Israaʼeloonni Yihowaa Irraanfatan
Yihowaan, Ermiyaas hojii ulfaataa of tuulummaa fi of bobbokoksuu, Yihudaa fi Yerusaalem balleessuuf akka murteesse fakkeenyaan ibsu akka raawwatuuf isaaf kennee ture.
Ermiyaas sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitate
-
Akkuma sabbanni mudhii namaatti maxxanu, sabni Israaʼelis akka fakkeenyaatti Yihowaatti maxxanee ture
Ermiyaas sabbaticha fudhatee gara Laga Efraaxiis dhaqe
-
Sabbaticha erga holqa dhagaa kattaa keessa dhoksee booda Yerusaalemitti deebiʼe
Ermiyaas sabbaticha fiduuf deebiʼee gara Laga Efraaxiis dhaqe
-
Sabbatichi bososee ture
Yihowaan, Ermiyaas hojii isaaf kenname erga xumuree booda hiika wanta kanaa isaaf ibse
-
Carraaqqiin Ermiyaas buʼaa kan hin qabne fakkaatus, garaa guutuudhaan ajajamuun isaa carraaqqii Yihowaan garaa saba isaa tuquuf godhe irratti Ermiyaas gumaacha ol aanaa akka qabaatu godheera