Saamuʼel Lammaffaa 8:1-18
8 Yeroo muraasa booda, Daawit Filisxeemota+ moʼee toʼannaa isaa jala isaan galche;+ akkasumas Daawit Filisxeemota harkaa Meteeg Amaa ni fudhate.
2 Inni Moʼaabota ni moʼe;+ achiis lafa irra akka ciciisan erga godhee booda wadaroodhaan isaan safare. Harka sadii keessaa harka lama kan taʼan ajjeesuuf, harka sadii keessaa harka tokko kan taʼan immoo lubbuudhaan hambisuuf isaan safare.+ Moʼaabonnis tajaajiltoota Daawit ni taʼan; gibiras isaaf fiduu jalqaban.+
3 Hadaadʼezeer ilmi Rehoob mootiin Zoobaa+ aangoo Laga Efraaxis+ irratti qabu deebifachuuf utuu dhaqaa jiruu Daawit isa injifate.
4 Daawit abbootii fardeenii 1,700 fi loltoota lafoo 20,000 isa irraa ni boojiʼe. Achiis Daawit fardeen gaarii harkisan 100 qofa hambisee, warra kaan hundumaa morgaa isaanii kukkute.+
5 Namoonni Sooriyaa warri Damaasqoo+ keessa jiran Hadaadʼezeer mootii Zoobaa gargaaruuf yommuu dhufan, Daawit namoota Sooriyaa keessaa 22,000 ajjeese.+
6 Achiis Daawit Damaasqoo ishii Sooriyaa keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; warri Sooriyaas tajaajiltoota Daawit taʼan; gibiras isaaf ni fidan. Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundumaatti injifannoo* isaaf ni kenna ture.+
7 Kana malees, Daawit tajaajiltoota Hadaadʼezeer irraa gaachanoota warqii fudhatee gara Yerusaalemitti fide.+
8 Daawit Mootichi Beexaa fi Beerotaa warra magaalota Hadaadʼezeer taʼan keessaa sibiila diimaa hedduu fudhate.
9 Toʼiin inni mootii Hamaat+ taʼe, Daawit guutummaa raayyaa waraanaa Hadaadʼezeer injifachuu isaa ni dhagaʼe.+
10 Kanaafuu, Toʼiin waaʼee nageenya isaa akka isa gaafatuu fi Hadaadʼezeeriin waraanee waan injifateef gammachuu isatti dhagaʼame akka isaaf ibsu, ilma isaa Yoraamiin gara Daawit Mootichaatti erge (Hadaadʼezeer yeroo baayʼee Toʼii wajjin wal waraana ture); innis miʼawwan meetii, miʼawwan warqii fi miʼawwan sibiila diimaa fidee dhufe.
11 Daawit Mootichi miʼawwan kana meetii fi warqii saboota toʼannaa isaa jala galfate hundumaa irraa fudhatee turee wajjin Yihowaadhaaf ni qulqulleesse;+
12 miʼawwan kunis warra inni Sooriyaa, Moʼaab,+ Amoonota, Filisxeemotaa+ fi Amaaleqota+ irraa fudhate, akkasumas Hadaadʼezeer+ ilma Rehoob mootii Zoobaa irraa boojiʼe turan.
13 Kana malees, Daawit Sulula Soogiddaa keessatti Edoomota 18,000 ajjeesee yommuu deebiʼutti beekamaa taʼe.+
14 Inni Edoom keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse. Guutummaa Edoom keessatti buufatawwan loltootaa ni hundeesse; Edoomonni hundis tajaajiltoota Daawit taʼan.+ Yihowaan bakka Daawit dhaqu hundumaatti injifannoo* isaaf kenna ture.+
15 Daawit guutummaa Israaʼel irratti bulchuu isaa itti fufe;+ inni sabni isaa hundi+ haqaa fi qajeelummaa+ akka argatan godha ture.
16 Yoʼaab+ ilmi Zeruuyaa itti gaafatamaa raayyaa waraanaa ture; Yoshaafaax+ ilmi Ahiluud immoo barreessaa seenaa ture.
17 Saadoq+ ilmi Ahixuubii fi Ahimelek ilmi Abiyaataar luboota turan; Seraayaan immoo barreessaa ture.
18 Benaayaan+ ilmi Yehoyaadaa itti gaafatamaa Kereetotaa fi Pheleetotaa+ ture. Ilmaan Daawitis geggeessitoota itti gaafatamummaa guddaa qaban* taʼan.