Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Hojii Baayʼee Ulfaataa Hafuura Qulqulluudhaan Raawwatame

Hojii Baayʼee Ulfaataa Hafuura Qulqulluudhaan Raawwatame

Seenaa dhala namaa keessatti, sabni Waaqayyoo dandeettii isaaniitiin utuu hin taʼin, gargaarsa Yihowaatiin wantoota dinqisiisoo raawwachuu dandaʼaniiru. Bara 1954⁠tti jaarmiyaan Yihowaa fiilmii Hawaasa Addunyaa Haaraa Sochii Irra Jiru jedhamu baasee ture. Fiilmiin kun adda durummaadhaan miseensota maatii Betʼel fiilmii qopheessuu irratti muuxannoo hin qabneen hojjatame. Pirojektiin baayʼee ulfaataa taʼe kun milkaaʼuu kan dandaʼe gargaarsa hafuura Yihowaatiin qofa dha. Kun gargaarsa Yihowaan nu kennutti yoo amanamne hojii ulfaataa akkamii iyyuu milkaaʼinaan raawwachuu akka dandeenyu amanannaa qabnu nuuf cimsa.—Zak 4:6.

VIIDIYOO FIILMII “HAWAASA ADDUNYAA HAARAA SOCHII IRRA JIRU” JEDHAMU QOPHEESSUU JEDHU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Waaʼee waajjira muummee fiilmiin akka qophaaʼuu kan murteeffame maaliifi?

  • Fiilmichi Betʼel akka qaama namaa akka taʼe kan mulʼise akkamitti?—1Qo 12:14-20

  • Obboloonni yommuu fiilmicha qopheessan rakkinni akkamii isaan mudateera? Rakkinicha kan moʼan hoo akkamitti?

  • Muuxannoon kun waaʼee hafuura Yihowaa maal isin barsiise?