Daaniʼel 1:1-21

  • Baabilononni Yerusaalemitti marsan (1, 2)

  • Leenjii addaa dargaggoota sanyii mootii taʼaniif kenname (3-5)

  • Amanamummaan Ibroota arfanii ni qorame (6-21)

1  Yehoyaaqiim+ mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti Nebukadnezaar mootiin Baabilon gara Yerusaalem dhufee ishiitti marse.+  Boodas Yihowaan Yehoyaaqiim mootii Yihudaa fi miʼawwan mana* Waaqa dhugaa tokko tokko harka isaatti dabarsee kenne;+ innis gara biyya Shinaaritti,*+ gara mana* waaqa isaatti isaan geesse. Miʼawwan kanas mana qabeenyaa waaqa isaa keessa kaaʼe.+  Achiis mootichi warra sanyii mootii fi sanyii guguddootaa taʼan dabalatee Israaʼelota* tokko tokko akka fidu Ashfenaaz isa ajajaa abbootii taayitaa mana mootummaa isaa taʼe sana ajaje.+  Isaan dargaggoota* mimmiidhagoo mudaa hin qabne, ogummaa, beekumsaa fi hubannaa+ kan qaban, akkasumas mana mootummaa keessatti tajaajiluuf gaʼumsa kan qaban taʼuu qabu turan. Innis barreeffamaa fi qooqa Kaladootaa isaan barsiisuu qaba ture.  Kana malees, mootichi nyaata gaggaarii mootichaa fi daadhii wayinii inni dhugu irraa guyyaa guyyaadhaan soorata isaaniif ni ramade. Isaan waggaa sadiif erga leenjifamanii* booda, dhuma irratti mooticha tajaajiluu jalqabu turan.  Dargaggoonni gosa* Yihudaa keessaa taʼanii fi Daaniʼel,*+ Hanaaniyaa,* Mishaaʼelii* fi Azaariyaa* jedhaman isaan gidduu jiru turan.+  Ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun maqaa* isaaniif moggaase; Daaniʼeliin Belteshaazaar,+ Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Mishaaʼeliin Meeshaak, Azaariyaadhaan immoo Abedneegoo jedhee waame.+  Daaniʼel garuu nyaata gaggaarii mootichaatiin yookiin daadhii wayinii inni dhuguun akka of hin xureessine garaa isaatti murteessee ture. Kanaafuu, inni karaa kanaan akka of hin xureessine akka isaaf heyyamu ajajaa abbootii taayitaa mana mootummaa sana gaafate.  Waaqni dhugaanis ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Daaniʼelitti gaarummaa fi gara laafina akka argisiisu godhe.+ 10  Haa taʼu malee, ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Daaniʼeliin, “Ani gooftaa koo mooticha isa nyaataa fi dhugaatii keessan isiniif ajaje sana nan sodaadha. Isin dargaggoota* umurii keessan irratti argaman kaan irra akka huqqattan yoo arge hoo? Mooticha duratti yakkamaa na* gootu” jedhe. 11  Daaniʼel garuu eegduu isa ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa irratti muude sanaan akkana jedhe: 12  “Maaloo, guyyaa kudhaniif nu tajaajiltoota kee qori; kuduraan nyaannuu fi bishaan dhugnu nuuf haa kennamu; 13  achiis bifa keenya bifa dargaggoota* nyaata gaggaarii mootichaa nyaatanii wajjin wal bira qabii ilaali; sana booda wanta argitu irratti hundooftee nu tajaajiltoota kee irratti wanta barbaadde gochuu dandeessa.” 14  Innis yaada isaan dhiheessan irratti walii galee guyyaa kudhaniif isaan qore. 15  Dhuma guyyaa kurnaffaattis bifti isaanii bifa dargaggoota* nyaata gaggaarii mootichaa nyaatan hundumaa irra kan wayyu taʼe; isaanis fayya buleeyyii taʼanii* argaman. 16  Kanaafuu, eegduun sun nyaata gaggaarii fi daadhii wayinii utuu hin taʼin kuduraa isaaniif kennuu isaa itti fufe. 17  Waaqni dhugaanis barreeffamaa fi ogummaa akaakuu hundumaa irratti dargaggoota* arfan kanaaf beekumsaa fi hubannaa ni kenne; Daaniʼeliif immoo mulʼataa fi abjuu akaakuu hundumaa irratti hubannaan ni kenname.+ 18  Yeroon mootichi isa duratti akka isaan dhiheessan murteesse sun gaʼuttis,+ ajajaan abbootii taayitaa mana mootummaa sun Nebukadnezaar duratti isaan dhiheesse. 19  Yommuu mootichi isaanii wajjin dubbatus, hunduma isaanii keessaa namni kan akka Daaniʼel, Hanaaniyaa, Mishaaʼelii fi Azaariyaa taʼe tokko illee hin argamne;+ isaanis mooticha duratti tajaajiluu isaanii itti fufan. 20  Mootichi dhimma ogummaa fi hubannaa barbaadu hundumaa yommuu isaan gaafatu, isaan guutummaa bulchiinsa isaa keessatti luboota falfala raawwatanii fi warra hooda dubbatan+ hundumaa irra harka kudhan akka caalan hubate. 21  Daaniʼelis hamma waggaa jalqabaa bulchiinsa Qiiros+ Mootichaatti achuma ni ture.

Miiljaleewwan

Ykn., “mana qulqullummaa.”
Jechuunis, Baabiloniyaa.
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Kal., “ilmaan Israaʼel.”
Kal., “ijoollee.”
Ykn tarii, “sooramanii.”
“Yihowaan ni Gargaare” jechuu dha.
Tarii, “Kan Akka Waaqaa Eenyu?” jechuu dha.
“Yihowaan Gaarummaa Argisiise” jechuu dha.
Kal., “ilmaan.”
“Abbaan Murtii Koo Waaqa Dha” jechuu dha.
Jechuunis, maqaa warra Baabilon.
Kal., “mataa koo yakkamaa.”
Kal., “ijoollee.”
Kal., “ijoollee.”
Kal., “ijoollee.”
Kal., “foon isaanii furdatee.”
Kal., “ijoollee.”