BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU
Ija Jabina, Kutannoo fi Hinaaffadhaan Tarkaanfii Fudhateera
Yihowaan Yehuun mana Ahaab isa mootii hamaa ture sanaa akka balleessu ergama isaaf kenneera (2Mo 9:6, 7; w11 11/15 3 key. 2)
Yehuun Yooraam Mootichaa (ilma Ahaab) fi Iizaabel Mootittii (haadha manaa Ahaab) ajjeesuuf dafee tarkaanfii fudhateera (2Mo 9:22-24, 30-33; w11 11/15 4 key. 2-3; chaartii “‘Guutummaan Mana Ahaab ni Bada’—2Mo 9:8” jedhu ilaali.)
Yehuun ergama isaa raawwateera, akkasumas ija jabina, kutannoo fi hinaaffaa argisiiseera (2Mo 10:17; w11 11/15 5 key. 3-4)
AKKANA JEDHII OF GAAFADHU: ‘Ajaja Maatewos 28:19, 20 irratti kenname yeroon raawwadhu fakkeenya Yehuu hordofuu kanan dandaʼu akkamitti?’