Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

2 Gara Eenyuutti?

2 Gara Eenyuutti?

Kadhannaa

2 Gara Eenyuutti?

NAMOONNI kadhatasaanii eenyuttiyyuu yoo dhiheessan Waaqayyo isaanii dhagaʼaa? Namoonni baayʼeen akkas akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Namoonni amantii walitti makuu barbaadaniifi amantiiwwan hundi garaagarummaa qabaataniyyuu fudhatama akka argatan barbaadan hedduun yaada kanarratti walii galu. Haataʼu malee yaanni kun dogoggora taʼuu dandaʼaa?

Macaafni Qulqulluun, yeroo baayʼee namoonni kadhannaasaanii qaama dhihaachuufii qabutti akka hin dhiheessine dubbata. Bara duriitti namoonni waaqayyolii tolfamootti kadhannaa dhiheessuunsaanii baramaa ture. Waaqayyo garuu gochi kun sirrii akka hin taane yeroo baayʼee akeekkachiiseera. Fakkeenyaaf, waaqayyolii tolfamoo ilaalchisee Faarfannaan 115:4-6, “Gurri itti jira, garuu dhagaʼuu hin dandaʼan” jechuudhaan dubbata. Yaannisaa ifadha. Waaqa matumaa si dhagaʼuu hin dandeenyeef kadhannaa dhiheessuun buʼaa qabaa?

Seenaan Macaafa Qulqulluu keessa jiru tokko dhimma kana akka gaariitti ibsa. Raajii Waaqa dhugaa kan taʼe Eliyaas, raajonni Baʼaal waaqasaanii akka kadhataniifi sana boodammoo inni gara Waaqasaatti kadhannaa akka dhiheessu gaaffii isaanii dhiheessee ture. Eliyaas, Waaqni dhugaan deebii akka kennuufi waaqni sobaa garuu deebii akka hin kennine dubbate. Raajonni Baʼaal gaaffii isaanii dhihaate fudhatanii, sagaleesaanii ol kaasanii iyyaa yeroo dheeraadhaaf cimsanii kadhatanis deebii utuu hin argatin hafaniiru! Seenaansaa, ‘Tokkollee kan deebisu hin turre, iyyasaaniis kan dhaggeeffatu in dhabame’ jechuudhaan nuti hima. (1 Mootota 18:29, hiika bara 1899) Yeroo Eliyaas kadhatetti garuu maaltu raawwatame?

Eliyaas kadhannaa erga dhiheessee booda, Waaqnisaa ibidda waaqarraa ergee aarsaa inni dhiheesse gubuudhaan battaluma sanatti deebii kenneeraaf. Garaagarummaan Eliyaasiifi raajota Baʼaal maalidha? Kadhannaa Eliyaas isa 1 Mootota 18:36, 37⁠rra jirurratti wanti barbaachisaa taʼe tokko caqasameera. Akka afaan Ibrootaa isa jalqabaatiin barreeffametti, kadhannaan kun, kadhannaa gabaabaa jechoota 30 qofa qabudha. Taʼus Eliyaas, kadhannaa gabaabaa kana keessatti Waaqayyoon maqaasaa isa Yihowaa jedhuun al sadii waameera.

Baʼaal inni hiiknisaa “abbaa qabeenyaa” ykn “gooftaa” jedhu waaqa Kanaʼaanotaa yommuu taʼu, iddoo addaddaatti maqaa garaagaraatiin waamama ture. Maqaan Yihowaa jedhu garuu adda yommuu taʼu, uumama cufa keessatti maqaa kanaan kan waamamu isa qofadha. Waaqni kun, “Ani Waaqayyoo [“Yihowaa, NW”] dha, maqaan koo isa kana; ani ulfina koo kan biraatiif hin kennu” jechuudhaan sabasaatti himeera.—Isaayaas 42:8.

Kadhannaan Eliyaasiifi raajonni Baʼaal dhiheessan bakka tokko dhaqee? Waaqeffannaan Baʼaal, sirna waaqeffannaarratti ejji akka raawwatamuufi namni aarsaa godhamee akka dhihaatu waan gaafatuuf kan nama salphisu ture. Waaqeffannaan Yihowaa garuu, sabasaa Israaʼel gochawwan salphinaa akkasiirraa walaba gochuudhaan ulfina akka qabaatan godheera. Kanaafuu mee yaadi! Hiriyaakee baayʼee isa kabajjuuf xalayaa tokko erguu yoo barbaadde, maqaa nama garabiraa amala gadhee qabu tokkootiin fayyadamtee barreessitaafii? Matumaa akkas hin gootu!

Kadhannaakee Yihowaadhaaf kan dhiheessitu yoo taʼe, Waaqa isa Uumaafi Abbaa ilmaan namootaa taʼe kadhachaa jirta jechuudha. * Raajii Yihowaa kan taʼe Isaayaas, “Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya” jechuudhaan kadhannaa dhiheesseera. (Isaayaas 63:16) Yesus Kiristosis, Yihowaa ilaalchisee, “Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan baʼa” jechuudhaan duuka buutotasaatti dubbateera. (Yohannis 20:17) Yihowaan Abbaa Yesusidha. Inni Waaqa Yesus kadhannaa isatti dhiheessaa tureefi duuka buutonnisaas isa qofa akka kadhatan isaan barsiisedha.—Maatewos 6:9.

Macaafni Qulqulluun, Yesus, Maariyaam, qulqulloota ykn ergamoota akka kadhannu nu barsiisaa? Matumaa! Kanaa mannaa Yihowaa akka kadhannu barsiisa. Mee sababa itti akkas jechuu dandeenyu lama haa ilaallu. Tokkoffaa, kadhata dhiheessuun kutaa waaqeffannaa keessaa tokko yommuu taʼu, Macaafni Qulqulluunis waaqeffannaan dhihaachuu kan qabu Yihowaa qofaaf akka taʼe ibsa. (Baʼuu 20:5) Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun ‘Waaqa kadhata namaa dhagaʼu’ jechuudhaan waaʼeesaa dubbata. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan warra kaaniif itti gaafatamummaa danuu kan kenne taʼus, kadhata ilaalchisee garuu eenyuufiyyuu aboo hin kennine. Kadhannaa hundi keenya dhiheessinu ofumasaatii dhagaʼuuf waadaa galeera.

Kanaafuu Waaqayyo kadhannaakee akka siif dhagaʼu yoo barbaadde, gorsa Caaffata Qulqullaaʼaa, “Maqaa gooftaa kan waammatu hundinuu immoo in oola” jedhu yaadadhu. (Hojii Ergamootaa 2:21) Haataʼu malee, Yihowaan ulaagaa tokko malee kadhannaa hundumaa dhagaʼamoo, akka inni kadhannaa keenya dhagaʼuuf wanti beekuu qabnu jira?

[Miiljalee]

^ key. 9 Amantiiwwan tokko tokko kadhannaarrattillee maqaa Waaqayyoo waamuun sirrii akka hin taane barsiisu. Haataʼu malee, afaan jalqaba Macaafni Qulqulluun ittiin barreeffameen maqaan kun gara al 7,000 kan argamu siʼa taʼu, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo baayʼee kadhannaafi faarfannaawwansaanii keessatti itti fayyadamaa turaniiru.

[Fakkii fuula 5rra jiru]

Gaaffiin Eliyaas raajota Baʼaaliif dhiheesse, kadhannaan hundi bakka tokko akka hin dhaqne kan mirkaneessudha