Hisqiʼel 1:1-28
1 Waggaa 30ffaatti, jiʼa arfaffaa keessaa guyyaa shanaffaatti, utuman laga Kebaar+ bira namoota boojiʼaman+ gidduu jiruu, samiiwwan ni banaman; anis mulʼata Waaqayyo biraa dhufe nan arge.
2 Jiʼicha keessaa guyyaa shanaffaatti, jechuunis Yehoyaakiin+ Mootichi boojuudhaan fudhatamee waggaa shanaffaatti,
3 biyya Kaladootaa+ keessatti laga Kebaar biratti dubbiin Yihowaa gara Hisqiʼel* ilma Buzii lubichaa ni dhufe. Achitti harki Yihowaa isa irratti ni dhufe.+
4 Utuman ilaalaa jiruus, bubbee cimaan+ tokko kaaba irraa yommuu dhufu nan arge; duumessi guddaanii fi ibiddi*+ ifa cimaadhaan marfame jira ture; ibiddicha gidduudhaas wanti sibiila calaqqisu* fakkaatu tokko ni baʼe.+
5 Isa keessas wantoonni uumamawwan jiraatoo+ afur fakkaatan jiru turan; bifti tokkoon tokkoon isaaniis bifa namaa fakkaata ture.
6 Tokkoon tokkoon isaanii fuula afur afurii fi qoochoo* afur afur qabu turan.+
7 Miilli isaanii sorooroo ture; faanni miila isaanii kottee jabbii fakkaata ture; isaan akkuma ifa sibiila diimaa cululuqfameetti calaqqisu turan.+
8 Kallattiiwwan arfaniin qoochoo isaanii jalaa harka namaa qabu turan; arfan isaanii fuulawwanii fi qoochoowwan qabu turan.
9 Qoochoowwan isaanii wal tuqu turan. Isaan yommuu deeman duubatti hin garagalan turan; tokkoon tokkoon isaanii kallattiidhaan fuulduratti deemu turan.+
10 Fuulli isaanii kana fakkaata ture: Arfan isaanii iyyuu karaa mirgaatiin fuula namaa fi fuula leencaa,+ karaa bitaatiin immoo fuula qotiyyoo+ qabu turan; arfan isaanii iyyuu fuula risaa+ qabu turan.+
11 Fuulli isaanii kana fakkaata ture. Qoochoowwan isaanii ol diriirfamanii turan. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan wal tuqan lama lamaa fi qoochoowwan qaama isaanii uwwisan lama lama qabu turan.+
12 Tokkoon tokkoon isaanii gara hafuurichi akka deeman isaan kakaasu hundumaatti kallattiidhaan fuulduratti deemu turan.+ Yommuu deemanis duubatti hin garagalan turan.
13 Uumamawwan jiraatoon kun bifa barbadaa* ibiddaa fakkaatu qabu turan; wanti guca bobaʼu fakkaatus uumamawwan jiraatoo kana gidduu asii fi achi deema ture; bakakkaanis ibiddicha keessaa balaqqeessaʼaa ture.+
14 Uumamawwan jiraatoon sun yommuu asii fi achi deeman, sochiin isaanii balaqqeessa bakakkaa fakkaata ture.
15 Uumamawwan jiraatoo kana yommuun ilaalus, tokkoon tokkoon uumamawwan jiraatoo fuula afur afur qaban kana biratti lafa irratti geengoo tokko tokko nan arge.+
16 Geengoowwan kunii fi bocni isaanii akkuma kirisoliixositti* calaqqisa ture; arfan isaaniis wal fakkaatu turan. Bifti isaanii fi bocni isaanii geengoo wal keessa jiru fakkaata ture.*
17 Isaan yommuu sochoʼan utuu duubatti garagaluun isaan hin barbaachisin kallattii arfaniin iyyuu deemuu dandaʼu turan.
18 Geengoowwan sun baayʼee dhedheeroo waan taʼaniif nama ajaaʼibsiisu turan; qarqarri arfan isaaniis ijaan kan marfame ture.+
19 Yommuu uumamawwan jiraatoon kun sochoʼan hundumaatti geengoowwan sunis isaanii wajjin sochoʼu turan; yommuu uumamawwan jiraatoon kun lafa irraa ol kaʼanitti geengoowwan sunis ol kaʼu turan.+
20 Isaan bakka hafuurichi dhaqu hundumaatti, bakka hafuurichi akka deeman isaan kakaasu ni deemu turan. Hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu* geengoowwan sana keessas waan jiruuf, geengoowwan sunis isaanii wajjin ol kaʼu turan.
21 Yommuu isaan sochoʼan, kanneen kunis ni sochoʼu, yommuu isaan dhaabbatan immoo kanneen kunis ni dhaabbatu turan; yommuu isaan lafa irraa ol kaʼan geengoowwan sunis isaanii wajjin ol kaʼu turan; sababiin isaas, hafuurri uumamawwan jiraatoo sana irratti hojjetu geengoowwan sana keessas jira ture.
22 Mataa uumamawwan jiraatoo sanaatii olitti wanti diriiraan akka cabbii ajaaʼibsiisaa calaqqisu tokko jira ture; kunis mataa isaaniitii olitti diriiree jira ture.+
23 Wanta diriiraa sana jalatti qoochoowwan isaanii gara waliitti jedhanii ol* diriiranii jiru turan. Tokkoon tokkoon isaanii qoochoowwan gara isa tokkoon ittiin of uwwisan lama lamaa fi qoochoowwan gara isa kan biraatiin ittiin of uwwisan lama lama qabu turan.
24 Sagalee qoochoowwan isaanii yommuun dhagaʼus, sagaleen sun akkuma sagalee huursaa bishaanii, akkuma sagalee Isa Hundumaa Dandaʼu sanaa ture.+ Isaan yommuu sochoʼan, sagaleen isaanii akkuma sagalee raayyaa waraanaa ture. Yommuu dhaabbatan qoochoowwan isaanii gad buusu turan.
25 Wanta diriiraa mataa isaaniitii olitti argamu gubbaadhaa sagaleen tokko ni dhagaʼama ture. (Yommuu dhaabbatan qoochoowwan isaanii gad buusu turan.)
26 Wanta diriiraa mataa isaaniitii olitti argamu sana gubbaa wanti akka dhagaa safiroos*+ taʼe tokko jira ture; innis teessoo fakkaata ture.+ Teessoo ol gubbaa jiru sana irras bifti isaa nama kan fakkaatu tokko taaʼee ture.+
27 Wanta mudhii isaa fakkaatuu fi sanaa olitti argamu irraa wanta akka sibiila calaqqisuu+ taʼee fi akka ibiddaa ifu tokko nan arge; mudhii isaatii gadittis wanta ibidda fakkaatu tokko nan arge.+ Ifni guddaan tokko isatti marsee jira ture;
28 ifni sunis sabbata waaqaa+ guyyaa bokkaan roobutti duumessa keessaa mulʼatu fakkaata ture. Ifni guddaan isatti marsee jiru sun kana fakkaata ture. Inni bifa ulfina Yihowaa fakkaata ture.+ Anis yommuun kana argetti adda kootiin nan gombifame; achiis sagalee dubbachaa jiru tokko dhagaʼuun jalqabe.
Miiljaleewwan
^ “Waaqayyo ni Cimsa” jechuu dha.
^ Ykn., “bakakkaan.”
^ Makaa warqii fi meetii calaqqisu dha.
^ Jechuunis, goflaa.
^ Ykn., “mukukkula.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Geengoowwan kun wal qixa kan taʼan yeroo taʼu, inni tokko isa kan biraa kan qaxxaamuru fakkaata.
^ Kal., “Hafuurri uumama jiraataa sanaa.”
^ Ykn tarii, “dalga.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.