FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | YOSEEF
“Attamittan Hammina Guddaa Akkasii Hojjedha?”
YOSEEF, qilleensa hoʼaa naannoo sana jiru yeroo gara keessaatti fudhatu, urgaan abaaboowwan garaa garaa fi biqiltuuwwan bishaan keessaa isatti dhufe. Daltaltoota gammoojjii qarqara laga Naayil jiru qaxxaamuranii wal faana deemantu isa fudhatee deemaa jira. Namoonni tarree galanii laga yaaʼu biraan gaala isaanii oofaa gara magaalaa Gibxii kan biraatti deeman, simbirroota gurguddoo qarqara bishaanii deemanii fi gosoota simbirroo samii irra balaliʼan yeroo dinqisiifatan yaada keetiin ilaali. Yoseef mana abbaa isaa isa lafa ol kaʼaa Kebroon irratti argamuu fi kiilomeetira dhibbaan lakkaaʼamu fagaatee jiru yaadate; iddoon inni amma jiru bakka sana irraa baayʼee adda dha.
Qamaleewwan fiixee muka teemiraa fi muka harbuu irraa yeroo wacan yaada keetiin ilaali. Yoseef wanti namoonni isaan bira darbaa deeman dubbatan isaa hin galle. Wanta isaan dubbatan keessaa jecha ykn gaalee tokko tokko qabachuuf yaalee taʼuu dandaʼa. Hiika jechoota kanaas beekee taʼuu dandaʼa. Deebiʼee gara biyya isaa waan dhaqu isatti hin fakkaatu.
Yoseef umuriin isaa reefuu waggaa 17 ykn 18 taʼus, qorumsawwan nama gaʼeessa tokko illee abdii kutachiisuu dandaʼan hedduun isa mudataniiru. Yoseef abbaa isaa biratti baayʼee waan jaallatamuuf, obboloonni isaa hinaaffaadhaan guutamanii isa ajjeesuu barbaadanii turan. Haa taʼu malee, yaada isaanii jijjiiranii daldaltoota kanatti isa gurguratan. (Uumama 37:2, 5, 18-28) Amma daldaltoonni kun torban hedduudhaaf deemaa erga turanii booda, magaalaa guddoo Yoseefii fi miʼa isaanii isa gati jabeessa gurgurachuudhaan buʼaa guddaa itti argatanitti waan dhihaataniif gammachuun isaanii dabalaa dhufeera. Yoseef abdii akka hin kutannee fi miirri isaa garmalee akka hin miidhamne kan isa gargaare maali dha? Nu hoo rakkinni jireenya keessatti nu mudatu amantii keenya akka hin balleessineef maal gochuu dandeenya? Yoseef irraa barumsa baayʼee arganna.
‘WAAQAYYO YOSEEFII WAJJIN TURE’
“Yoseef gara biyya Gibxiitti gad in geeffame; hojjetoota mootii Gibxii warra gurguddoota keessaa Phoxiifaar ajajjuun eegdotaa, namni biyya Gibxii sun, warra Ishmaaʼel warra gara Gibxiitti isa fidan irraa isa in bitate.” (Uumama 39:1) Yaadni Macaafa Qulqulluu kun, dargaggeessi kun yeroo lammaffaatiif ennaa gurguramu qaaniin akkamii akka isatti dhagaʼame tilmaamuuf nu gargaara. Akka miʼaatti ilaalamee ture! Yoseef daandii magaalaa sochiinii fi manni daldalaa itti baayʼatu gidduu qaxxaamuree, gooftaa isaa isa haaraa ajajjuu eegdotaa taʼe duuba deemaa gara mana isaa isa haaraatti yeroo geeffamu yaadaan ilaaluu dandeenya.
Manni kun mana Yoseef kanaan dura beeku irraa baayʼee adda dha. Yoseef maatii horsiisee bulaa dunkaana keessa jiraatuu fi hoolota isaa dheechisuuf yeroo baayʼee iddoodhaa gara iddootti sochoʼu keessatti guddate. Asitti garuu, sooreyyiin Gibxii kan akka Phoxiifaar, manneen babbareedoo halluu garaa garaa dibaman keessa jiraatu. Akka qorattoonni hambaalee seenaa gabaasanitti, Gibxoonni durii, iddoo dhaabaa lalisaa mukeetii gaaddisa taʼan, akkasumas kuusa bishaanii biqiltuuwwan akka paappiirasii, biqiltuu ija isaa yeroo nyaatan nama gammachiisa jedhamee yaadamuu fi biqiltoota bishaan keessaa kan biroo itti biqilchanii fi dallaan itti ijaarame qabu turan. Manneen tokko tokko iddoo dhaabaa keessa kan jiran siʼa taʼu, barandaa aara itti galfatan, foddaawwan qilleensa akka gaariitti galchan, kutaa nyaanni keessatti nyaatamuu fi kutaa hojjettootaa dabalatee kutaa hedduu qabu turan.
Yoseef jireenyi qananii kun isa hawwatee turee? Kan isa hawwate hin fakkaatu. Kanaa mannaa kophummaan isatti dhagaʼamee taʼuu hin oolu. Qooqni warra Gibxii, akkaataan uffannaa isaanii fi haalli itti of bareechan, keessumaa immoo amantiin isaanii isaaf haaraa ture. Warri Gibxii waaqolii hedduu kan waaqeffatan, gocha hafuura xuraaʼummaa fi qaallummaa wajjin wal qabate kan raawwatan, akkasumas duʼaa fi jireenya duʼa boodaatiif xiyyeeffannaa adda taʼe kan kennan turan. Wanti Yoseef kophummaadhaan akka hin miidhamne isa gargaare tokko garuu jira. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo Yoseefii wajjin ture’ jedha. (Uumama 39:2) Yoseef wanta isatti dhagaʼamu hunda Waaqa isaatti himachaa akka ture beekamaa dha. Macaafni Qulqulluun, ‘Waaqayyo warra isa waammatan hundumaatti dhihoo’ akka taʼe dubbata. (Faarfannaa 145:18) Karaan kan biraan Yoseef Waaqa isaatti itti dhihaate hoo jiraa?
Dargaggeessi kun abdii kutachuu mannaa hojii isaaf kenname hamma dandaʼe akka gaariitti hojjechuu jalqabe. Kana gochuudhaan Yihowaan akka isa eebbisu karaa kan bane siʼa taʼu, utuu baayʼee hin turin gooftaa isaa biratti fudhatama argateera. Phoxiifaar, hojjetaan isaa inni dargaggeessi kun eebba Yihowaa isa Waaqa saba Yoseef taʼee akka argate hubateera; eebbi kun immoo mana namicha Gibxii kanaaf badhaadhummaa dabalataa akka argamsiise hin shakkisiisu. Yoseef suutuma suutaan gooftaa isaa biratti maqaa gaarii argachuu isaatiin kan kaʼe, Phoxiifaar wanta mana isaa keessa jiru hunda dargaggeessa gaʼumsa qabu kanatti imaanaa kenne.—Uumama 39:3-6.
Yoseef, dargaggoota yeroo harʼaa Waaqayyoon tajaajilaniif fakkeenya gaarii taʼa. Fakkeenyaaf, mana barumsaatti yeroo tokko tokko wanti keessummaa taʼe isaan mudata taʼa; tarii namoonni gocha hafuura xuraaʼummaa fi hammeenya jajjabeessan, akkasumas jireenyatti abdii kutatan dhiibbaa isaan irraan gaʼuu dandaʼu. Haala akkasii keessa jirta taanaa, Yihowaan akka hin gegeeddaramne hin dagatin. (Yaaqoob 1:17) Yeroo ammaattis namoota isaaf amanamoo taʼanii fi karaa isa gammachiisuun cimanii hojjetan hundaa wajjin ni taʼa. Namoota akkasii baayʼisee eebbisa; siifis akkasuma ni godha.
Yoseef yeroo booda guddatee gaʼeessa taʼe. Dargaggeessi kun, ‘dhaabbii kan toluu fi ija namaatti kan miidhagu’ taʼe. Bareedinni uumamaa yeroo baayʼee xiyyeeffannaa hin barbaachisnee fi sirrii hin taane waan harkisuuf, yaadni kun haalli rakkisaan uumamuu akka dandaʼu kan argisiisu dha.
“ISHEE DHAGAʼUU HIN BARBAANNE”
Yoseef amanamummaadhaaf bakka guddaa kenna ture; haati manaa Phoxiifaar garuu akkas hin turre. Macaafni Qulqulluun, “Haati manaa gooftaa isaa ija ishee Yoseef irra buufattee, ‘Anaa wajjin ciisi!’ ittiin jette” jedha. (Uumama 39:7) Yoseef afeerrii dubartiin Yihowaa hin beekne kun isaaf dhiheessite kanaaf harka ni kennaa laata? Macaafni Qulqulluun, Yoseef fedhii uumamaa fi dhiibbaa akka dargaggeessa tokkootti keessi isaa isa irraan gaʼu irraa walaba ture hin jedhu; dubartiin qananiituun haadha manaa ajajaa eegdotaa sooressa taʼe kanaa bifti ishee kan nama hin hawwanne akka taʼes hin dubbatu. Yoseef gocha kana yoon raawwadhe gooftaan koo matumaa beekuu hin dandaʼu jedhee yaadaa laata? Yookiin immoo qabeenya gochi gadhiisiin kun isaaf argamsiisuu dandaʼu irratti xiinxaluudhaan of qoraa laata?
Dhugaa isaa dubbachuuf, wanta Yoseef yaadaa ture hunda hin beeknu. Wanti fedhiin isaa maal akka taʼe ifatti argisiisu garuu jira. Fedhii isaa kana deebii akkas jechuudhaan kenne irraa hubanna: “Kunoo, gooftaan koo waan mana isaa keessa ana harka jiru hin beeku; wanta kan isaa taʼe hundumaa harka koo jala galcheera; mana kana keessa guddaan ana caalu hin jiru; si malees wanti inni anatti kennuu dhiisee, harkatti hambifate hin jiru; ati immoo haadha manaa isaa ti; egaa ani attamittan hammina guddaa akkasii hojjedha? Cubbuudhaanis attamittan Waaqayyoon yakka ree?” (Uumama 39:8, 9) Dargaggeessi kun yaada armaan olii kana ejjennoo cimaadhaan yeroo dubbatu yaadaan ilaali. Gocha isheen akka raawwatu isa gaafatte yaaduun illee isatti ulfaatee ture. Maaliif?
Akkuma Yoseef jedhe, gooftaan isaa isa amanee ture. Phoxiifaar, haadha manaa isaatiin ala waan tokko illee utuu hin hambisin waan mana isaa keessa jiru hunda harka Yoseef jala galchee ture. Yoseef akkamitti amanamaa utuu hin taʼin hafa ree? Yoseef kana yaaduu iyyuu hin barbaadne. Wanti kana caalaa jibbe garuu, Waaqa isaa Yihowaa irratti cubbuu hojjechuu ture. Yoseef, ilaalcha Waaqayyo gaaʼelaa fi amanamummaadhaaf qabu ilaalchisee warra isaa irraa waan hedduu baratee ture. Yihowaan gaaʼela isa jalqabaa yeroo hundeessetti ilaalcha isaa ifa godheera. Abbaan manaa fi haati manaa walitti maxxanuudhaan “foon tokko” taʼuu qabu. (Uumama 2:24) Namoonni seera kana cabsuuf yaalan, dheekkamsa Waaqayyootiif of saaxilu. Fakkeenyaaf, namoonni haadha manaa Abrahaam ishee akaakilii Yoseef taatee fi haadha manaa Yisihaq ishee akkoo isaa taate fudhachuuf yaalan balaadhaaf of saaxilanii turan. (Uumama 20:1-3; 26:7-11) Yoseef barumsa seenaa kana irraa argate hojii irra oolcheera.
Wanti Yoseef dubbate haadha manaa Phoxiifaar hin gammachiisne. Mee yaadi, hojjetaan gad aanaan kun afeerriin ishee “hammina guddaa” akka taʼe ibsuudhaan ishee salphiseera! Isheen garuu gaaffii dhiheessuu ishee ittuma fufte. Of tuulummaan ishee Yoseefiin tole jechisiisuuf kutattee akka kaatu ishee godhe. Kana gochuu isheetiinis amala akka Seexana isa Yesusiin qoree argisiisteetti. Yaaliin Seexanaas hin milkoofneef ture; inni garuu abdii kutachuu mannaa “hamma yerootti,” jechuunis hamma yeroo mijataa argatutti eeggachaa ture. (Luqaas 4:13) Namoonni amanamoo taʼan gara kuteeyyii fi ejjennoo kan qaban taʼuu qabu. Yoseef nama akkasii ture. Dhiibbaan kun “guyyuma guyyaatti” isa irra gaʼus inni ejjennoo isaa hin laaffisne. Macaafni Qulqulluun, “Ishee dhagaʼuu hin barbaanne” jedha. (Uumama 39:10) Haati manaa Phoxiifaar garuu, isa dogoggorsuuf kutattee turte.
Kana gochuudhaafis yeroo hojjettoonni hundi mana keessa itti hin jiraanne filatte. Yoseef hojii isaa hojjechuuf manatti akka ol seenu beekti turte. Yeroo gara manaatti ol seenu kiyyoo keessa isa galchuuf yaalte. Uffata isaa qabuudhaan, “Anaa wajjin ciisi!” jettee yeroo dhumaatiif isa gaafatte. Yoseef hatattamaan tarkaanfii fudhate. Wayyaa isaa harka ishee keessaa gadhiisifachuuf kan yaale taʼus, isheen garuu cimsitee uffata isaa qabatte. Innis wayyaa isaa harka ishee irratti dhiisee biraa baqate.—Uumama 39:11, 12.
Haalli kun gorsa Phaawulos ergamaan hafuuraan geggeeffamee, “Halalummaa baqadhaa!” jechuudhaan kenne nu yaadachiisa taʼa. (1 Qorontos 6:18) Yoseef Kiristiyaanota dhugaa hundaaf fakkeenya gaarii taʼa! Jireenyi guyyaa guyyaa namoota seera Waaqayyoo hin kabajnee wajjin akka oollu nu dirqisiisa taʼa; kun garuu dhiibbaa gadhee taʼeef moʼamuuf sababii hin taʼu. Aarsaa akkamii iyyuu kan nu kaffalchiisu yoo taʼe halalummaa irraa baqachuu qabna.
Kana gochuun Yoseefiin aarsaa guddaa kaffalchiiseera. Haati manaa Phoxiifaar ijaa baʼuu barbaadde. Hojjettoonni kaan akka walitti qabamaniif battaluma sanatti iyyite. Yoseef ishee gudeeduu barbaadee akka turee fi isheen iyyinaan akka baqate dubbatte. Yoseef balleessuu isaatiif ragaa taʼa jettee waan yaaddeef, wayyaa isaa of bira keessee hanga abbaan manaa ishee dhufutti eegde. Yeroo Phoxiifaar dhufu, nama orma kana gara mana isheetti fiduun isaa dogoggora akka taʼe dubbachuudhaan, soba warra kaanitti himte isattis ni himte. Yeroo kanatti Phoxiifaar maal godhe? Macaafni Qulqulluun, “Aaree in bobaʼe” jedha! Yoseefiinis mana hidhaatti galche.—Uumama 39:13-20.
“MIILLA ISAA FUNYOO SIBIILAATIIN MIIDHANIIRU”
Yeroo sanatti manneen hidhaa warra Gibxii kan akkamii akka turan baayʼee hin beeknu. Qorattoonni hambaalee seenaa jijjigaa manneen akkasii kan argatan siʼa taʼu, kutaawwan akka daʼootti ijaaramanii fi mana hidhaa lafa jalaa argataniiru. Yeroo booda Yoseef waaʼee iddoo itti hidhame sanaa yeroo ibsu, “mana boollaa” akka taʼe kan dubbate siʼa taʼu, kunis iddoon isaa ifa akka hin qabnee fi abdii kan nama kutachiisu akka taʼe argisiisa. (Uumama 40:15) Macaafni Faarfannaa waaʼee Yoseef, “Miilla isaa funyoo sibiilaatiin miidhaniiru, [mormi isaas, NW] hidhaa sibiilaatti gale” jechuudhaan, rakkinni dabalataa isa irra gaʼee akka ture dubbata. (Faarfannaa 105:17, 18) Warri Gibxii yeroo tokko tokko ciqilee yakkamtootaa sibiilaan gara duubaatti walitti hidhu turan; yakkamtoonni kaan immoo morma isaanii irratti hidhaa sibiilaa baatu turan. Yoseef balleessaa tokko illee utuu hin qabaatin jalʼinni akkasii isa irratti raawwatamuun isaa baayʼee isa dhiphisee taʼuu qaba!
Kan hidhame immoo yeroo gabaabaadhaaf hin turre. Seenaan isaa, “Innis mana hidhaa sana keessa ture” jedha. Waggoota muraasaaf iddoo rakkisaa sana tureera! * Kana malees Yoseef, kan hiikamu taʼuu fi dhiisuu isaa hin beeku ture. Guyyoonni rakkisaa taʼan sun torbaniin, achii immoo jiʼaan kan lakkaaʼaman yeroo taʼan, abdii kan hin kutanne maaliifi?
Seenaan isaa, “Waaqayyo garuu Yoseefii wajjin ture, gaarummaas isatti argisiise” jechuudhaan deebii isaa nuu kenna. (Uumama 39:21) Keenyan mana hidhaa, sibiilli ykn manni hidhaa lafa jalaa ifa hin qabne, jaalala Yihowaan tajaajiltoota isaatiif qabu ittisuu hin dandaʼu. (Roomaa 8:38, 39) Yoseef wanta isa dhiphisu Abbaa isaa isa samiitti kadhannaadhaan himaa akka turee fi nagaa fi tasgabbii “Waaqa jajjabina hundumaa” biraa qofa argamu akka argate yaaduun keenya sirrii dha. (2 Qorontos 1:3, 4; Filiphisiiyus 4:6, 7) Wanti Yihowaan Yoseefiif godhe kan biraan maali dha? Macaafni Qulqulluun akka dubbatutti, Yihowaan “namichi mana hidhaa eegus faara akka inni itti tolu in godheef.”
Namoota hidhamaniif hojiin kennamaa kan ture siʼa taʼu, yeroo kanattis Yoseef Yihowaan akka isa eebbisu karaa baneefii ture. Waan hunda Yihowaadhaaf dhiisuudhaan, hojii isaaf kenname kam iyyuu garaa guutuudhaan hojjeta ture. Yoseef, Yihowaan waan isa eebbiseef, akkuma mana Phoxiifaaritti ture bakka kanattis amanannaa fi kabaja argachuu dandaʼee ture. Seenaan isaa akkas jedha: “Eegduun mana hidhaa sunis, namoota hidhamanii mana hidhaa sana keessa turan hundumaa, eegumsa Yoseef jala galche; waan achitti hojjetamuun taʼu hundumaas isatu hojjeta ture. Waaqayyo Yoseefii wajjin ture, waanuma inni hojjetu waan isaaf wal qixxeessuuf, namichi mana hidhaa eegu sun waan eegumsa Yoseef jala galche hundumaa isatti dhiisee, isa harkattis hin lakkoofne.” (Uumama 39:22, 23) Yoseef, Yihowaan akka isa gargaaraa jiru beekuun isaa akka isa jajjabeesse beekamaa dha!
Jireenya keenya keessatti haalli rakkisaan nu mudachuu ykn dabni nu irratti raawwatamuu dandaʼus, amantii Yoseef irraa barumsa ni arganna. Kadhannaadhaan Yihowaatti kan dhihaannu, seera isaa amanamummaadhaan kan eegnuu fi wanta isa duratti sirrii taʼe garaa guutuudhaan kan hojjennu yoo taʼe, akka nu eebbisu carraa bannaaf.
^ KEY. 23 Macaafni Qulqulluun, Yoseef yeroo mana Phoxiifaar gale umuriin isaa waggaa 17 ykn 18 akka taʼe, akkasumas hanga gaʼeessa taʼutti waggoota muraasaaf achi akka ture argisiisa. Yeroo mana hidhaatii baʼe umuriin isaa waggaa 30 ture.—Uumama 37:2; 39:6; 41:46.