Seenaa Baraa Isa Lammaffaa 27:1-9
-
Yootaam mootii Yihudaa (1-9)
27 Yootaam+ yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 16f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yerushaa yeroo taʼu, ishiin intala Saadoq turte.+
2 Akkuma abbaan isaa Ooziyaan godhe, innis wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni godhe;+ inni garuu kutaa mana qulqullummaa Yihowaa isa dhorkametti hin seenne.+ Haa taʼu malee, uummatichi amma iyyuu gocha hamaa ni raawwata ture.
3 Inni karra mana Yihowaa isa olii ni ijaare;+ akkasumas dallaa dhagaa Ofeel+ irratti hojii ijaarsaa hedduu raawwate.
4 Kana malees, naannoowwan gaarotaa Yihudaa keessatti+ magaalota ni ijaare;+ naannoowwan bosonaa keessattis iddoowwan dallaa dhagaa qabanii+ fi masaraawwan+ ni ijaare.
5 Innis mootii Amoonotaa irratti waraana banee+ dhuma irratti isaan ni moʼe; kanaafuu, Amoononni waggaa sanatti meetii taalaantii* 100, qamadii safartuu qorosii* 10,000 fi garbuu safartuu qorosii 10,000 isaaf ni kennan. Amoononni waggaa lammaffaattii fi waggaa sadaffaattis kana isaaf ni kaffalan.+
6 Yootaam Waaqa isaa Yihowaa duratti daandii isaa waan cimsateef* jabaachaa adeeme.
7 Seenaan Yootaam inni hafe, waraanni inni godhee fi daandiin inni hordofe hundi Kitaaba Mootota Israaʼelii fi Yihudaa keessatti barreeffameera.+
8 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 16f ni bulche.+
9 Achiis Yootaam abbootii isaa wajjin ni boqote; Magaalaa Daawit+ keessattis isa awwaalan. Ilmi isaa Akaazis bakka isaa mootii taʼe.+
Miiljaleewwan
^ Taalaantiin tokko 34.2 kg dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Qorosiin tokko 220 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Ykn., “qopheeffateef.”