Asteer Yihowaa fi Saba Isaatiif Jecha Tarkaanfii Fudhatteetti
Asteer Yihowaa fi saba isaatiif jecha ija jabinaa fi haala ofittummaa irraa walaba taʼeen tarkaanfii fudhatteetti
-
Asteerii fi Mordekaayi iddoo miidhaan isaan irra hin geenye jiraatu turan. Labsiin Haamaan Yihudoota hunda ficcisiisuuf baase garuu guutummaa bulchiinsa sanaatti ergamee ture
-
Asteer utuu hin afeeramin mooticha duratti dhihaachuudhaan ammas lubbuu ishii balaadhaaf saaxilte. Labsii suukanneessaa baʼe akka hambisuuf boossee saba ishiitiif Mooticha kadhatte
-
Seerri maqaa mootichaatiin baʼe hafuu hin dandaʼu. Kanaaf mootichi seera haaraa akka baasaniif Asteerii fi Mordekaayiif aangoo kenne
Yihowaan saba isaatiif injifannoo guddaa kenne
-
Labsii lammaffaan Yihudoonni mirga diinota isaanii of irraa ittisuu akka qaban ibsu ni baʼe
-
Abbootiin fardaa guutummaa bulchiinsa sanaatti ergicha geessan saffisaan geessan; Yihudoonnis waraanaaf qophaaʼan
-
Namoonni hedduun Waaqayyo Yihudootaa wajjin jiraachuu isaa waan hubataniif, qomoo isaanii gara Yihudiitti geddaratan