GAAFFII 10
Kitaabni Qulqulluun Waaʼee Gara Fuulduraa Abdii Akkamii Kenna?
“Qajeelonni lafa ni dhaalu, bara baraafis ishii irra ni jiraatu.”
“Lafti garuu bara baraaf jiraatti.”
“Inni bara baraaf duʼa ni liqimsa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan fuula hundumaa irraa imimmaan ni haqa.”
“Yeroo sanatti ijji warra qaro dhabeeyyii ni banama, gurri duudes ni dhagaʼa. Yeroo sanatti naafti akkuma gadamsaatti ni utaala, arrabni nama dubbachuu hin dandeenyees ni ililcha. Sababiin isaas, lafa onaa keessatti bishaanonni ni burqu, gammoojjii keessattis lageen ni yaaʼu.”
“Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu. Wantoonni duraa sun darbaniiru.”
“Isaan manneen ni ijaaru, keessas ni jiraatu, mukeetii wayinii ni dhaabu, firii isaaniis ni nyaatu. Mana isaan ijaaran keessa namni kan biraan hin jiraatu, muka wayinii isaan dhaabanis namoonni kan biroon hin nyaatan. Sababiin isaas, umuriin saba kootii akkuma umurii mukaa ni taʼa, warri ani filadhes hojii harka isaaniitti guutummaatti ni gammadu.”