Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MAATII GAMMACHUU QABU

Ijoollee Keessanii Wajjin Falmii Malee Haasaʼaa

Ijoollee Keessanii Wajjin Falmii Malee Haasaʼaa

“Intallikoo waggaa 14 ennaa turtetti, naan falmuu jalqabde. Fakkeenyaaf, ‘Irbaanni dhihaateera’ yoon jedheen, ‘Na hin barbaachisne’ jettee naa deebisti. Hojii mana keessaa hojjettee akka xumurte yoon ishee gaafadhemmoo, ‘Egaa na dhiphisuuttimmoo kaate!’ naan jetti. Yeroo baayʼee sagalee guddaadhaan walitti iyyina.”​—MAAKEE, JAAPPAAN. *

Ijoollee umrii waggoota kurnaniirratti argaman qabdu taanaan, walitti buʼiinsi isin gidduutti uumamu isaan guddisuurratti qorumsa isinitti taʼuu, akkasumas obsa isin fixachiisuu dandaʼa. Maariyaan isheen Biraaziil jiraattuufi intala umrii waggaa 14 qabdu, “Intallikoo naaf abboomamuu ennaa diddu dhiigatu na danfa. Baayʼee waan walitti aarruuf iyyinee walitti dubbanna” jetteetti. Kaarmeelaa isheen Xaaliyaanii jiraattus haalli akkasii kan ishee mudate siʼa taʼu, “Yeroo hunda ilmakoo wajjin baayʼee wal falmina. Dhumarratti kutaasaa seenee balbala cufata” jetteetti.

Ijoolleen umrii waggoota kurnaniirratti argaman tokko tokko falmii kan baayʼisan maaliifi? Hiriyoonnisaanii dhiibbaa waan isaanirraan gaʼaniifii laata? Taʼuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, hiriyaan dhiibbaa gadhees taʼe dhiibbaa gaarii geessisuu akka dandaʼu dubbata. (Fakkeenya 13:20; 1 Qorontos 15:33) Bashannanni dargaggootaaf qophaaʼu hedduun, ijoolleen umrii waggoota kurnaniirratti argaman walirratti kaʼuun dogoggora akka hin taane akka isaan yaadan kan godhanidha.

Wantoonni ijoolleen umrii waggoota kurnaniirratti argaman amala akkasii akka argisiisan godhan garabiraanis jiru. Sababiisaa barraan furmaannisaa salphaa taʼuu dandaʼa. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.

‘DANDEETTII YAADUU’ GUDDIFACHUU

Phaawulos ergamaan, “Mucummaa kootti akka mucaatti nan dubbadhe, akka mucaatti nan yaade, akka mucaattis sababii nan kennan ture; amma garuu ergan nama gaʼaa taʼee, akka mucaatti jiraachuu dhiiseera” jechuudhaan barreesseera. (1 Qorontos 13:11) Akkuma Phaawulos dubbate, akkaataan ijoolleefi gaʼeessonni itti yaadan garaagaradha. Karaa kamiin?

Ijoolleen wanti tokko sirrii ykn dogoggora taʼuusaa qofa yaadu. Haala kanarraa faallaa taʼeen, yeroo baayʼee gaʼeessonni yaada ifa hin taane hubachuu ni dandaʼu; xumura ykn murtoo tokkorra gaʼuusaanii duras gad fageenyaan irratti yaadu. Fakkeenyaaf, gaʼeessonni wanta tokko gochuusaanii dura wanti sun fudhatama qabaachuufi dhiisuusaa, akkasumas wanti isaan godhan namoota kaanirratti dhiibbaa akkamii akka qabu yaaduurratti muuxannoo qabu taʼa. Ijoollee umrii waggoota kurnaniirratti argamaniif garuu haalli kun haaraadha.

Macaafni Qulqulluun, dargaggoonni dandeettii “dubbii gargar baasuu” akka horatan jajjabeessa. (Fakkeenya 1:4) Taʼus, Kiristiyaanonni hundi, ‘dandeettii yaaduusaaniitti’ (NW) akka fayyadamanis akka jajjabeessu beekamaadha. (Roomaa 12:1, 2; Ibroota 5:14) Haataʼu malee yeroo tokko tokko, akkaataan mucaankee yaadasaa itti ibsu, wantoota xixinnoo fakkaatanirrattillee falmii kan kaasu taʼuu dandaʼa. * Yookiin yaada sirrii hin taaneefi hubannaan akka isatti hirʼatu argisiisu dhiheessuu dandaʼa. (Fakkeenya 14:12) Yeroo akkasiitti utuu wal hin falmin, haalasaa ibsuufii kan dandeessu akkamitti?

AKKAS GOCHUUF YAALI: Ilmikee umrii waggoota kurnaniirratti argamu dandeettii yaaduusaatti fayyadamuuf yaalaa akka jiruufi tarii innumtiyyuu wanta dubbate sanatti akka hin amanne godhii yaadi. Ilaalchasaa akka gaariitti hubachuuf, jalqaba dandeettii yaaduusaatti fayyadamuuf carraaqqii inni godheef galateeffadhu. (“Murtoo gooterratti guutummaatti walii galuu baadhus akkaataan ati itti yaadde gaariidha.”) Achiis, ilaalchasaa akka qoru isa gargaari. (“Wanti ati jette kun yeroo hunda hojiirra ooluu kan dandaʼu sitti fakkaataa?”) Akkas gochuun mucaankee ilaalchasaa irra deebiʼee qoruudhaan akka sirreessu isa gochuu dandaʼa.

Of eeggannoo gochuu qabdu: Mucaakee wajjin yommuu haasoftu, yeroo hunda ati qofti sirrii akka taate gootee hin yaadin. Yeroo tokko tokko wanta ati jetteen waan hin dhageenye sitti fakkaachuu dandaʼa. Yaadakee akka fudhate dubbachuu baatus, baayʼinaan yaada maree gootanirraa argatetti fayyadamuu dandaʼa. Yeroo muraasa booda akka tasaa yaada ati dhiheessiteef fudhachuurrayyuu darbee akka waan ofiisaatii dubbateetti yoo dhiheesse kun si dinqisiisuu hin qabu.

“Yeroo tokko tokko aniifi ilmikoo waan xixinnoorratti wal falmina. Fakkeenyaaf, waa akka qusatu ykn obboleettiisaa akka hin qoccolle yeroon itti himu na falma. Yeroo baayʼee garuu kan inni akkas godhu ilaalchasaa akkan isa gaafadhu ykn yaadasaa akkan hubadhu waan barbaaduuf natti fakkaata. Fakkeenyaaf, ‘Amma naa galeera’ ykn ‘Akkas sitti dhagaʼamee ture jechuudhaa?’ yoon jedheen gaarii natti fakkaata. Amma duubatti deebiʼee yeroon yaadu mala akkasiitti fayyadameera utuun taʼee falmii baayʼeen akka hin uumamne gochuu nan dandaʼan ture.”​—Keenjii, Jaappaan.

EJJENNOO MATAASAANII AKKA QABAATAN GOCHUU

Warri hubatoo taʼan ijoolleensaanii yaadasaanii bilisa taʼanii akka ibsan gochuuf haala mijeessu

Ijoollee guddisuu keessaa bakka guddaa kan fudhatu, of dandaʼanii jiraachuu yommuu jalqaban nama itti gaafatamummaasaanii baʼuu dandaʼan akka taʼan godhanii leenjisuudha. (Uumama 2:24) Leenjiin akkasii mucaan kun amalaafi amantii eenyummaasaa addaan baasee beeksisu akka qabaatu isa gargaaruu kan dabalatudha. Mucaan ejjennoo mataasaa qabu, wanta sirrii hin taane akka hojjetu dhiibbaan yeroo isarra gaʼu miidhaa gochi sun isarraan geessisurra darbee yaada. Akkas jedhee of gaafata: ‘Ani nama akkamiiti? Ilaalcha akkamiin qaba? Namni ilaalcha akkakoo qabu tarkaanfii akkamii fudhata?’​—2 Phexros 3:11.

Macaafni Qulqulluun, waaʼee dargaggeessa Yoseef jedhamuufi ejjennoo mataasaa qabuu ni dubbata. Fakkeenyaaf, yeroo haati manaa Phooxifaaraa Yoseef akka ishee wajjin ciisu isa dirqisiiste, “Ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” jechuudhaan dubbateera. (Uumama 39:9) Yeroo sanatti seerri ejja akka hin raawwanne dhorku Israaʼelootaaf kennamuu baatus, Yoseef ilaalcha Waaqayyo dhimma kanaaf qabu hubatee ture. Kana malees, “ani attamittan” jedhee deebisuunsaa dhimma sanarratti ilaalcha Waaqayyo qabu akka qabu kan argisiisudha.​—Efesoon 5:1.

Ilmikee umrii waggoota kurnaniirratti argamus ejjennoo mataasaa qabaachuuf carraaqqii gochaa jira. Ejjennoo mataasaa qabaachuunsaa, dhiibbaa hiriyoonnisaa isarraan gaʼan moʼuufi ilaalcha isaanirraa adda taʼe qabaachuuf waan isa gargaaruuf barbaachisaadha. (Fakkeenya 1:10-15) Akkasumas, ejjennoo mataasaa qabaachuunsaa ilaalcha sirraa adda taʼe akka qabaatu isa gochuu dandaʼa. Haalli akkasii yeroo uumamutti maal gochuu qabda?

AKKAS GOCHUUF YAALI: Falmii keessa galuu mannaa yaada ilmikee dubbate atis irra deebiʼii dubbadhu. (“Mee yaannikee yoo naa galeera taʼe . . . jechuu keetii?”) Achiis gaaffii tokko tokko isa gaafadhu. (“Akkas kan sitti dhagaʼame maaliifi?” ykn “Murtoo akkasiirra akka geessu kan si godhe maalidha?”) Ilmikee bilisa taʼee akka dubbatu gargaari. Ilaalchasaa akka ibsu jajjabeessi. Ilaalchasaarratti kan walii hin galle yaannisaa dogoggora taʼee utuu hin taʼin, filannaan keessan garaagara waan taʼeef taʼuu dandaʼa. Yoo akkas taʼe, guutummaatti irratti walii galuu baattullee ilaalchasaa akka isaaf kabajju ibsiif.

Ejjennoofi ilaalcha mataa ofii qabaachuun faayidaa guddaa qaba. Kana malees Macaafni qulqulluun, Kiristiyaanonni akka “ijoollee dhaʼaan asii fi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin” fudhatamanii taʼuu akka hin qabne dubbata. (Efesoon 4:14) Kanaaf, ilmikee ejjennoofi ilaalcha mataasaa akka qabaatu isaaf heyyami, akkasumas isa jajjabeessi.

“Intaloonni koo waan isaan dubbatan dhagaʼuuf fedhii akkan qabu yommuu argan, ilaalchikoo kansaaniirraa adda taʼus yaadakoo fudhachuuf fedhii akka qaban hubachuu dandaʼeera. Ilaalchakoo qofa akka fudhatan gochuu mannaa, ilaalcha mataasaanii akka qabaatanin isaan jajjabeessa.”​—Ivaanaa, Cheek Rippuubliik.

WANTA JETTAN HOJIIRRA OOLCHAA, GARUU SABABA QABEESSA TAʼAA

Akkuma ijoollee xixinnoo, ijoolleen umrii waggoota kurnaniirratti argamanis wanta tokko yommuu barbaadan warrasaanii nuffisiisuudhaan waan sana akka raawwataniif gochuuf carraaqu. Ilmikee barsiifata akkasii qaba taanaan of eeggannoo gochuu qabda. Wanta inni barbaade isaaf gochuunkee yeroodhaaf boqonnaa kan siif argamsiisu taʼus, akkas gochuunkee ilmikee irra deddeebiʼee si gaafachuudhaan wanta barbaade argachuu akka dandaʼu akka itti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Furmaannisaa maalidharee? Gorsa Yesus, “Dubbii keessan keessatti eyyeen keessan eyyee haa taʼu, waawuun keessanis waawuu haa taʼu!” jechuudhaan kenne hordofi. (Maatewos 5:37) Ilmikee umrii waggoota kurnaniirratti argamu ejjennoo dhaabataa taʼe akka qabdu yoo hubate, si nuffisiisuudhaan wanta barbaade argachuuf carraaqqii gochuu dhiisuu dandaʼa.

Karaa garabiraammoo sababa qabeessa taʼuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf ilmikee galgala dhiisifatee galuu barbaade haa jennu; yeroo akkasiitti sababa inni itti dhiisifachuu barbaade isa gaafadhu. Akkas gochuunkee gorsa Macaafa Qulqulluu isa, “Garraamummaan [“sababa qabeeyyii taʼuun,” NW] keessan nama hundumaa biratti haa beekamu!” jedhu hordofaa akka jirtu kan argisiisudha malee, dhiibbaa ilma keetiin ejjennookee akka laaffiste kan argisiisu miti.—Filiphisiiyus 4:5.

AKKAS GOCHUUF YAALI: Maatiidhaan taʼuudhaan saʼaatii ijoolleen itti manatti galuu qabaniifi qajeelfamawwan kaanirratti mariʼadhaa. Murtoo tokkorra gaʼuukee dura ilaalcha isaan qaban hubadhu; yaada isaan dhiheessaniif bakka guddaa akka kennitus argisiisi. Abbaan Roobartoo jedhamuufi biyya Biraaziil jiraatu, “Warri, ijoolleensaanii seera buʼuuraa Macaafa Qulqulluu hanga hin cabsinetti gaaffii isaan dhiheessan fudhachuuf fedhii kan qaban taʼuusaanii argisiisuu qabu” jechuudhaan dubbateera.

Abbootiifi haadhotiin hundi mudaa akka qaban beekamaadha. Macaafni Qulqulluun, “Nuyi hundumti keenya baayʼee irraa in kaanna” jedha. (Yaaqoob 3:2) Walitti buʼiinsa uumame ilaalchisee atis balleessaa akka qabdu yoo sitti dhagaʼame ilmakee dhiifama gaafachuu hin seesin. Dogoggorakee amanuunkee, gad of deebisuurratti fakkeenya taʼuudhaan ilmikee akkas akka godhu isa kakaasuu dandaʼa.

“Gaaf tokko ilmakoo wajjin baayʼee wal falmine. Ergan tasgabbaaʼee booda, aariidhaan dubbadhee waanan tureef dhiifaman isa gaafadhe. Akkas gochuunkoo innis akka tasgabbaaʼuufi na dhaggeeffachuuf fedhii akka qabaatu godheera.”​—Keenjii, Jaappaan.

^ key. 3 Maqaawwan mataduree kana keessa jiran jijjiiramaniiru.

^ key. 10 Mataduree kana keessatti ijoollee umrii waggoota kurnaniirratti argaman saala dhiiraatiin kan caqasne taʼus, seerri buʼuuraa asirratti ibsame saala lamaaniifuu ni hojjeta.

AKKAS JEDHII OF GAAFADHU . . .

  • Ilmakoo wajjin falmiin akka uumamuuf gumaacha godheeraa laata?

  • Yaada ilmakoo caalaatti hubachuuf, yaadawwan mataduree kanarratti dhihaatanitti fayyadamuu kanan dandaʼu akkamitti?

  • Ilmakoo umrii waggoota kurnaniirratti argamuu wajjin utuun wal hin falmin haasaʼuu kanan dandaʼu akkamitti?