Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Uumamni Amanannaa Ogummaa Yihowaa Irratti Qabnu Nuuf Cimsa

Uumamni Amanannaa Ogummaa Yihowaa Irratti Qabnu Nuuf Cimsa

Yihowaan wanta nuuf caalaatti gaarii taʼe yeroo hundumaa ni beekaa? Eeyyee! Kana amanuudhaan yommuu qajeelfama isaa hordofnu ogummaa akka qabnu argisiisna. (Fak 16:3, 9) Haa taʼu malee, yommuu qajeelfamni isaa yaada keenya irraa adda taʼu amanannaan qajeelfama isaa irratti qabnu qoramuu dandaʼa. Uumamawwan isaa irratti xiinxaluudhaan amanannaa ogummaa Yihowaa irratti qabnu cimsachuu dandeenya.—Fak 30:24, 25; Rom 1:20.

VIIDIYOO QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA? GOONDAAWWAN RAKKINA TIRAAFIKAA KAN FURAN AKKAMITTI? JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Goondaawwan hedduun guyyaa guyyaadhaan maal hojjetu?

  • Goondaawwan rakkinni tiraafikaa akka hin uumamne kan godhan akkamitti?

  • Akkaataa goondaawwan itti sochoʼan irraa namoonni maal barachuu dandaʼu?

VIIDIYOO QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA? AKKAATAA KANNIISNI BAAMBILBIIN BALALIʼA ISAA ITTI TOʼATU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Namoonni yeroo xiyyaara xixinnoo oofanitti rakkina akkamiitu isaan mudata?

  • Kanniisni baambilbii qilleensa cimaa taʼe keessatti rakkina malee kan balaliʼu akkamitti?

  • Namoonni yeroo booda ogummaa baambilbii irraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

Naannoo keetti ogummaa Yihowaa uumama irratti mulʼate akkamii argiteetta?