Nama Yihowaadhaaf Akka Garaasaa Taʼe
Nama Yihowaadhaaf Akka Garaasaa Taʼe
WAAʼEE Daawit isa Macaafa Qulqulluu keessatti ibsamee yeroo yaaddu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Nama biyya Filisxeem kan taʼe Goliyaadiin injifachuusaatii? Saaʼol Mootichi waan isa jibbeef gara lafa onaatti baqachuusaatii? Baat-Sheebaa wajjin cubbuu hojjechuusaafi sababii kanaatiin rakkinni isarra gaʼuusaatii? Moo walaloo hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee macaafa Faarfannaa keessatti barreessetu gara sammuukeetti dhufa?
Jireenyi Daawit, hojii addaa Waaqayyo isaaf kenneen, injifannoofi rakkinaan kan guutame ture. Haataʼu malee, hunda caalaa xiyyeeffannaa keenya kan harkisu, wanta raajichi Saamuʼel waaʼeesaa dubbatedha. Saamuʼel, Daawit Yihowaadhaaf ‘nama akka garaasaa’ akka taʼe dubbateera.—1 Saamuʼel 13:14.
Raajiin Saamuʼel dubbate, yeroo Daawit ijoollee turetti raawwatameera. Atoo Waaqayyoof nama akka garaasaa utuu jedhamtee sitti hin toluu? Keessumaa jireenya Daawit ijoollummaasaatti dabarse keessaa isa kamtu nama akkasii akka taatu si gargaaruu dandaʼa? Mee haa ilaallu.
Maatiisaafi Hojiisaa
Ilma ilma Ruutiifi Boʼaz kan ture abbaan Daawit Iseyi, nama Yihowaadhaaf bule taʼuu hin oolu. Daawitiifi obboloonnisaa torban akkasumas obboleettonnisaa lamaan yeroo ijoollee turanitti, Iseyi Seera Musee isaan barsiiseera. Daawit faarfannaawwansaa keessaa isa tokkorratti ilma “garbittii” Yihowaa akka taʼe ibseera. (Faarfannaa 86:16) Yaanni kun, namoonni tokko tokko haati Daawit isheen maqaanshee Macaafa Qulqulluu keessatti hin ibsamne, jireenya hafuuraasaarratti dhiibbaa gaarii geessisteetti jedhanii akka amanan isaan godheera. Hayyuun tokko, seenaa Ruutiifi Boʼaz dabalatee, “Daawit yeroo jalqabaatiif seenaa dinqisiisaa walitti dhufeenya Yihowaan sabasaa wajjin qabu kan dhagaʼe afaansheerraa taʼuu hin oolu” jedhaniiru.
Daawitiin ilaalchisee yaanni yeroo jalqabaatiif ibsame, mucaa xinnoo hoolota abbaasaa tiksu taʼuusaati. Hojiin kun, kophaasaa halkaniifi guyyaa bakkee keessatti yeroo dheeraa dabarsuu kan gaafatu taʼuu hin oolu. Mee haala inni keessa ture tilmaamuuf yaali.
Maatiin Daawit, Betlihem ishee fiixeefi naannoo gaarawwan Yihudaarratti argamtu keessa jiraatu turan. Maasiiwwan dhagaadhaan guutamaniifi naannoo Betlihemitti argaman akka gaariitti midhaan biqilchu turan. Bara sanatti maasiiwwan muduraa, maasiiwwan ejersaafi wayinii, gaarawwaniifi dachaa sana uwwisanii turan. Bara Daawititti lafti ol kaʼaan hin qotamne kaloodhaaf oola ture. Sanatti aansee kan jirummoo lafa onaa Yihudaati.
Hojiin Daawit balaadhaaf kan isa saaxilu ture. Leenciifi amaakenni hoolotasaa jalaa fudhachuuf yaalii kan godhan gaarawwan kana keessaa isa tokkorratti ture. * Mucaan ija jabeessa taʼe kun, bineensota kana ajjeesee hoolotasaa afaansaaniirraa gachisiiseera. (1 Saamuʼel 17:34-36) Daawit furrisatti fayyadamuu kan barate yeroo kanatti taʼuu dandaʼa. Daariin biyya Beniyaam biyya Daawit itti dhalatetti dhihoo ture. Namoonni biyya sanaa furrisuudhaan muuxannoo qabanimmoo dhagaa darbatanii “qalʼaa in kutu turan.” Daawitis furrisaan dhagaa darbatee hin dhabu ture.—Abboota Firdii 20:14-16; 1 Saamuʼel 17:49.
Yeroosaa Akka Gaariitti Itti Fayyadameera
Yeroo baayʼee tikseen tokko naannoo callisaa taʼetti kophaasaa taʼa ture. Daawit garuu hojiin kun Faarfannaa 8:3-9; 19:1-6.
akka isa nuffisiisu hin heyyamne. Kanaa mannaa, yeroo gabii qabu kanatti xiinxaluuf itti fayyadameera. Wantoonni Daawit faarfannaasaa keessatti ibse tokko tokko ijoollummaasaatti kan isa mudatan taʼuu hin oolan. Tarii iddoo namni uumama cufa keessatti qabuufi uumamawwan akka aduu, addeessaafi urjii warra ‘hojii harka Waaqayyoo’ taʼanirratti kan xiinxale yeroo kophaasaa ture kanattii? Tariimmoo maasii akka gaariitti midhaan biqilchu, saawwan, sangootaafi simbirrootarratti, akkasumas waaʼee “bineensota caakkaa” kan xiinxale dirreewwan naannoo Betlihemitti argaman keessa yommuu turettii laata?—Muuxannoon Daawit yeroo tiksee turetti argate, Yihowaan namoota isaaf amanamoo taʼaniif gara laafina akka qabu kan isa amansiise taʼuunsaa hin shakkisiisu. Kanaan kan kaʼes Daawit akkas jechuudhaan faarfateera: “Waaqayyo tiksee koo ti, ani homaa hin dhabu! Inni marga lalisaa keessa akkan boqodhu in godha, gara laga itti aara galfataniittis na geessa; Ani bowwaa dukkanaaʼaa sodaachisaa keessa yoon adeeme iyyuu, hamaan anatti dhufa jedhee hin sodaadhu; ati anaa wajjin jirta, uleen keetii fi dhaabanni kee ana in jajjabeessu.”—Faarfannaa 23:1, 2, 4.
Tarii, ‘Kun hundi anaa wajjin walitti dhufeenya maalii qabaree?’ jettee gaafatta taʼa. Daawit Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuufi ‘Waaqayyoof nama akka garaasaa’ taʼuu kan dandaʼe, hojiiwwan Yihowaafi walitti dhufeenya isaa wajjin qaburratti gadi fageenyaan waan xiinxaleefidha. Waaʼee keehoo akkas jedhamuu dandaʼaa?
Yeroo fudhattee wantoota Yihowaan uume tokko tokkorratti of eeggannoodhaan xiinxaluunkee, Uumaa keenya jajachuuf akka si kakaase sitti dhagaʼamee beekaa? Waaqayyo walitti dhufeenya ilmaan namootaa wajjin qabuun amala akkamii akka argisiise yommuu hubattuhoo, garaankee jaalalasaatiin akka guutame sitti dhagaʼamee beekaa? Yihowaadhaaf dinqisiifannaa akkasii qabaachuu yoo barbaadde, yeroo gabii qabu filattee kadhannaa dhiheessuu, akkasumas Dubbii Waaqayyoofi uumamawwansaarratti xiinxaluun si barbaachisa. Akka kanaan xiinxaluunkee, caalaatti Yihowaa akka beektuufi akka isa jaallattu si gargaara. Dargaggoonnis taʼan maanguddoonni mirga kana argachuu dandaʼu. Daawit ijoollummaasaatii jalqabee haala akkamiiyyuu keessatti Yihowaatti dhihaatee jiraateera. Kana akkamitti beekna?
Daawit Kan Dibamedha
Saaʼol Mootichi saba Waaqayyoo geggeessuuf gaʼumsa akka hin qabne yommuu beekametti, Yihowaan Saamuʼel raajichaan akkas jedheera: “Egaa Saaʼol Israaʼel irratti mootii akka hin taaneef ergan tuffadhee, ati hamma yoomiitti isaaf boossa? Ani ilmaan Iseyi keessaa nama mootii taʼu waanan argadheef, gara Isey Betlihemichaatti sin ergaatii, qodaa gaanfaa keetti dhadhaa ejersaa guutii fudhadhuu dhaqi!”—1 Saamuʼel 16:1.
Raajiin Waaqayyoo kun yommuu Betlihem gaʼu, Iseyi ilmaansaa akka walitti qabu godhe. Isaan keessaa Saamuʼel eenyuun mootii godhee diba laata? Saamuʼel Eliiyaab isa bifa toluufi angafa hundasaanii taʼe yommuu argu, ‘Isa kanadha’ jedhee yaadee ture. Yihowaan garuu Saamuʼeliin, 1 Saamuʼel 16:7, 11.
“Ani waanan isa tuffadheef bifa isaa fi dheerina hojjaa isaatii hin ilaalin! Ani akka namni ilaalutti hin ilaalu; namni fuula ilaala, ani Waaqayyo garuu garaan ilaala” jedheen. Haaluma wal fakkaatuun Yihowaan Abinaadaabin, Shamaahiifi obbolootasaanii arfan hin filanne. Seenaan kun Saamuʼel, “‘Itti fufees Ilmaan kee isaanuma kana duwwaa dhaa?’ jedhee Iseyin gaafate. Innis deebiseefii, ‘Inni quxisuun hafeera; inni immoo hoolota tiksa’ jedhe” jedha.—Deebiin Iseyi kenne, ‘Inni ati barbaaddu matumaa Daawitiin taʼuu hin dandaʼu’ yaada jedhu kan dabarsu fakkaata. Daawit, quxisuu hundasaaniifi nama bakki guddaan hin kennamneef waan taʼeef, tiksee hoolotaa akka taʼu godhameera. Waaqayyo garuu isa filate. Yihowaan garaa namaa kan ilaalu yommuu taʼu, garaa mucaa kanaa keessattis wanta gaarii tokko akka arge beekamaadha. Kanaaf, Iseyi yommuu Daawitiin waamsise Yihowaan Saamuʼeliin, “‘Inni kunoo, isa kanaatii kaʼii, isa dibi!’ jedhe. Kana irratti Saamuʼel qodaa gaanfaa dhadhaa ejersaa qabu sana fuudhee, Daawitin obboloota isaa gidduutti in dibe; gaafasii jalqabee hafuurri Waaqayyoo humnaan Daawitiif in dhufe.”—1 Saamuʼel 16:12, 13.
Daawit yeroo dibame umriinsaa meeqa akka ture hin ibsamne. Haataʼu malee, yeroo muraasa booda obboloonnisaa warri angafaa jechuunis Eliiyaab, Abinaadaabiifi Shamaahiin loltoota Saaʼol taʼanii tajaajilaa turan. Tarii obboloonnisaanii shanan kaan loltoota utuu hin taʼin kan hafan, umriinsaanii waan hin geenyeef taʼuu dandaʼa. Yeroo sanatti namni umriinsaa waggaa 20 hin guunne loltuu taʼuu waan hin dandeenyeef, shanansaaniiyyuu umrii kanarra hin geenye jechuudha. (Lakkoobsa 1:3; 1 Saamuʼel 17:13) Kanas taʼe sana, Daawit yommuu Yihowaan isa filate umriinsaa xinnoo ture. Haataʼu malee, Daawit yeroo kanattis nama karaa hafuuraa cimaa ture fakkaata. Waaqayyoon ilaalchisee wanta beekurratti xiinxaluudhaan, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu cimsatee akka ture haalasaarraa hubachuu dandeenya.
Dargaggoonni yeroo ammaas akkasuma akka godhan jajjabeeffamuu qabu. Kanaaf, warra kan taatan ijoolleen keessan dhimmawwan hafuuraarratti akka xiinxalan, uumamawwan Waaqayyoo akka dinqisiifataniifi Uumaa keenya ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu akka qayyabatan ni jajjabeessituu? (Keessa Deebii 6:4-9) Dargaggoota kan taatanoo ofiin kakaatanii kana gochaa jirtuu? Barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan, kan akka Masaraa Eegumsaafi Dammaqaa! * isin gargaaruuf kan qophaaʼanidha.
Akka Gaariitti Kiraara Rukutuu Dandaʼa Ture
Walaloon faarfannaa Daawit barreesse keessatti argamu hedduunsaa waaʼee yeroo inni tiksee taʼee dabarsee akkuma nutti himu, muuziqaansaas waaʼee kanaa kan ibsu taʼuu hin oolu. Yeroo ammaatti muuziqaawwan faarfannaa kanaa tokkoyyuu argachuun hin dandaʼamu. Haataʼu malee, namni muuziqaawwan sana qindeesse dandeettii guddaa kan qabu akka ture beekna. Daawit, Saaʼol Mooticha akka tajaajilu bakka tikaatii kan waamame, nama akka gaariitti kiraara rukutuu dandaʼu waan tureef akka taʼe beekamaadha.—1 Saamuʼel 16:18-23. *
Daawit dandeettii kana eessattiifi yoom guddifate? Tarii bakkee keessatti yeroo hoolota tiksaa turetti taʼuu dandaʼa. Daawit yeroo ijoollee ture kanattillee, Waaqasaatiif faarfannaa galataa garaadhaa madde dhiheessa ture. Kana malees, Yihowaan Daawit nama isaaf buleefi karaa hafuuraa cimaa waan tureef isa filachuufi hojii guddaa isaaf kennuu dandaʼeera.
Jireenyi Daawit inni gara boodaas, Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabu kan argisiisu ture. Amalli inni guutummaa jireenyasaa keessatti argisiise, yeroo naannoo Betlihemitti tiksee taʼee dabarsetti maalirratti xiinxalaa akka ture kan argisiisudha. Mee faarfannaa Daawit, “Guyyoota bara durii nan yaadadha, wanti ati goote hundinuus yaada koo keessa jira; hojii harka kees irra-deddeebiʼee itti nan yaada” jechuudhaan Yihowaadhaaf dhiheesserratti yaadi. (Faarfannaa 143:5) Yaanni gaariin faarfannaa kanarrattis taʼe faarfannaawwan Daawit barreesse kaanirratti argamu, namoota Yihowaadhaaf nama akka garaasaa taʼuu barbaadan hunda hojiidhaaf kan kakaasudha.
[Miiljaleewwan]
^ key. 9 Amaakenni Sooriyaa bifa magaala qabuufi dur Phaalasxiinaa keessatti argamu, gara kiilogiraamii 140 kan ulfaatu siʼa taʼu, namas taʼe bineensa harkasaatiin rukutee ajjeesuu dandaʼa ture. Yeroo tokko naannoo sana leenconni hedduun jiru turan. Isaayaas 31:4, ‘tiksitoonni walitti qabamanillee leenca saafela’ wanta qabate gachisiisuu akka hin dandeenye ibsa.
^ key. 20 Dhugaa Baatota Yihowaatii kan maxxanfame.
^ key. 22 Namni mootichaaf gorsa kennuufi Daawit akka filatamu yaada dhiheesse tokko, “[Daawit] nama kiraara rukutuu beeku, . . . nama dubbii beekuu fi nama dhaabbii toluu dha; Waaqayyos isaa wajjin jira” jedheera.—1 Saamuʼel 16:18.