Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

3 Akkamitti?

3 Akkamitti?

Kadhannaa

3 Akkamitti?

KADHANNAA ilaalchisee amantiiwwan hedduun haala qaamaa, jechoota kadhannaarratti fayyadamaniifi sirna amantiitiif xiyyeeffannaa guddaa kennu. Macaafni Qulqulluun garuu wantoota kanarratti utuu hin taʼin, gaaffii caalaatti barbaachisaa taʼeefi “Kadhannaa dhiheessuu kan qabnu akkamitti?” jedhuuf dursa akka kenninu nu gargaara.

Macaafni Qulqulluun, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri amanamoon, iddoofi haala qaamaa addaddaatiin kadhannaa akka dhiheessan ibsa. Akkuma haalasaatti, utuu sagalee hin dhageessisin ykn sagaleesaanii guddisanii kadhannaa dhiheessaniiru. Gara samii ilaalaa ykn gad gugguufanii kadhataniiru. Fakkiiwwan, callee ykn kitaabota kadhannaaf qophaaʼanitti fayyadamuudhaan utuu hin taʼin, garaasaaniirraa jecha mataasaaniitiin kadhannaa dhiheessu turan. Wanti kadhannaansaanii Waaqayyo biratti akka dhagaʼamu godhe maalidha?

Akkuma mataduree darberratti ilaalle, namoonni kun kadhannaasaanii Yihowaa Waaqa tokkichaaf dhiheessaniiru. Wanti barbaachisaa taʼe garabiraanis jira. Yohannis Isa Duraa 5:14⁠rratti, “Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhagaʼa; akka kanatti isa in amananna” yaada jedhu dubbisna. Kadhannaan dhiheessinu fedha Waaqayyoo wajjin kan walsimu taʼuu qaba. Kana jechuun maal jedhuudha?

Fedha Waaqayyoo wajjin haala walsimuun kadhachuuf, fedhisaa maal akka taʼe beekuun nu barbaachisa. Wanti kadhannaa dhiheessuuf barbaachisaa taʼe inni tokko Macaafa Qulqulluu qayyabachuudha. Kana jechuun Waaqayyo hayyoota Macaafa Qulqulluu yoo taʼuu baanne kadhannaa keenya hin dhagaʼu jechuudhaa? Miti! Haataʼu malee, Waaqayyo fedhasaa hubachuufi hojiirra oolchuuf fedhisaa maal akka taʼe akka barannu barbaada. (Maatewos 7:21-23) Kadhannaa keenya wanta barannee wajjin haala walsimuun dhiheessuun keenya barbaachisaadha.

Fedha Yihowaa barachaa ennaa adeemnu, amantiin keenyas jabaachaa adeemna; amantiinimmoo wanta kadhannaadhaaf barbaachisaa taʼe garabiraadha. Yesus, “Amantanii kadhataan waan dhiʼeeffattan hundumaa in fudhattu” jechuudhaan dubbateera. (Maatewos 21:22) Amantii qabaachuu jechuun gowwummaadhaan waan tokkotti amanuu jechuu miti. Kanaa mannaa, kan ijaan hin argamne taʼus, wanta ragaa baayʼee amanamaa taʼe qabutti amanuu jechuudha. (Ibroota 11:1) Macaafni Qulqulluun, Yihowaan inni ijaan hin argamne dhugumaan kan jiru, amanamaafi kadhannaa namoonni isatti amanaman dhiheessaniif deebii kennuuf fedhii kan qabu taʼuusaa ragaawwan argisiisan hedduu qabateera. Kana malees, amantii guddaa qabaachuuf yeroo hundumaa kadhachuu kan dandeenyu yommuu taʼu, Yihowaanis wanta nu barbaachisu nuu kennuu ni jaallata.—Luqaas 17:5; Yaaqoob 1:17.

Kadhannaa akkamitti dhiheessuu akka qabnu ilaalchisee wanti bakka guddaa qabu garabiraanis jira. Yesus, “Anaan yoo taʼe malee, eenyu iyyuu gara abbaa hin dhufu” jedheera. (Yohannis 14:6) Kanaafuu, Yesus karaa itti Abbaa keenya Yihowaatti dhihaachuu dandeenyudha. Kanaan kan kaʼes, Yesus duuka buutonnisaa maqaasaatiin akka kadhatan isaanitti himeera. (Yohannis 14:13; 15:16) Akkas jechuun garuu Yesusiin kadhachuu qabna jechuu miti. Kanaa mannaa, karaan itti Abbaa keenya isa mudaa hin qabneefi qulqulluu taʼetti dhihaachuu dandeenyu isa taʼuusaa yaadachuudhaan, maqaa Yesusiin kadhannaa dhiheessuu jechuudha.

Yeroo tokko duuka buutonni Yesus baayʼee isatti dhihaatan, “Kadhachuu nu barsiisi!” jechuudhaan isa gaafatanii turan. (Luqaas 11:1) Gaaffiinsaanii yaadawwan buʼuuraa armaan olitti irratti mariʼanne akka hin taane beekamaadha. Qabiyyeen kadhannaasaanii maal taʼuu akka qabu beekuuf, ‘Waaʼee maalii kadhannu?’ jedhanii gaafachuusaanii ture.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 6rra jiru]

Kadhannaan Waaqayyo dhagaʼu, haala fedhasaa wajjin walsimuufi amantiidhaan, akkasumas maqaa Yesusiin kan dhihaatudha