Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Barumsa Jireenya Saamuʼel Irraa Argannu

Barumsa Jireenya Saamuʼel Irraa Argannu

Saamuʼel jireenya isaa guutuu Yihowaadhaaf amanamaa taʼe jiraateera. Ijoollummaa isaatti, akka Hofnii fi Finahaas warra ilmaan Eelii taʼanii amala mancaʼaa hin argisiisne. (1Sa 2:22-26) Saamuʼel guddachuu isaa itti fufe; Yihowaanis isaa wajjin ture. (1Sa 3:19) Yeroo dulloometti illee, karaa Yihowaa irra deemuu isaa itti fufeera; ilmaan isaa garuu akkas hin goone.—1Sa 8:1-5.

Fakkeenyi Saamuʼel maal nu barsiisa? Ijoollee yoo taate, Yihowaan rakkina si mudatuu fi miira sitti dhagaʼamu akka hubatu mirkanaaʼaa taʼi. Inni ija jabeessa akka taatu si gargaaruu dandaʼa. (Isa 41:10, 13) Warra mucaan keessan Yihowaa tajaajiluu dhaabe yoo taatan immoo, Saamuʼel ilmaan isaa warra gaʼeessa taʼan ulaagaa Yihowaa akka hordofan dirqisiisuu akka hin dandeenye beekuun isin jajjabeessuu dandaʼa. Saamuʼel dhimma kana Yihowaatti kennachuudhaan, amanamummaa isaa eegee jiraateera, akkasumas Abbaa isaa isa samii Yihowaa gammachiiseera. Maaltu beeka, fakkeenyi gaariin isin taatan mucaan keessan gara Yihowaatti akka deebiʼu isa kakaasuu dandaʼa.

VIIDIYOO ISAAN IRRAA BARADHAA—SAAMUʼEL JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Saamuʼel ijoollummaa isatti ija jabina kan argisiise akkamitti?

  • Daaniin ija jabina kan argisiise akkamitti?

  • Saamuʼel yeroo dulloometti fakkeenya gaarii kan taʼe akkamitti?

  • Yihowaan namoota yeroo hunda wanta sirrii gochuuf ejjennoo cimaa qaban ni gargaara

    Abbaa fi haati Daanii fakkeenya gaarii kan taʼan akkamitti?