Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Ogeeyyiin yeroo Yesus daaʼima ture isa gaafachuu dhufan eenyu turan?

Seenaan dhaloota Yesus ilaalchisee Wangeela Maatewos keessatti caqasame akka jedhutti, daawwattoonni “baʼa-biiftuutii” dhufan, warra urjii mootii haaraan dhalachuusaa himu arganiifi Yesus isa daaʼima tureef kennaa fidanidha. Caqasni Wangeela kanarra jiru afaan Giriikiitiin daawwattoota kana, meejoy jechuunis ‘ogeeyyii urjii lakkaaʼan’ jedhee waama. (Maatewos 2:1) Waaʼee ogeeyyii kanaa maal beekna?

Barreessaa seenaa Giriikii Herodotas jedhamurraa waaʼee ogeeyyii kanaa odeeffannoo durii amanamaa taʼe argachuu dandeenya. Herodotas inni Dh.K.D. jaarraa shanaffaatti jiraate akka barreessetti, ogeeyyiin kun kan luboota Faares warra urjii lakkaaʼuu, abjuu hiikuufi dawweessuurratti dandeettii guddaa qabaniidha. Bara Herodotasitti, Faaresoonni amantii Zooraastar hordofu turan. Kanaafuu ogeeyyiin inni jedhe kun, luboota Zooraastar taʼuu hin oolan. Za Intarnaashinaal Istaandaardi Baayibil Insaaykilooppiidiyaan akka jedhetti, “Bara Giriikota duriitti ogeeyyiin kun, beekumsaafi dandeettii ilmaan namootaatii ol taʼe kan qaban yommuu taʼu, al tokko tokkos ayyaana hedu turan.”

Namoonni durii “Kiristiyaanota” jedhamaniifi Macaafa Qulqulluurratti yaada kennan baayʼeen, kanneen akka Jastiin wareegamichaa, Oriijaniifi Tartuuliyaan, namoonni Yesusiin ilaaluu dhufan ogeeyyii urjii lakkaaʼan akka taʼan ibsaniiru. Fakkeenyaaf, Tartuuliyaan kitaabasaa Oon Aydolaatri jedhamurratti, “Nuyi ayyaana heduufi urjii lakkaaʼuun wantoota walitti dhufeenya cimaa qaban akka taʼan beekna. Namoonni waaʼee urjii beekan kun, Isaaf (Yesusiif) ‘kennaa’ kennuuf . . . warra jalqabaa turan” jechuudhaan barreesseera. Haala yaada kanaa wajjin walsimuun, hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu hedduun jecha meejoy jedhu “ogeeyyii urjii lakkaaʼan” jedhanii hiikaniiru.

Maatewos yaada Macaafa Zakaariyaas keessaa fudhate maalif akka yaada Ermiyaas raajichaatti dhiheesse?

Yaadni gaaffii kanaa kan fudhatame Maatewos 27:9, 10⁠rraa yommuu taʼu, barreessaan Wangeela kanaa iddoo kanatti Yihudaa isa biyya Keriyot isa Yesusiin dabarse kenneef qarshiin kennamuusaa dubbata. Caqasichi, “Inni Ermiyaas raajichi dubbate kanaan raawwatame, ‘Isaan meetii soddomaan gatii . . . sanaa fuudhanii, . . . gatii lafa namicha suphee dhaʼuu kennanʼ” jedha. Waaʼee meetii 30 raajii kan dubbate garuu, Ermiyaas utuu hin taʼin Zakaariyaas ture.—Zakaariyaas 11:12, 13.

Macaafota “Raajotaa” walitti qabaman keessatti, yeroo tokko tokko Isaayaas utuu hin taʼin Ermiyaastu jalqabarratti argama. (Maatewos 22:40) Kanaafuu, Maatewos waaʼee “Ermiyaas” yeroo dubbatu, Caaffata Qulqullaaʼoo kutaa tokko keessatti ramadaman hunda macaafa isaan ittiin jalqabaniin waamuusaa ture. Kutaan Caaffata Qulqullaaʼoo kanaammoo raajii Zakaariyaasis kan dabalatudha.

Haaluma wal fakkaatun Yesus kitaabota Macaafa Qulqulluu, Caaffatoota jedhamanii beekaman hedduu “Faarfannaa” jedhee waameera. Yesus, “seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti” wanti isa ilaalchisee barreeffame hundi akka raawwatame yommuu dubbatu, raajiiwwan guutummaa Caaffata Qulqullaaʼoo afaan Ibrootaa keessatti argaman caqasuusaa ture.—Luqaas 24:44.