Saamuʼel Lammaffaa 16:1-23

  • Ziiban maqaa Mefibosheet balleesse (1-4)

  • Shimeʼiin Daawitiin abaare (5-14)

  • Abishaalom Hushaayiin simate (15-19)

  • Gorsa Ahitoofel kenne (20-23)

16  Daawit fiixee gaarichaa+ irraa xinnuma akka siqeen Ziibaan+ tajaajilaan Mefibosheet+ daabboo 200, bixxillee zabiibii 100, bixxillee firii bonaa* 100 fi daadhii wayinii hubboo* guddaa tokko harroota lamatti feʼee isa argachuuf achitti isa eegaa ture.+  Achiis mootichi, “Wantoota kana kan fidde maaliifi?” jedhee Ziibaa gaafate. Ziibaanis deebisee, “Harroota kana maatiin mootichaa akka irra taaʼaniif, daabboo fi firii bonaa kana dargaggoonni akka nyaataniif, daadhii wayinii kana immoo warri lafa onaa keessatti dadhaban akka dhuganiifan fide” isaan jedhe.+  Mootichis yeroo kanatti, “Ilmi* gooftaa keetii eessa jira?” jedhee isa gaafate.+ Ziibaanis, “Inni, ‘Harʼa manni Israaʼel, mootummaa abbaa koo deebisee anaaf ni kenna’ jedhee waan yaadeef, Yerusaalem keessatti hafeera” jedhee mootichaaf deebise.+  Mootichis Ziibaadhaan, “Kunoo, wanti kan Mefibosheet taʼe hundi kan kee ti” jedhe.+ Ziibaanis deebisee, “Ani si duratti nan sagada. Yaa gooftaa koo yaa mootii, si duratti fudhatama akkan argadhu godhi” isaan jedhe.+  Daawit yommuu Baahuriim gaʼu, maatii Saaʼol keessaa kan taʼe Shimeʼiin+ ilmi Geeraa gad baʼee Daawitiin abaaraa gara isaatti dhihaate.+  Inni Daawititti, tajaajiltoota Daawit hundumaatti, akkasumas loltoota isaa fi namoota jajjaboo karaa mirga isaa fi karaa bitaa isaa jiran hundumaatti dhagaa darbata ture.  Shimeʼiin akkana jedhee isa abaara ture: “Baʼi asii, baʼi, ati yaa nama dhiigaa nana! Ati yaa nama gatii hin qabne nana!  Ati maatii Saaʼol waan fixxeef, akkasumas mootummicha isa irraa waan fudhatteef, Yihowaan akka hojii keetti siif deebiseera. Kanaafuu, Yihowaan mootummicha ilma kee Abishaalomiif kenneera. Ati nama dhiigaa waan taateef, kunoo amma rakkinni guddaan si irra gaʼaa jira!”+  Yeroo kanatti Abishaay ilmi Zeruuyaa+ mootichaan, “Saree duʼaan+ kun gooftaa koo mooticha kan abaaru maaliifi?+ Maaloo, dhaqeen mataa isaa irraa mura”+ jedhe. 10  Mootichi garuu akkana jedhe: “Isin ilmaan Zeruuyaa dhimma koo keessa maaltu isin galche?+ Na haa abaaru;+ Yihowaatu, ‘Daawitiin abaari!’ isaan jedhe.+ Maarree eenyutu, ‘Maaliif akkana goota?’ isaan jechuu dandaʼa?” 11  Achiis Daawit, Abishaayii fi tajaajiltoota isaa hundumaatiin akkana jedhe: “Kunoo, ilmi koo inni foon koo taʼe illee lubbuu koo balleessuu barbaada erga taʼee,+ namichi Biiniyaam+ kun immoo kana caalaa gochuu hin barbaaduu ree? Yihowaan akka na abaaru waan isatti himeef, dhiisaa na haa abaaru! 12  Tarii Yihowaan miidhamuu koo ilaalee,+ bakka abaarsa harʼa na irra gaʼaa jiru kanaa, Yihowaan wanta gaarii naaf godha taʼa.”+ 13  Daawitii fi namoonni isaa karicha qabatanii gad buʼuu isaanii itti fufan; Shimeʼiinis gaaricha qarqara Daawit cinaa deemee isa abaaraa,+ dhagaa itti darbachaa fi awwaara itti bittinneessaa ture. 14  Boodas mootichii fi namoonni isaa wajjin turan hundi bakka barbaadan yommuu gaʼan dadhabanii waan turaniif ni boqotan. 15  Kana gidduutti Abishaalomii fi namoonni Israaʼel hundi Yerusaalem gaʼan; Ahitoofelis+ isaa wajjin ture. 16  Hushaay+ Arkichi+ michuun Daawit* gara Abishaalomitti seenee, “Mootichi bara baraaf haa jiraatu!+ Mootichi bara baraaf haa jiraatu!” isaan jedhe. 17  Yeroo kanatti Abishaalom Hushaayiin, “Jaalalli amanamaan ati michuu keetti argisiistu kanaa? Michuu kee wajjin kan hin deemne maaliifi?” jedhe. 18  Yeroo kanatti Hushaay Abishaalomiin akkana jedhe: “Lakki, ani isa Yihowaan, isa namoonni kunii fi isa namoonni Israaʼel hundi filatan cinaan dhaabbadha. Ani isaa wajjinan taaʼa. 19  Ammas irra deebiʼeen dubbadha: Tajaajiluu kanan qabu eenyuuni? Ilma isaa mitii? Akkuman abbaa kee tajaajile, siinis nan tajaajila.”+ 20  Yeroo kanatti, Abishaalom Ahitoofeliin, “Mee gorsa naa kenni.+ Maal gochuu qabna?” jedhe. 21  Ahitoofelis Abishaalomiin akkana jedhe: “Saajjatoota abbaa keetii warra inni akka mana* eeganiif dhiisee deemee+ wajjin saalqunnamtii raawwadhu.+ Achiis guutummaan Israaʼel abbaan kee akka waan xiraaʼaatti akka si ilaalu gochuu kee ni dhagaʼa; warri si deggeranis humna ni argatu.” 22  Kanaafuu, isaan baaxii manichaa+ irratti Abishaalomiif dunkaana ni dhaaban; innis ija guutummaa Israaʼel duratti+ saajjatoota abbaa isaa wajjin saalqunnamtii raawwate.+ 23  Bara sanatti gorsi Ahitoofel+ kennu, akka dubbii Waaqa dhugaatti* ilaalama ture. Gorsi Ahitoofel kennu hundi Daawit birattis taʼe Abishaalom biratti bakka guddaa qaba ture.

Miiljaleewwan

Ykn., “okkotee.”
Firiin kun keessumaa harbuu kan argisiisu yeroo taʼu, tarii immoo teemiriis kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “Ilmi ilma.”
Ykn., “inni Daawit wanta garaa isaa itti himatu.”
Ykn., “mana mootummaa.”
Ykn., “akka waan namni tokko gorsa Waaqa dhugaa gaafatee argatetti.”