Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

Maree Macaafa Qulqulluurratti Hundaaʼe Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

DHUGAA BAATONNI YIHOWAA waaʼee Macaafa Qulqulluu namootaa wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa. Gaaffii Macaafa Qulqulluurraa deebiisaa argachuu barbaaddu tokko qabdaa? Wantoota Dhugaa Baatonni Yihowaa itti amanan ykn haala amantiisaanii wajjin wal qabateen wantoota isaan raawwatan beekuu barbaaddaa? Taanaan, yeroo ittaanutti Dhugaa Baatota keessaa nama tokkoo wajjin yeroo wal argitu, gaaffii kana isaan gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Dhugaa Baatonni Yihowaa dhimma akkasiirratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

Mareen armaan gaditti dhihaate, maree Dhugaa Baatonni Yihowaa namootaa wajjin gochuu dandaʼan keessaa tokkodha. Mee Dhugaa Baatuun Caalaa jedhamu tokko manaa gara manaatti yeroo tajaajilu nama Gurmuu jedhamuu wajjin akka wal arge goonee haa yaadnu.

“Hafuurri Qulqulluun” Maalidha Jettee Amanta?

Gurmuu: Isin Dhugaa Baatonni Yihowaa hafuura qulqulluutti waan hin amanneef, Kiristiyaanota akka hin taane dhagaʼeera.

Caalaa: Duraan dursee Kiristiyaanota akka taane sii mirkaneessuun barbaada. Ganama kana manakee kanan dhufe Yesus Kiristositti waanan amanuufidha. Duuka buutonnisaa akka lallaban kan ajaje isadha. Mee gaaffii tokkon si gaafadha! “Hafuurri qulqulluun” maalidha jettee amanta?

Gurmuu: Hafuurri qulqulluun qaama Sillaasee isa sadaffaa, Yesus, akka nuuf dubbatu waadaa gale taʼuusaan amana. Hafuurri kun wantan jireenyakoo keessatti bakka guddaa kennuufidha. Jireenyakoo keessatti hafuura kana akkan qabu akka natti dhagaʼamun barbaada.

Caalaa: Kun ilaalcha namoonni baayʼeen hafuura qulqulluudhaaf qabanidha. Yeroo muraasa dura, dhimma kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu qoruuf carraa argadheen ture. Daqiiqaa muraasa yoo qabaatte, wantan baradhe sitti argisiisuun barbaada.

Gurmuu: Tole, natti argisiisi.

Caalaa: Yerookee akkan hin fudhanneef, dhimma kana ilaalchisee yaada tokko qofarrattan xiyyeeffadha. Hafuurri qulqulluun, isa nuuf dubbatuufi Yesus akka nuu ergu waadaa nuu galedha jettee turte. Anis yaadakee kanarratti waliin gala. Haataʼu malee hafuurri qulqulluun qaama kan qabuufi Waaqayyoo wajjin qixxeedha jechuukeetii?

Gurmuu: Eeyyee, wantin baradhe kanadha.

Hafuurri Qulqulluun Qaama Qabaa?

Caalaa: Mee hafuurri qulqulluun qaama qabaachuufi dhiisuusaa hubachuuf yaada Macaafa Qulqulluu tokko haa ilaallu. Atis caqasa kana beekta taʼa. Caqasichi Hojii Ergamootaa 2:1-4⁠rra kan jiru siʼa taʼu, akkas jedha: “Ayyaanni guyyaa shantammaffaa inni ‘Phenxeqostee’ jedhamee beekame yommuu gaʼe, hundinuu iddoo tokkotti walitti qabamanii turan. Dingatas huursaan waaqa irraa akka bubbee bubbisuutti dhagaʼamee, manicha isaan keessa jiranis guute. Arraba ibiddaa kan fakkaatan isaanitti mulʼatan, gargar tamsaʼaniis, wanti akka arraba ibiddaa kun tokkon tokkon isaanii irra taaʼan. Yommus hundumti isaanii hafuura qulqulluudhaan guutaman; akka hafuurri dubbachuu isaa isaaniif kennetti, afaan garaa garaa dubbachuu jalqaban.”

Gurmuu: Seenaa kana beeka.

Caalaa: Gurmuu, mee yaadi, qaamni tokko qaama kan biraatiin guutamuu dandaʼaa?

Gurmuu: Guutamuu hin dandaʼu.

Caalaa: Mee yaada Yoʼel 2:28⁠rra jiru haa ilaallu. Kutaan jalqabaa caqasa kanaa, “Waaqayyo ammas, ‘Bara booddeetti ani hafuura koo nama hundumaa irratti nan dhangalaasa’ [jedha]” jedha. Gurmuu, mee gaaffii tokkon si gaafadha; Waaqayyo, Waaqa isaa wajjin qixxee taʼerraa muraasasaa fuudhee dhangalaasuu kan dandaʼu sitti fakkaataa?

Gurmuu: Lakki.

Caalaa: Yohannis Cuuphaanimmoo hafuura qulqulluudhaan guutamuu ibsuuf, jecha adda taʼe tokkotti fayyadameera. Jechi kun Maatewos 3:11⁠rratti argama. Mee caqasa kana dubbistaa?

Gurmuu: “Yaada garaa keessanii geddarachuu keessaniif bishaaniin isin nan cuupha, inni ana booddee dhufu garuu ana irra in jabaata, anis kophee miilla isaatii illee baachuudhaaf nama taʼu miti; inni hafuura qulqulluudhaa fi ibiddaan isin in cuupha.”

Caalaa: Galatoomi. Yohannis Cuuphaan hafuura qulqulluudhaan maaltu akka raawwatamu dubbachuusaa hubattee?

Gurmuu: Waaʼee hafuura qulqulluudhaan cuuphamuu dubbate.

Caalaa: Sirriidha. Waaʼee ibiddaan cuuphamuus dubbachuusaa qalbeeffadhu. Ibiddi qaama akka hin qabne beekamaadha. Caqasni kun hafuurri qulqulluun qaama akka qabu dubbachaa kan jiru sitti fakkaataaree?

Gurmuu: Lakki.

Caalaa: Kanaaf, caqasawwan dubbisne kanarraa kaʼuudhaan, hafuurri qulqulluun qaama hin qabu jechuu dandeenya.

Gurmuu: Eeyyee hin qabu.

Hafuurri Qulqulluun Kan Nuuf “Dubbatu” Akkamitti?

Caalaa: Sila jecha ‘isa isiniif dubbatu’ jedhu caqastee turte. Yesus, Yohannis 14:26⁠rratti hafuurri qulqulluun ‘isa nuuf dubbatu’ akka taʼe caqaseera. Mee caqasicha waliin haa dubbisnu. Caqasichi, “Inni isiniif dubbatu hafuurri qulqulluun, inni abbaan maqaa kootiin ergu garuu, waan hundumaa isin in barsiisa, waanan isinitti hime hundumaas isin in yaadachiisa” jedha. Namoonni tokko tokko, caqasni kun hafuurri qulqulluun kan dubbatuufi barsiisaa akka taʼe waan ibsuuf, yaada hafuurri qulqulluun qaama qaba jedhu kan deggeru isaanitti fakkaata.

Gurmuu: Eeyyee, anis yeroo hunda akkas akka taʼen yaada.

Caalaa: Yesus asirratti jecha dubbii dachaa qabutti fayyadamuusaa turee laata? Yesus Luqaas 7:35⁠rratti, “Ogummaan Waaqayyoo ijoollee ogummaa hundumaa biratti dhugaa argate” jechuudhaan waaʼee ogummaa dubbachuusaa qalbeeffadhu. Ogummaan qaama qabaa? Ijoolleehoo qaba jechuudhaa?

Gurmuu: Lakki. Kun yaada dubbii dachaa qabu akka taʼe ifadha.

Caalaa: Sirriidha. Yesus ogummaan hojiisaadhaan kan mulʼatu akka taʼe ibsuusaa ture. Macaafni Qulqulluun yeroo baayʼee wanta lubbuu hin qabne tokko akka wanta lubbuu qabuutti fakkeenyaan ibsa. Nuyis haasaa keenya keessatti yeroo baayʼee jechoota dubbii dachaa qabanitti ni fayyadamna. Fakkeenyaaf, ganama nama gammachiisu akkasiitti “Mee aduun akka seentu foddaa bani” jechuun baramedha mitii?

Gurmuu: Anumtiyyuu akkas jedhee beeka.

Caalaa: Yeroo akkas jettu aduun akkuma namaatti gara manakee akka dhuftu dubbachuu keetii?

Gurmuu: Akkas jechuukoo miti. Dubbii dachaatti fayyadamuu kooti.

Caalaa: Kanaaf, Yesusis hafuurri qulqulluun kan nuuf dubbatu ykn barsiisaa akka taʼe yeroo ibsu dubbii dachaatti fayyadamuusaatii laata?

Gurmuu: Natti fakkaata. Kun caqasawwan hafuurri qulqulluun namootarratti akka dhangalaʼu, akkasumas namoonni hafuura qulqulluudhaan akka cuuphaman ibsaniifi olitti dubbistee wajjin kan walsimudha. Haataʼu malee, hafuurri qulqulluun qaama kan hin qabaane yoo taʼe, maalidha jettee yaaddaree?

Hafuurri Qulqulluun Maalidha?

Caalaa: Yesus Hojii Ergamootaa 1:8⁠rratti hafuurri qulqulluun maal akka taʼe ibseera. Caqasa kana dubbisuu dandeessaa?

Gurmuu: “Hafuurri qulqulluun yommuu isin irra buʼu, humna in godhattu; Yerusaalemitti, Yihudaa hundumaatti, Samaariyaatti, hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu.”

Caalaa: Yesus asirratti hafuurri qulqulluun humna taʼuusaa akka dubbate hubadhu. Caqasawwan kanaan dura dubbisnerraa kaʼuudhaan, humni kun eessaa dhufa jettee yaadda?

Gurmuu: Waaqayyo, Abbaa biraa dhufa.

Caalaa: Sirriidha. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyo uumama cufa uumuuf itti fayyadamedha. Macaafni Qulqulluun Uumama 1:2⁠rratti, “Hafuurri Waaqayyoos bishaan irra in sosochoʼa ture” jedha. Hafuurri Waaqayyoo ykn hafuurri qulqulluun humna hojiirra jiruufi ijaan hin argamne yommuu taʼu, Waaqayyo kaayyoosaa raawwachiisuufi fedhasaa ibsuuf humna kanatti fayyadama. Mee caqasa dabalataa tokko waliin haa ilaallu. Caqasichi Luqaas 11:13dha. Caqasa kana dubbistaa laata?

Gurmuu: “Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!”

Caalaa: Abbaan keenya inni samiirra jiru hafuura qulqulluurratti aangoo kan qabuufi namoota isa gaafataniif kan kennu erga taʼe, hafuurri qulqulluun Abbaa wajjin qixxee taʼuu dandaʼaa?

Gurmuu: Lakki. Wanti jechuu barbaadde naa galeera.

Caalaa: Gurmuu, amma yeroo si jalaa fudhachuu hin barbaadu. Daqiiqaa muraasa qofa akka qabdu natti himtee turte. Maree keenya xumuruuf mee gaaffii tokkon si gaafadha. Caqasawwan olitti dubbisnerraa kaʼuudhaan, hafuurri qulqulluun maalidha jetta?

Gurmuu: Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojiirra jirudha.

Caalaa: Sirriidha. Kanaaf Yesus Yohannis 14:26⁠rratti hafuurri qulqulluun akka dubbatu ykn barsiisaa akka taʼe yeroo ibsu dubbii dachaatti fayyadamuusaa ture.

Gurmuu: Kana matumaa hin beekun ture.

Caalaa: Yaada Yesus dubbaterraa barumsa baayʼee nama jajjabeessu baranna.

Gurmuu: Maal baranna?

Caalaa: Haalawwan rakkisaa taʼan yeroo nu mudatan, Waaqayyo hafuurasaatiin akka nu gargaaru isa gaafachuu dandeenya. Waaʼeesaa wanta dhugaa taʼe akka barannu akka nu gargaarus gaafachuu dandeenya.

Gurmuu: Baayʼee gaariidha. Dhimma kanarratti caalaatti itti yaaduun qaba.

Caalaa: Deemuukoo dura, wanta irratti yaaddu kan biraa tokkon sitti hima. Hafuurri qulqulluun humna Waaqayyoo isa hojiirra jiru waan taʼeef, Waaqayyo wanta barbaade raawwachuuf itti fayyadamuu dandaʼa.

Gurmuu: Sirriidha.

Caalaa: Maarree Waaqayyo dhiphinaafi hammeenya biyya lafaarra jiru hunda balleessuuf humnasaa isa daangaa hin qabne kanatti maaliif hin fayyadamne? Gaaffii kana gaafattee beektaa? *

Gurmuu: Eeyyee, gaafadhee beeka.

Caalaa: Torban itti aanu saʼaatuma kanatti dhufee utuu irratti mariʼannee maal sitti fakkaata?

Gurmuu: Baayʼee natti tola. Jedhi egaa ammasitti nagaan turi.

[Miiljalee]

^ key. 57 Odeeffannoo dabalataa argachuu yoo barbaadde, kitaaba Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼeefi Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 11 ilaali.