Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU

Mootiin Keessan Eenyu Dha?

Mootiin Keessan Eenyu Dha?

Israaʼelonni of tuulummaadhaan kakaʼanii namni mootii taʼee isaan bulchu akka isaaniif muudamu gaafatan (1Sa 8:4, 5; it-2-E 163 key. 1)

Israaʼelonni Bulchaan isaanii Yihowaan inni ijaan hin mulʼanne akka isaan gaʼu isaanitti hin dhagaʼamne (1Sa 8:7, 8; w11-AM 1/1 27 key. 1)

Yihowaan nama mootii taʼee isaan bulchu yoo qabaatan rakkina isaan irra gaʼuu dandaʼu isaan akeekkachiiseera (1Sa 8:9, 18; w10 1/15 30 key. 9)

Yihowaan yeroo hundumaa uumamawwan isaa hunda irratti ol aantummaa akka qabu ni argisiisa. Bulchiinsi isaa gaarummaa kan qabuu fi ulfina warra isa jalatti bulanii kan eegu dha. Bulchiinsa isaatiif ajajamuunii fi deggeruun keenya eebba bara baraa nuuf argamsiisa.

AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Jireenya koo keessatti bulchiinsa Yihowaatiif akkan bitamu argisiisaa kanan jiru akkamitti?’