TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI | GAMMACHUU TAJAAJILA IRRATTI ARGATTAN GUDDIFADHAA
Barattoonni Keessan Hiriyummaa Gadhee Irraa Akka Fagaatan Isaan Gargaaraa
Barattoonni Kitaaba Qulqulluu michoota Yihowaa taʼuudhaaf hiriyoota gaarii filachuu qabu. (Fr 15:1, 4) Hiriyoonni gaariin wanta sirrii akka hojjetan dhiibbaa isaan irratti godhu.—Fak 13:20; lff barumsa 48.
Barattoonni keessan hiriyummaa gadhee irraa akka fagaatan yommuu isaan gargaartanitti miira isaanii hubadhaa. Michoota isaanii addunyaa keessa jiran dhiisuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Kanaafuu guyyaa isaan hin qoʼachiisnetti illee xiyyeeffannaa isaaniif kennaa. Tarii ergaa gabaabaa isaaniif erguu, isaaniif bilbiluu ykn dhaqxanii isaan gaafachuu dandeessu. Barattoonni keessan yommuu guddina godhanitti immoo, saba Waaqayyoo wajjin yeroo akka dabarsan isaan affeeruu dandeessu. Akkas taanaan wanta dhiisanii dhufan caalu akka argatan ifatti hubachuu dandaʼu. (Mar 10:29, 30) Isinis maatiin Yihowaa yommuu guddatu arguu keessanitti ni gammaddu.
VIIDIYOO BARATTOONNI KEESSAN HIRIYUMMAA GADHEE IRRAA AKKA FAGAATAN ISAAN GARGAARAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:
-
Hiriyummaa gadheen kan akkamiiti?—1Qo 15:33
-
Saaraan yeroon Kiristiyaanonni waliin dabarsan kan akkamii akka taʼe yaaddee turte?
-
Saaraan hiriyummaa gadhee hiriyummaa gaariidhaan akka bakka buustu Maartaan kan ishii gargaarte akkamitti?