babal’atee turte. Maatiinkoo galii xinnoodhaan jiraatu turan. Warrakoofi obboleessakoo wajjin mana kutaa ciisichaa tokkittii qabu keessa waanan jiraadhuuf, manni baay’ee nutti dhiphata turte.

Yommuu umriinkoo waggaa torba ta’u kaaraatee barachuun jalqabe. Kaaraatee baay’ee waanan jaalladhuuf, jireenyikoo hundi isumaan kan qabame ture. Yeroo boqonnaakoo hunda bakka ispoortiin itti hojjetamutti waanan dabarsuuf, hiriyoonnikoo hundi ispoortiidhaan kan beekaman turan. Yommuu umriinkoo waggaa 15 ta’u, kaaraateedhaan sadarkaa guddinaa tokkorra, waggaa tokko boodammoo sadarkaa guddinaa olaanaarran ga’e. Yommuu Raashiyaafi Yuroo’eeshiyaan shaampiyoonaadhaaf wal dorgomanitti ani garee kaaraatee Raashiyaa keessan ture. Yeroon gara fuulduraa gaarii ta’ee kan natti mul’atu ta’us, yeroo umriinkoo waggaa 17 ta’u garuu jireenyikoo guutummaatti jijjiirame.

Aniifi hiriyoonnikoo tokko tokko yakka raawwannee qabamne. Achiis hidhaan waggaa lamaa natti murame. Jireenyi mana hidhaa baay’ee rakkisaa ture. Haata’u malee, yeroo jalqabaatiif mana hidhaattan Macaafa Qulqulluu arge. Achittis Seera Uumamaa, Faarfannaafi Kakuu Haaraa nan dubbise. Kadhannaan kun hamma tokko akka na gargaaru waan natti dhaga’amuuf, kadhannaa Yaa Abbaa Keenyaa jedhu sammuutti qabadhee yeroo hunda rafuukoo dura nan kadhadhan ture.

Bara 2000⁠tti mana hidhaatii kanan gadhiifame ta’us, jireenya kootti maal gochuu akkan barbaadu hin beeku; akkasumas jireenyikoo kaayyoo akka hin qabne natti dhaga’ama ture. Sana booda qoricha sammuu hadoochu fudhachuun jalqabe. Yeroo kanatti haatikoo ni duute. Eenyuyyuu caalaa waan na jaallattuuf, ishee dhabee jiraachuun baay’ee natti ulfaatee ture. Haata’u malee, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu dhiiseen, bakka ispoortiin itti hojjetamu dhaquun jalqabe. Sana booda magaalaa Ivaanoovoo jiraachuun jalqabe. Achitti suuqii miini nyaataa itti gurguramu tokko keessatti hojiin argadhe. Itti aanaan hogganaa suuqii sanaa Dhugaa Baatuu Yihowaa turte. Dhugaa Macaafa Qulqulluu tokko tokko erga naa ibsitee booda, Dhugaa Baatuun tokko yeroo hunda Macaafa Qulqulluu akka na qayyabsiisu qophii naa goote.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?: Waaqayyo lafa kana jannata gochuuf kaayyoo akka qabu qayyabannaa koorraa yommuun hubadhe, garaankoo baay’ee tuqame. Kanaaf anis namoota achi keessa jiraatan keessaa tokko ta’uuf wanta narraa barbaadamu guutuufan hawwe. Sana booda utuu hin turin, Yihowaan namoonni akka ittiin jiraataniif ulaagaa akka baase nan hubadhe. Yeroo dheeraa kanan dabarse, waa’ee ofiikootii yaaduudhaan qofa ture. Haata’u malee, Yihowaan namoota kaaniif akkan yaadu, akkasumas gaarummaafi nagaa akkan jaalladhu kan barbaadu ta’uusaan hubadhe.

Wanta Yihowaan naa godhe, jechuunis cubbuu kootiif Ilmasaa aarsaa godhee naa kennuusaa yommuun gadi fageenyaan yaaduu jalqabu, galateeffannaan jaalalasaatiif qabu jireenya koorratti jijjiirama akkan godhu na kakaase. Fakkeenyaaf, Faarfannaa 11:5⁠rraa Yihowaan namarratti ka’uu akka jibbu baradheera. Kanaaf, sagantaawwan televijiinii namarratti ka’uufi jibba babal’isan ilaaluun dhiise. Baay’ee kan na rakkise ta’us, ispoortiiwwan walirratti ka’uu jajjabeessanirratti hirmaachuu nan dhiise. Seerri bu’uuraa 1 Qorontos 15:33⁠rratti argamu, namoota akkasii wajjin michoomuun narratti dhiibbaa guddaa akka geessisu hubachuuf na gargaareera. Mana hidhaatti kanan gales sababii kanaatiin akka ta’e beekamaadha. Kanaaf, namoota ispoortiiwwan akkasii jaallatanii wajjin michoomuu nan dhiise.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin michoomuufi Macaafa Qulqulluu qayyabachuunkoo amanamaa akkan ta’u na gargaareera. Fakkeenyaaf, wantan qabutti gammadee jiraachuufi horii jaallachuurraa fagaachuun barbaachisaa ta’uusaa Ibroota 13:5⁠rraa baradheera. Gorsa kana hojiirra oolchuunkoo sobaafi hannarraa akkan fagaadhu na gargaareera.

Yeroo hunda hiriyyummaadhaaf iddoo guddaan kenna. Kanaan dura, sababa sassataan ykn sodaatiin kan ka’e hiriyyummaan yommuu diigamu argeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota cubbuu hin hojjenne ta’uu baatanis, seerawwan Waaqayyoo ni kabaju; akkasumas walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabaniin gorsasaa hojiirra oolchuuf yaalii godhu. Amma isaan keessaa hiriyoota dhugaa tokko tokko baafadheera.

Seerawwan Macaafa Qulqulluu utuun hin baranneefi ittiin hin jiraanne ta’ee, silaa yoona jireenyikoo maal akka fakkaatu hin beekun ture. Tarii mana hidhaattan deebi’a ykn warra kaanirratti waraansaafi rakkinan geessisa ture. Amma haadha manaa jaallatamtuufi ilmaan lama kanan qabu si’a ta’u, maatiidhaan taanee, warri kaan waa’ee Waaqayyoo dhugaa akka beekan gargaaruudhaan gammachuu argachaa jirra.

SEENAA JIREENYAA GABAABAA

MAQAA: JUUZEE KAARLOS FEREERAA DAA SELVAA

UMRII: 31

BIYYA: BIRAAZIIL

SEENAA: NAMOOTA KAN LOLU

JIREENYAKOO DURII: Magaalaa Saa’oo Paawuloo naannoo Ameerikaanaa jedhamtu keessatti kanan guddadhe si’a ta’u, naannoon sun bakka hiyyeessonniifi manneen dullooman itti baay’atan turte. Bishaan dhugaatii qulqulluu hin argannu, akkasumas naannoon keenya qulqulluu kan hin taane, walirratti ka’uufi yakkaan kan beekamu ture.

Nama warra kaanirratti ka’uufi dubbii barbaadu ta’een guddadhe. Yeroo hunda namoota lolaa waanan tureef, ollaawwan koo na sodaatu turan. Uffannaan, filannaafi amallikoo nama gaarii akkan hin taane argisiisu turan. Yeroo baay’ee hamman of wallaaluttan dhuga ture. Akkuma obbolootakoo warra angafaa qoricha sammuu hadoochu nan fudhadhan ture. Obboleessikoo tokko qoricha akkasii garmalee fudhachuusaatiin du’eera.

MACAAFNI QULQULLUUN KAN NA JIJJIIRE AKKAMITTI?: Dhugaa Baatonni Yihowaa, Waaqayyo lafa kana guutummaatti jannata akka godhu Macaafa Qulqulluurraa natti argisiisan. (Luqaas 23:42, 43; Mul’ata 21:3, 4) Warri du’an homaa akka hin beekneefi Waaqayyo namoota gadhee ibidda qilillee keessatti adabaa akka hin jirre nan hubadhe. (Lallaba 9:5, 6) Kana beekuunkoo boqonnaa guddaa naaf argamsiise. Waaqayyoon ilaalchisee wanti ani baradhe, jireenyakoo jijjiiruuf fedhii guddaa akkan qabaadhu na kakaase. Haata’u malee, qoricha sammuu hadoochu fudhachuu, dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu, lolaafi arrabsoo afaankoo bare dhiisee jijjiirama gochuun salphaa hin turre.

Haata’u malee, jechoonni Phaawulos barreesseefi 1 Qorontos 6:9-11⁠rratti argaman baay’ee na jajjabeessaniiru. Caqasichi, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa tokko tokko amalawwan gadhee ani qabu kan qaban akka turan ibsa. Itti aansuudhaanis, “Isin keessaa kaan warra akkasii turan, garuu maqaa gooftaa Yesus Kristosiin, hafuura Waaqayyo keenyaatiinis cubbuuttii dhiqattaniittu, warra Waaqayyoof qulqullaa’an taataniittu, Waaqayyo durattis qajeelota taataniittu” jedha. Jechoonni kun, anis Waaqayyoon gammachiisuuf jijjiirama barbaachisu gochuu akkan danda’u abdii naa kennaniiru.

Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin qayyabachuu yommuun jalqabu, Kiristiyaanota dhugaa ta’uusaanii nan amane. Kanaan dura, nama warra kaanirratti ka’uufi nama dubbii barbaadu ta’uukoo kan beekan ta’us, miira ho’aafi gammachuudhaan na simataniiru.

FAAYIDAA ANI ARGADHE: Utuun Macaafa Qulqulluu qayyabadhee jijjiirama hin goone ta’ee, silaa yoona du’een ture. Amma garuu obboleessakoo tokko Macaafa Qulqulluu barsiisee, araada qoricha sammuu hadoochurraa walaba akka ta’u gargaaruudhaan gammachuu argadheera. Firoottankoo kaanis Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan jajjabeesseera. Waaqa isa baay’ee nuu yaadu tajaajiluuf murteessuukootti baay’een isa galateeffadha!

[Fakkii fuula 20rra jiru]

“Ergan qoramee booda utuu hin ta’in, qoramuukoo dura kadhachuuf murteessuunkoo, bu’aa gaarii naaf argamsiiseera”