Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

“Yaa Yihowaa, . . . Ani Sin Amanadha”

“Yaa Yihowaa, . . . Ani Sin Amanadha”

Yeroo gaarii taʼettis taʼe yeroo rakkinaatti Yihowaatti amanamuun keenya barbaachisaa dha. (Far 25:1, 2) Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti, Yihudoonni Yihudaa keessa turan haalli rakkisaan amantii Waaqayyo irratti qaban qoru tokko isaan mudate ture. Wanti yeroo sanatti taʼe kun barumsa hedduu nuuf taʼa. (Rom 15:4) Viidiyoo “Yaa Yihowaa, . . . Ani Sin Amanadha,” jedhu erga daawwattanii booda gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii akkamii kennitu?

  1. Hisqiyaasiin rakkina akkamiitu mudate?

  2. Hisqiyaas yeroo weeraramuuf jedhanitti dhugaa buʼuuraa Fakkeenya 22:3 irra jiru hojii irra kan oolche akkamitti?

  3. Hisqiyaas warra Asoriif harka kennuu ykn Gibxii wajjin michoomuu kan hin yaanne maaliif ture?

  4. Hisqiyaas Kiristiyaanotaaf fakkeenya gaarii kan taʼu akkamitti?

  5. Yeroo harʼaatti haalawwan amantiin Yihowaa irratti qabnu akka qoramu godhan akkamiitu nu mudata?

WANTOONNI KUN YOMMUU ANA IRRA GAʼAN YIHOWAATTI AKKAN AMANAMU ARGISIISUUN BARBAADA