BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Garaa Guutuudhaan Carraaqqii Gochuun Eebba Hedduu Argamsiisa
Eelsaaʼi akkaataa Israaʼel Sooriyaa itti injifattu argisiisuuf Yoʼaas Mootichi wantoota tokko tokko akka raawwatu isa ajajeera (2Mo 13:15-18)
Yoʼaas garuu garaa guutuudhaan waan hin raawwanneef injifannoo argachuu qabu hin arganne (2Mo 13:19; w10 4/15 26 key. 11)
Yihowaan tajaajiltoota isaa cimsanii isa barbaaddatan baayʼisee ni eebbisa (Ibr 11:6; w13-AM 11/1 11 key. 5-6)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Kutaalee waaqeffannaa armaan gadiirratti garaa guutuudhaan carraaqqii gochaa akkan jiru argisiisuu kanan dandaʼu akkamitti? Kitaaba Qulqulluu dubbisuu, walgaʼiirratti argamuu fi tajaajilarratti hirmaachuu.’