Mootota Tokkoffaa 10:1-29
10 Mootuun biyya Sheebaa beekamummaa Solomoon qabuu fi beekamummaan isaas maqaa Yihowaatiif ulfina akka fide dhageessee,+ gaaffiiwwan ulfaatoo taʼaniin* isa qoruuf ni dhufte.+
2 Ishiinis namoota hedduu of duukaa buustee,+ zayitii baalsaamii,*+ warqii hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban gaalotatti feetee Yerusaalem geesse. Gara Solomoonitti seentees waan garaa ishii hunda isatti himte.
3 Solomoonis gaaffiiwwan ishii hunda ni deebiseef. Wanti mootichi ishiidhaaf ibsuun isa rakkise* tokko illee hin turre.
4 Mootuun Sheebaa ogummaa Solomoon+ qabu hunda, mana inni ijaare,+
5 nyaata maaddii isaa irratti dhihaatu,+ akkaataa tajaajiltoonni isaa itti taaʼan, akkaataa keessummeessitoonni isaa maaddii irratti itti keessummeessanii fi akkaataa uffannaa isaanii, warra dhugaatii dhiheessan, akkasumas aarsaawwan gubaman warra inni yeroo hunda mana Yihowaa keessatti dhiheessu yommuu argitu wanta jettu wallaalte.*
6 Kanaafuu, mootichaan akkana jette: “Wantoota ati raawwattee* fi ogummaa kee ilaalchisee wanti ani biyya kootti dhagaʼe dhugaa dha.
7 Haa taʼu malee, hamman dhufee ija kootiin argutti oduu kana hin amannen ture. Kunoo, walakkaan isaa illee natti hin himamne. Ati ogummaa fi badhaadhina isa ani dhagaʼe irra baayʼee caalu qabda.
8 Namoonni kee gammadoo dha; tajaajiltoonni kee warri yeroo hunda si dura dhaabbatanii ogummaa kee dhaggeeffatanis gammadoo dha!+
9 Waaqni kee Yihowaan inni sitti gammadee teessoo Israaʼel irra si kaaʼe haa jajamu.+ Yihowaan jaalala bara baraatiin Israaʼeliin waan jaallateef, ati haqaa fi qajeelummaadhaan akka bulchituuf mootii godhee si muudeera.”
10 Achiis ishiin warqii taalaantii* 120, zayitii baalsaamii+ hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban mootichaaf ni kennite.+ Sana booda zayitiin baalsaamii hamma mootuun Sheebaa Solomoon Mootichaaf kennite gaʼu dhufee hin beeku.
11 Dooniiwwan Hiiraam warri Ofiir+ irraa warqii fidaa turan, saanqaawwan muka sandalii+ hedduu fi dhagoota gatii guddaa qaban+ Ofiir irraa ni fidu turan.
12 Mootichi saanqaawwan muka sandalii irraa deggertuuwwan mana Yihowaa fi deggertuuwwan mana mootichaa, akkasumas faarfattootaaf baganaa fi meeshaawwan muuziqaa ribuu qaban ni hojjete.+ Saanqaawwan muka sandalii akkanaa sana booda hamma harʼaatti fidamaniis taʼe argamanii hin beekan.
13 Solomoon Mootichi wanta arjummaadhaan* ishiidhaaf kenne dabalatee, wanta mootuun Sheebaa barbaaddee fi isa gaafatte akkamii iyyuu ishiidhaaf ni kenne. Sana booda ishiin achii baatee tajaajiltoota ishii wajjin gara biyya ishiitti deebite.+
14 Warqiin waggaa waggaadhaan Solomooniif dhufu ulfaatinni isaa taalaantii 666 taʼa ture;+
15 kana malees, daldaltoota imaltoota taʼan irraa fi buʼaa daldaltoota irraa argamu irraa, akkasumas mootota Arabootaa fi bulchitoota biyyattii hunda irraa isaaf ni dhufa ture.
16 Solomoon Mootichi gaachana guguddaa 200 warqii makaa sibiilaa qabu irraa ni hojjete+ (tokkoon tokkoon gaachanichaa warqii sheeqilii* 600 qaba ture);+
17 kana malees, gaachana xixinnoo* warqii makaa sibiilaa qabu 300 ni hojjete (tokkoon tokkoon gaachana xixinnoo kanaas warqii miinaa* sadii qaba ture). Achiis mootichi Mana Bosona Libaanon+ jedhamu keessa isaan kaaʼe.
18 Kana malees, mootichi ilka arbaa irraa teessoo guddaa tokko hojjetee+ warqii qulqulleeffameen ni uwwise.+
19 Kortoon gara teessichaatti ol baasu jaʼa jira ture; teessoon sun duuba isaatiin wanti isa golboobu jira ture; teessichi garasii fi garanaan wanta harka irra kaaʼatan qaba ture; bocawwan leencotaa+ lamas wanta harka irra kaaʼatan bira dhaabbatanii jiru turan.
20 Kortoowwan jaʼan sana irras bocawwan leencotaa 12 dhaabbatanii jiru turan; isaanis tokkoon tokkoon fiixee kortoowwan jaʼan sanaa irra jiru turan. Mootummaan wanta akkanaa hojjete kan biraan hin jiru.
21 Miʼawwan Solomoon Mootichi itti dhugu hundi warqii irraa kan tolfaman turan; miʼawwan Mana Bosona Libaanon+ jedhamu keessa jiran hundis warqii qulqulluu irraa kan tolfaman turan. Bara Solomoonitti meetiin akka waan gatii hin qabneetti waan ilaalamuuf, wanti meetii irraa tolfame tokko illee hin jiru ture.+
22 Mootichi dooniiwwan Tarshiish+ warra dooniiwwan Hiiraamii wajjin galaanicha irra deeman qaba ture. Dooniiwwan Tarshiish waggaa sadiitti siʼa tokko warqii, meetii, ilka arbaa,+ qamaleewwanii fi xaawusoota* feʼanii dhufu turan.
23 Kanaafuu, Solomoon Mootichi badhaadhinaa+ fi ogummaa+ isaatiin mootota lafa irra jiran kaan hundumaa irra ni caala ture.
24 Namoonni lafa irra jiraatan hundi ogummaa Waaqayyo garaa Solomoon keessa kaaʼe+ dhagaʼuuf isaa wajjin wal arguu* barbaadu turan.
25 Isaanis tokkoon tokkoon isaanii waggaa waggaadhaan miʼawwan meetii, miʼawwan warqii, uffata, meeshaa waraanaa, zayitii baalsaamii, fardeenii fi gaangolii akka kennaatti ni fidu turan.
26 Solomoon gaariiwwan fardaa fi fardeen* walitti qabuu isaa itti fufe; inni gaariiwwan fardaa 1,400 fi fardeen* 12,000+ qaba ture; isaanis magaalota gaarii fardaa keessa, akkasumas Yerusaalem keessa naannoo mootichi jiraatu keessa akka jiraatan godhe.+
27 Mootichi Yerusaalem keessa meetiin akkuma dhagaatti baayʼinaan akka argamu godhe; mukti gaattiraas akkuma muka harbuu isa Shefelaa keessa jiruutti baayʼinaan akka argamu godhe.+
28 Fardeen Solomoon biyya Gibxiitii fichisiifamu turan; daldaltoonni mootichaas tuuta fardeenii* sana gatii dhaabbataa taʼeen bitu turan.+
29 Gaariin fardaa Gibxiidhaa fichisiifamu tokkoon tokkoon isaa meetii sheeqilii* 600 baasa ture; fardi tokkos meetii sheeqilii 150 baasa ture; isaan immoo deebisanii gara guutummaa mootota Heetotaa+ fi mootota Sooriyaatti isaan ergu turan.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “hibboodhaan.”
^ Zayitii urgaaʼaa biqiltootaa fi mukeetii tokko tokko irraa argamu dha.
^ Kal., “wanti mooticha jalaa dhokate.”
^ Kal., “hafuurri ishii keessatti hin hafne.”
^ Ykn., “dubbatte.”
^ Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Kal., “akka harka Solomoon Mootichaatti.”
^ Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Gaachana xixinnoo yeroo baayʼee warri xiyya darbatan qabatan.
^ Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti miinaan tokko 570 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Gosa allaattii halluuwwan bareedan adda addaa qabdu. Ingiliffaan piikookii.
^ Kal., “fuula isaa arguu.”
^ Ykn., “abbootii fardeenii.”
^ Ykn., “abbootii fardeenii.”
^ Ykn tarii, “Gibxii fi Kuweedhaa; daldaltoonni mootichaa Kuweedhaa isaan bitu turan,” tarii Kiilqiyaa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
^ Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.