Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Warra Hiriyaa Gaaʼelaa Wajjin Walii Galuu

Warra Hiriyaa Gaaʼelaa Wajjin Walii Galuu

Maatii Gammachuu Qabu

Warra Hiriyaa Gaaʼelaa Wajjin Walii Galuu

Jeeniin * akkas jetti: Haati Raayaan carraa argatte hundatti na ceephaʼuurraa duubatti hin jettu. Haalli warrikoo Raayaaniin itti qabanis kanarraa adda miti. Warrikoo nama kan biraatti yommuu akkasitti dheekkaman argee hin beeku jechuu nan dandaʼa! Warrakoos taʼe warrasaa bira dhaquun lamaan keenyaafuu dhiphina guddaa kan nurraan geessisu ture.

Raayaan akkas jedha: Haatikoo namni ijoolleesheetiin qixxaatu akka hin jirre waan isheetti dhagaʼamuuf, jalqabumaa kaastee Jeeniirratti dogoggora funaanti turte. Warri Jeeniis akkasuma waan isaanitti dhagaʼamuuf yeroo hundaa na tuffatu turan. Rakkoonsaa aniifi Jeeniin haalli akkasii erga uumamee booda, warra keenyarra gorree wal ceephaana turre.

WARRA hiriyaa gaaʼelaa wajjin waldhabuu ilaalchisee namoonni nama bashannansiisan akka qoosaatti dubbatu taʼa; dhugaansaa garuu akka qoosaatti kan ilaalamu miti. Riinaa haati manaa Hindi keessa jiraattu tokko akkas jetteetti: “Amaatiinkoo waggoota hedduudhaaf gaaʼela keenya keessaa galaa turte. Yeroo baayʼee haadhasaatti dubbachuu waanan hin dandeenyeef, aariikoo kanan baʼu abbaa manaa koorratti ture. Inni abbaa manaa gaarii taʼuufi ilma gaarii taʼuu keessaa, isa kamiin filachuu akka qabu yeroo hundaa kan rakkatu natti fakkaata.”

Warri hiriyaa gaaʼelaa tokko tokko jireenya ijoolleesaanii keessa kan galan maaliifi? Jeeniin isheen seensarratti caqasamte sababii kana itti godhan ilaalchisee akkas jetti: “Namni dargaggeessa taʼeefi muuxannoo hin qabne tokko, ilma ykn intalasaanii kunuunsa jedhanii yaaduun isaanitti ulfaachuu dandaʼa taʼa.” Diilappi abbaan manaa Riinaa sababii gara biraa ibseera. Akkas jedheera: “Warri mucaasaanii kunuunsuudhaan itti dadhabanii guddisan, mucaasaanirratti aboo akka dhaban isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. Ilmi ykn intallisaanii gaaʼelasaanii milkaaʼaa gochuuf dhugumaan ogummaa hin qabu jedhaniis dhiphachuu dandaʼu.”

Dhugaa dubbachuuf taanaan, yeroo tokko tokko warri hiriyaa gaaʼelaa gaaʼela ijoolleesaanii keessa kan galan afeeramaniiti. Fakkeenyaaf, abbaa manaafi haadha manaa Maayikiliifi Liyaan jedhamaniifi Awustiraaliyaa jiraatan ilaali. Maayikil akkas jedha: “Liyaan maatii baayʼee walitti dhihaatuufi waan garaasaa ifatti walitti dubbatu keessatti guddatte. Kanaaf, erga gaaʼela dhaabbannee boodas, murtoowwan aniifi isheen qofa gochuu qabnurratti abbaashee mariisisti turte. Abbaanshee muuxannoo nuu hiru hedduu kan qabu taʼus, garakoo dhufuu mannaa garasaa dhaquunshee natti dhagaʼama ture!”

Dhimmawwan warra hiriyaa gaaʼelaa wajjin wal qabatan gaaʼelarratti dhiphina uumuu akka dandaʼan ifadha. Atoo haala akkasii keessa jirtaa? Atis taʼe hiriyaan gaaʼelaakee warra walii keessaanii wajjin wal taʼuu kan dandeessan akkamitti? Haala rakkisaa uumamuu dandaʼu lamaafi rakkoo kana akkamitti hiikuu akka dandeessu ilaali.

HAALA RAKKISAA 1: Hiriyaan gaaʼelaakee warrasaa wajjin garmalee walitti kan dhihaatu fakkaata. Abbaan manaa Ispeen jiraatuufi Luwiis jedhamu tokko akkas jedheera: “Haati manaakoo warrashee wajjin yoo jiraachuu baanne, akka isaan gante isheetti dhagaʼama. Karaa biraammoo, yommuu ilmi keenya dhalate, guyyaa guyyaan jechuun ni dandaʼama warrikoo dhufuunsaanii haadhamanaakoo dhiphisee ture. Kunis walitti buʼiinsi hedduun gidduu keenyatti akka uumamu godheera.”

Wanta irratti yaadamuu qabu: Macaafni Qulqulluun qophii gaaʼelaa ilaalchisee yeroo booda, ‘dhiirri abbaasaafi haadhasaa akka dhiisu, haadha manaasaattis akka maxxanu, isaan lachanuus foon tokko akka taʼan’ ibsa. (Uumama 2:24) “Foon tokko” taʼuu jechuun akkasumaan waliin jiraachuu caalaa waan dabalatu qaba. Kana jechuun, abbaan manaafi haati manaa maatii haaraa warrasaanii caalaa dursi kennamuufii qabu hundeessu jechuudha. (1 Qorontos 11:3) Dhugaadhaa, abbaan manaafi haati manaa ammas warrasaanii kabajuun isaan barbaachisa; kunimmoo yeroo baayʼee xiyyeeffannaa isaanii kennuu gaafata. (Efesoon 6:2) Akkaataan hiriyaan gaaʼelaakee itti gaafatamummaa kana itti raawwatu, akka gatamte ykn akka dagatamte akka sitti dhagaʼamu kan godhu yoo taʼe maal gochuu qabda?

Wanta gochuu dandeessu: Haalasaa sirriitti hubadhu. Dhugumaan hiriyaan gaaʼelaakee warrasaa wajjin garmalee walitti dhihaatamoo, akkas kan sitti dhagaʼamu ati warrakee wajjin walitti dhufeenya akkasii waan hin qabneefidha? Haallisaa akkas yoo taʼe, akkaataan guddinaakee ilaalcha haala kanaaf qabdurratti dhiibbaa akkamii godhee taʼuu dandaʼa? Tarii hamma tokko hinaaffaa waan qabduuf taʼinnaa?—Fakkeenya 14:30; 1 Qorontos 13:4; Galaatiyaa 5:26.

Gaaffiiwwan akkasii deebisuun amanamummaadhaan of qoruu gaafata. Haataʼu malee, kana gochuunkee barbaachisaadha. Kana malees, dhimmi warra hiriyaa gaaʼelaa keessanii wajjin yeroo hundaa akka walitti buutan kan godhu yoo taʼe, rakkinni keessan dhugumaan kan gaaʼelaa malee kan warraa miti.

Rakkoowwan gaaʼelaa hedduun kan uumaman, hiriyoonni gaaʼelaa dhimma tokkorratti guutummaatti yaada wal fakkaatu qaban waan hin jirreefidha. Ilaalcha hiriyaan gaaʼelaakee wanta tokkoof qabu hubachuuf yaalii gochuu dandeessaa? (Filiphisiiyus 2:4; 4:5) Abbaan manaa Meksikoo jiraatuufi Adriiyaan jedhamu akkas godhee ture. “Haati manaakoo maatii miirasheerratti miidhaa geessise keessatti guddatte; kanaaf, warra haadha manaakoo wajjin walitti dhihaachuu nan dhaabe. Dhumarrattis, walitti dhufeenyan isaanii wajjin qabu waggoota dheeraadhaaf guutummaatti nan dhaabe. Taʼus, haati manaakoo ammayyuu isaanii wajjin keessumaa haadhashee wajjin walitti dhihaachuu waan barbaadduuf, kun gaaʼela keenya keessatti walitti buʼiinsa uume.”

Yeroo booda Adriiyaan ilaalcha dhimma kanarratti qabu ni sirreesse. Akkas jedheera: “Warrashee wajjin garmalee walitti dhihaachuunshee miira haadha manaa koorratti miidhaa akka geessisu beekus, guutummaatti walirraa cituunimmoo caalaatti rakkina fida. Hamma dandaʼametti warrashee wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaannee akka itti fufnuuf yaalii godheera.” *

AKKAS GOCHUUF YAALI: Warra keessan ilaalchisee atiifi hiriyaan gaaʼelaakee wanta caalaatti nu yaaddessa jettanii yaaddan barreessaa. Kan dandaʼamu taanaan, “Ani kan natti dhagaʼamu . . . ” jedhaa jalqabaa. Achiis isa barreessitan wal jijjiiraa. Karaa itti yaaddoo keessan salphistan beekuudhaaf waliigalteedhaan mariʼadhaa.

HAALA RAKKISAA 2: Warri keessan yeroo hundaa utuu hin gaafatamin gorsa kennuudhaan gaaʼela keessan keessa galu. Haati manaa Kaazaakistaan keessaa jiraattuufi Neeliyaa jedhamtu akkas jetteetti: “Gaaʼela erga godhannee booda waggoota torbaaf warra abbaa manaakoo wajjin jiraanne. Akkaataa nuyi itti ijoollee keenya guddisnu, akkasumas akkaataan nyaata itti bilcheessuufi qulqulleessurratti yeroo hundaa walitti buuna turre. Dhimma kana abbaa manaafi amaatiikootti kanan hime yoo taʼeyyuu, caalaatti walitti buʼuurraan kan hafe waan argamsiise hin qabu!”

Wanta irratti yaadamuu qabu: Yommuu gaaʼela godhattu, aboo warrakee jalaa baateetta. Macaafni Qulqulluun, “Kristos mataa warra dhiiraa, abbaan manaa mataa haadha manaa” akka taʼe ibsa. (1 Qorontos 11:3) Taʼus, akkuma olitti ibsame abbaan manaas taʼe haati manaa warrasaanii kabajuu qabu. Fakkeenyi 23:22, “Abbaa kee isa si dhalche dhagaʼi, yommuu haati kee dulloomtus ishee hin tuffatin!” jechuudhaan nutti hima. Haataʼu malee, warrikee ykn warri hiriyaa gaaʼelaa keetii aboo abbaan manaa qabu tuffachuudhaan, ilaalchasaanii akka fudhattu si dirqisiisuuf yoo yaalanoo?

Wanta gochuu dandeessu: Amala gaarummaatiin gaaʼelakee keessa galuuf kan yaalan maaliif akka taʼe hubachuuf yaali. Raayaan inni olitti caqasame, “Haalawwan tokko tokkon warri ammayyuu jireenya ijoolleesaanii keessatti iddoo guddaa akka qaban beekuun isaan barbaachisa” jedheera. Dhimma keessan keessa kan galan hamminaaf taʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, gorsa Macaafa Qulqulluu, “Waliif dandaʼaa, namni tokko isa kaan yoo komate waliif dhiisaa” jedhu hojiirra oolchuudhaan hambisuun ni dandaʼama. (Qolosaayis 3:13) Haataʼu malee, warri keessan gaaʼela keessan keessa lixuunsaanii, atiifi hiriyaan gaaʼelaakee akka walitti buutan kan godhu yoo taʼehoo?

Hiriyoonni gaaʼelaa tokko tokko, walitti dhufeenya warrasaanii wajjin qabanirratti daangaa barbaachisaa taʼe gochuu akka qaban hubataniiru. Kana jechuun daangaa gochuu keessan karaa nama mufachiisuun itti himtu jechuu miti. * Yeroo baayʼee jireenyakee keessatti hiriyaa gaaʼelaakeetiif dursa akka kennitu gocha keetiin argisiisuu qofti gaʼaadha. Fakkeenyaaf, abbaan manaa Jaappaan keessa jiraatuufi Maasaayuukii jedhamu tokko, “Warri ilaalchasaanii kan ibsan yoo taʼeyyuu, yeruma sana walii galuukee hin ibsin. Maatii haaraa tokko hundeessaa akka jirtu yaadadhu. Kanaaf, dura hiriyaan gaaʼelaakee gorsa isaan kennaniif ilaalcha maalii akka qabu hubadhu.”

AKKAS GOCHUUF YAALI: Warri gaaʼela keessan keessa galuunsaanii, gidduu keessanitti walitti buʼiinsa kan uume karaa kamiin akka taʼe hiriyaa gaaʼelaakee wajjin irratti mariʼadhu. Warra keessaniif utuma kabaja kennitanii, daangaa akkamii gochuufi daangaa gootan sana eegdanii jiraachuu akka dandeessan waliin taʼaa barreessaa.

Walitti buʼiinsi warra hiriyaa gaaʼelaakee wajjin uumamu hedduun, kakaʼumsasaanii hubachuufi wanti kun gidduu keessanitti walitti buʼiinsa akka hin uumne gochuudhaan hambisuun ni dandaʼama. Kana ilaalchisuudhaan Jeeniin akkas jetti: “Yeroo tokko tokko warra keenya ilaalchisee mareen abbaa manaakoo wajjin goonu, aariirratti kan hundaaʼedha jechuun ni dandaʼama. Hirʼina warra keenya lamaaniyyuu kaasnee dubbachuun keenya dhiphina guddaa geessisee akka ture beekamaadha. Dhumarratti garuu, hirʼina warra hiriyaa gaaʼelaa keenyaa kaasnee karaa nama miidhuun dubbachuu dhiisnee, rakkina yeroo sana nu mudate hiikuu baranne. Kanaan kan kaʼes, akka haadha manaafi abbaa manaatti baayʼee walitti dhihaanne.”

[Miiljaleewwan]

^ key. 3 Maqaawwan jijjiiramaniiru.

^ key. 14 Warri hiriyaa gaaʼelaa cubbuu cimaa hojjetanii utuu yaada garaa hin geddaratin yoo itti fufan, walitti dhufeenyi maatiiwwan gidduu jiru baayʼee akka laafuufi murtaaʼaa akka taʼu beekamaadha.—1 Qorontos 5:11.

^ key. 19 Yeroo tokko tokko rakkoo jiru ilaalchisee warrakee ykn warra hiriyaa gaaʼelaakee wajjin ifatti mariʼachuu si barbaachisa taʼa. Akkas gochuun kan si barbaachisu yoo taʼe kabajaafi garraamummaadhaan haa taʼu.—Fakkeenya 15:1; Efesoon 4:2; Qolosaayis 3:12.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

Warri hiriyaa gaaʼelaakoo amalawwan gaggaarii akkamii qabu?

Hiriyaa gaaʼelaakoo utuu hin dagatin, warrakoo kabajuu kanan dandaʼu akkamitti?