Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Hojii Jabaannee Hojjenne ni Yaadata

Yihowaan Hojii Jabaannee Hojjenne ni Yaadata

Yeroo tokko tokko namoonni wanta isaaniif goone utuu hin dinqisiifatin hafuu ykn dafanii irraanfachuu dandaʼu. Yihowaan hoo wanta isaaf goone ni irraanfataa? Waaqni keenya inni baayʼee nu dinqisiifatu carraaqqii garaa guutuudhaan isa tajaajiluuf goone matumaa hin irraanfatu. Yeroo haalli fayyaa keenyaa wanta raawwannu nu jalaa daangessutti illee inni nu hin gatu.—Ibr 6:10.

VIIDIYOO YIHOWAAN NI YAADATA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboleessi keenya Hiibshimaan gosoota tajaajilaa adda addaarratti Yihowaadhaaf jabaatee kan hojjete akkamitti?

  • Yihowaan obboleessi keenya Hiibshimaan haati manaa isaa erga duutee fi sababa dullumaatiin wanti inni raawwatu erga daangeffamee booda akka isa yaadatu kan argisiise akkamitti?

  • Jireenyi obboleessi keenya Hiibshimaan tajaajila yeroo guutuu keessatti dabarse sooressa kan isa godhe akkamitti?—Fak 10:22