Yesus Siyaasa Keessa Kan Hin Galle Maaliif Ture?
Yesus Siyaasa Keessa Kan Hin Galle Maaliif Ture?
WANTA Dh.K.B. bara 32tti raawwatame ilaali. Yeroonsaa gara galgalaati. Yesus, inni Masiihii waaʼeensaa raajiidhaan dubbatame taʼe, namoota fayyisuufi duʼaallee kaasuudhaan beekamaa taʼeera. Guyyaa kanatti, milikkitoota gurguddaa raawwachuufi barumsa Waaqayyoo barsiisuudhaan namoota kumaan lakkaaʼaman ajaaʼibsiiseera. Amma namoota beelaʼan tuuta xixinnootti hihhire. Yihowaa kadhatee dinqiidhaan hundasaanii nyaachise. Achiis, nyaanni akka lafatti hin badneef kan isaanirraa hafe hunda walitti sassaabe. Yeroo kanatti namoonni maal gochuuf yaadan?—Yohannis 6:1-13.
Dinqiiwwan Yesus raawwate, akkaataa namoota hedduu sana itti qindeesseefi wanta isaan barbaachisu itti isaanii kenne yommuu argan, Yesus mootii mudaa hin qabne taʼuu dandaʼa jedhanii yaadan. (Yohannis 6:14) Akkas isaanitti dhagaʼamuunsaa nama hin dinqisiisu. Bulchaa gaarii buʼa qabeessa taʼe dhabanii abdii kutatanii akka turan yaadadhu; magaalaansaanii isheen jaallatamtuun, bulchiinsa biyya alaa cunqursaa taʼe jala turte. Kanaafuu, dhimma siyaasaa keessa akka galu Yesusiin dirqisiisuu barbaadan. Kana yaadatti qabadhuutii wanta Yesus godhe ilaali.
Yohannis 6:15, “Yesus namoonni kun dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran hubatee, kophaa isaa ammas gara gaaraatti jalaa sokke” jedha. Ejjennoon Yesus maal akka taʼe beekamaadha. Siyaasa biyyasaa keessa akka hin galleef ejjennoo cimaa fudhateera. Ejjennoonsaa matumaa hin jijjiiramne. Duuka buutonnisaas ejjennoo akkasii qabaachuu akka qaban dubbateera. (Yohannis 17:16) Yesus siyaasa keessa kan hin galle maaliifi?
Yesus Siyaasa Keessa Galuu Kan Hin Barbaanne Maaliifi?
Yesus siyaasa biyya lafaa kanaa keessa galuu dhiisuuf sababii quubsaa seera buʼuuraa Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼe qaba ture. Seerawwan buʼuuraa kana keessaa lama qofa haa ilaallu.
“Yeroon inni tokko warra kaan irratti moʼee isaan miidhus jira.” (Lallaba 8:9) Wanti Macaafni Qulqulluun seenaa bulchiinsa ilmaan namootaa ilaalchisee dubbatu kanadha. Yesus nama taʼee gara lafaa dhufuusaa dura, qaama hafuuraa taʼee samiirra jiraachaa akka ture yaadadhu. (Yohannis 17:5) Kanaafuu, namni kaayyoo gaarii yoo qabaatellee wanta namoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif barbaachisu sirriitti guutuuf dandeettii akka hin qabneefi Waaqayyo sababii kanaaf akka nama hin uumne beeka ture. (Ermiyaas 10:23) Yesus, rakkina ilmaan namootaatiif furmaata kan argamsiisu bulchiinsa namootaa akka hin taane beeka ture.
‘Guutummaan biyya lafaa harka isa hamaa jala jira.’ (1 Yohannis 5:19) Yaada kana fudhachuun sitti ulfaataa? Namoota hedduutti ni ulfaata. Namoonni garaa qajeelaadhaan kakaʼanii bulchitoota kan taʼan, addunyaa kana bakka gaarii tasgabbii qabu gochuu waan barbaadaniif akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Taʼuyyuu, bulchitoonni eenyuyyuu caalaa garaa qulqulluudhaan kakaʼanillee carraaqqii akkamiiyyuu yoo godhan, dhiibbaa Seexanni inni Yesus kan “biyya lafaa kana seerratu” taʼuusaa dubbate isaanirra geessisu moʼuu hin dandaʼan. (Yohannis 12:31; 14:30) Yesus nama siyaasaa tokkoon, “Mootummaan inni kan kootii mootummaa biyya lafa kanaa miti” kan jedhe kanaaf ture. (Yohannis 18:36) Yesus, mootii bulchiinsa Waaqayyoo isa samiirratti bulchuuf jiru ture. Yesus utuu siyaasa keessa galeera taʼee, bulchiinsa Abbaasaatiif amanamaa utuu hin taʼin hafa ture.
Haataʼu malee, Yesus duuka buutonnisaa bulchitoota biyya lafaa wajjin haala wal qabateen dirqamni akka isaanirra hin jirre barsiiseeraa? Lakki. Kanaa mannaa, itti gaafatamummaa Waaqayyo biratti qabaniifi dirqama bulchiinsa biyya lafaa biratti qaban karaa sirrii taʼeen akka baʼan isaan barsiiseera.
Yesus Namoota Aboo Qaban Kabajeera
Utuu Yesus mana qulqullummaa keessatti barsiisaa jiruu, mormitoonni namoonni gibira Luqaas 20:21-25) Kanaaf, duuka buutonnisaa Waaqayyo birattis taʼe mootii biratti dirqamni isaanirra jiru jira.
kaffaluu qabumoo hin qaban jedhanii isa gaafachuudhaan wanta dogoggora taʼe akka dubbatu isa qoruuf yaalanii turan. Yesus kaffaluu hin qaban utuu jedhee, deebiinsaa kun namoota kakaasuu, akkasumas warri cunqurfamaniifi waanjoo Roomaa isaan hacuuce jalaa baʼuuf hawwii qaban sun fincila akka kaasan gochuu dandaʼa ture. Yesus, deebiinsaa eeyyee kan jedhu utuu taʼeemmoo, namoonni baayʼeen jalʼina isaanirra gaʼaa jiruuf inni dantaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa ture. Yesus, “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf taʼu, Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf taʼu kennaa!” jechuudhaan deebii sirrii isaaniif kenne. (Mootummoonni hamma tokkos taʼu seerri akka eegamu ni godhu. Lammiiwwansaanii amanamoo akka taʼan, gibira akka kaffalaniifi seera akka kabajan irraa eegu; kunis sirriidha. Yesus “mootichaaf kan fudhachuun isaaf taʼu” kennuudhaan fakkeenya akkamii taʼeera? Yesusiin kan guddise warra yeroo rakkisaa taʼettillee seeraaf ajajamanidha. Fakkeenyaaf, Yoseefiifi haati manaasaa Maariyaam isheen ulfa turte, labsii mootiin Roomaa namoonni akka lakkaaʼaman baaseen kan kaʼe kiilomeetira 150 deemanii gara Betlihem dhaqaniiru. (Luqaas 2:1-5) Yesusis gibira kaffaluun kan isa hin barbaachisne taʼullee kaffaluudhaan, akkumasaanii seera kan kabaju taʼuusaa argisiiseera. (Maatewos 17:24-27) Kana malees, aangoosaatti fayyadamee dhimmawwan dhuunfaa namootaa keessa akka hin galle of eeggannoo guddaa godheera. (Luqaas 12:13, 14) Yesus, sirna mootummaa biyya lafaa keessa galuu didus, kabajeera. Haataʼu malee Yesus, “Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf taʼu kennaa!” yeroo jedhu maal jechuusaa ture?
Yesus ‘Waaqayyoof Kan Fudhachuun Isaaf Taʼu’ Kan Kenne Akkamitti?
Yeroo tokko Yesus, seerawwan Waaqayyo namootaaf kenne keessaa hundarra kan caalu isa kam akka taʼe gaafatamee ture. Kiristos Maatewos 22:37-39) Yesus, ‘wanti Waaqayyo fudhachuun isaaf taʼu’ inni jalqabaa jaalala, isa garaa guutuudhaan guutummaatti isaaf amanamuu dabalatu taʼuusaa barsiiseera.
deebii akkas jedhu kenne: “‘Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaanis jaallachuutu siif taʼaʼ. Abboommiin hundumaa irra caalu inni duraa isa kana. Abboommiin inni lammaffaan akkuma isa duraa ti; ‘Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa.ʼ” (Jaalala akkasii qaama kan biraatiifis hiruun ni dandaʼamaa? Amanamummaa keenya walakkaasaa Yihowaafi bulchiinsasaa isa samiitiif, walakkaasaammoo bulchitoota biyya lafaatiif kennuu ni dandeenyaa? Yesus seera buʼuuraa akkas jedhu dubbateera: “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin dandaʼu, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee.” (Maatewos 6:24) Asirratti Yesus, Waaqayyoofis qabeenyaafis amanamoo taʼuu ilaalchisee kan dubbate taʼuyyuu, seerri buʼuuraa kun siyaasa keessa galuu ilaalchisees akka hojjetu beeka ture; duuka buutonnisaa jaarraa jalqabaas akkasuma isaanitti dhagaʼama ture.
Galmeewwan bara durii, duuka buutonni Yesus warri jaarraa jalqabaa karaa kamiiniyyuu siyaasa keessa akka hin galle argisiisu. Waaqeffannaasaanii guutummaatti kan kennan Isa Kiristos waaqeffateef waan taʼeef, Roomaafi mootii moototasheetiif guutummaatti of kennuu, waraanarratti hirmaachuufi aangoo siyaasaa fudhachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes jibbiinsi guddaan isaanirra gaʼeera. Diinonnisaanii, ilmaan namootaatiif jibba kan qaban godhanii yeroon itti isaan himatan jira ture. Himanni kun dhugaa turee?
Kiristiyaanonni Dhugaan Namootaaf Ni Yaadu
Wanta Yesus abboommii guddaa Waaqayyo kenne isa lammataa “Nama akka mataa keetiitti jaallachuutu siif taʼa” jedhu ilaalchisee dubbate yaadadhu. Namni dhugumaan duuka buutuu Yesus taʼe kamiyyuu nama jibbuu akka hin qabne beekamaadha. Yesus namoota ni jaallata ture, Maarqos 5:25-34; Yohannis 2:1-10.
isaan fayyaduuf waan baayʼee godheera, akkasumas wanta guyyaa guyyaadhaan jireenyaaf isaan barbaachisuunillee isaan gargaareera.—Haataʼu malee, wanti guddaan Yesus ittiin beekamu maal ture? Wantoota kana hundumaa kan raawwate taʼuyyuu, fayyisuu, namoota kumaan lakkaaʼaman nyaachisuu ykn duʼaa kaasuusaatiin maqaan hin kennamneef. Kanaa mannaa, namoonni Barsiisaa jedhanii kan isa waaman siʼa taʼu, kunis sirrii ture. (Yohannis 1:38; 13:13) Yesus, sababiin gara lafaa dhufeef inni guddaan waaʼee Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisuu akka taʼe ibseera.—Luqaas 4:43.
Duuka buutonni Kiristos warri dhugaan hojii Gooftaansaanii yeroo lafarra ture itti qabame, jechuunis hojii misraachoo Mootummaa Waaqayyoo namoota barsiisuutiin kan qabaman kanaafi. Yesus Kiristos, Kiristiyaanonni hundumtuu namoota addunyaa mararra jiran waaʼee Mootummaa kanaa akka barsiisan isaan ajajeera. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Bulchiinsi samii kan barabaraa taʼe kun, seera jaalalaatiin geggeeffamuudhaan uumama Waaqayyoo hundumaarratti bulcha. Rakkinaafi duʼallee balleessuudhaan, fedha Waaqayyoo ni raawwata. (Maatewos 6:9, 10; Mulʼata 21:3, 4) Kanaaf, Macaafni Qulqulluun, ergaan Kiristos “misraachoo” akka taʼe dubbachuunsaa kan nama dinqisiisu miti!—Luqaas 8:1.
Duuka buutota Yesus Kiristos warra dhugaa yeroo harʼaa lafarra jiran beekuu barbaadda yoo taʼe, akkamitti addaan baastee isaan beekuu dandeessaree? Siyaasa biyya lafaa keessa galuu qabuu? Moo, akkuma Yesus Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi barsiisuu akka hojiisaanii isa guddaa taʼetti raawwachaa jiru?
Waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi mootummaan kun jireenyakee isa ammaarratti dhiibbaa akkamii akka geessisu beekumsa dabalataa argachuu barbaaddaa? Dhugaa Baatota Yihowaa naannookee jiran akka haasofsiistu ykn Weeb saayitiisaanii, www.watchtower.org jedhamu akka daawwattu si afeerra.
[Saanduqa/Fakkii fuula 20rra jiru]
Dhugaa Baatonni Yihowaa Hawaasa Ni Gargaaruu?
Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa hin seenan. Haataʼu malee, namoota sanyiifi haala addaddaa qaban hundaaf gargaarsa guddaa godhu. Yaadawwan armaan gadii hubadhu:
◼ Dhugaa Baatonni Yihowaa miliyoona torbaa ol taʼan, fedhiisaaniitiin waggaa waggaadhaan namoota Macaafa Qulqulluu barsiisuu, amalawwaniifi gochawwan gadheerraa akka walaba baʼan gargaaruu, maatii gammachuu qabu akka qabaataniifi jireenyasaanii akka fooyyessan barsiisuudhaan walumatti qabaatti saʼaatii biliyoona 1.5 ol dabarsu.
◼ Afaan barreeffama tokkollee hin qabne dabalate, afaan 500 ol taʼeen barreeffamoota maxxansanii kaffaltii tokko malee raabsu.
◼ Namoota duratti haasaa dhiheessuu dandaʼuuf leenjii kan kennan siʼa taʼu, kunis namoonni miliyonaan lakkaaʼaman karaa ifa taʼeefi malaan yaadasaanii ibsuu akka dandaʼan gargaareera.
◼ Dubbisuufi barreessuus kan barsiisan siʼa taʼu, addunyaa mararratti namoonni kuma kudhaniin lakkaaʼaman sagantaa kanarraa faayidaa argataniiru.
◼ Namoonni fedhii qaban bakka Macaafni Qulqulluun itti baratamu ijaaruuf dandeettii akka qabaatan leenjisuuf, addunyaa maratti Koreewwan Ijaarsaa Naannoo 400 ol taʼan qindeessaniiru. Waggoottan kurnan darbanitti, manneen waaqeffannaa ykn Galmawwan Mootummaa 20,000 ol taʼan ijaaramaniiru.
◼ Addunyaa maratti yeroo balaan uumamaa gaʼu hojii gargaarsaarratti hirmaachuudhaan, namoota Dhugaa Baatota taʼanis taʼe hin taane ni gargaaru. Yunaayitid Isteetis obomboleettiidhaan erga rukutamtee booda waggoota lama keessatti, Dhugaa Baatonni fedhiidhaan of dhiheessan Galmawwan Mootummaa 90 ol taʼaniifi manneen 5,500 taʼan deebisanii ijaaraniiru.
[Fakkii fuula 19rra jiru]
Yesus yeroo namoonni siyaasa keessa akka galu isa dirqisiisuuf yaalan, ‘kophaasaa gara gaaraatti’ jalaa sokke