Hisqiʼel 30:1-26

  • Raajii Gibxii irratti dubbatame (1-19)

    • Haleellaan Nebukadnezaar raajiidhaan dubbatame (10)

  • Humni Faraʼoon ni cabe (20-26)

30  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Yaa ilma namaa, akkana jedhiitii raajii dubbadhu: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “‘Wayyoo, guyyichi gaʼeera!’ jedhaatii iyyaa.   Sababiin isaas, guyyichi dhihaateera, eeyyee, guyyaan Yihowaa dhihaateera.+ Guyyaan sun guyyaa duumessootaa,+ yeroo saboota irratti murtiin itti dabarfamu ni taʼa.+   Goraadeen tokko Gibxii irratti ni dhufa, yommuu reeffi isaanii Gibxii keessatti kukkufutti Itoophiyaan sodaadhaan qabamti;Qabeenyi ishii ni fudhatama, buʼuurri ishiis ni diigama.+   Itoophiyaan,+ Puut,+ Luudii fi uummanni walitti makame* hundi,Akkasumas Kuub ilmaan biyya kakuu* sanaa wajjin,Hundi isaanii iyyuu goraadeedhaan ni kufu.”’   Yihowaan akkana jedha: ‘Deggertoonni Gibxiis ni kufu,Aangoon ishii inni of tuulummaadhaan guutame gad ni qabama.’+ “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Isaan Migdool+ irraa hamma Seweeneetti+ biyyattii keessatti goraadeedhaan ni kufu.  Isaan biyyoota hundumaa caalaa ona ni taʼu; magaalonni ishiis magaalota hundumaa caalaa kan barbadaaʼan ni taʼu.+  Yommuu ani Gibxii keessatti ibidda qabsiisuu fi warri ishiin itti hidhatte hundi caccabanitti, isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.  Guyyaa sanatti Itoophiyaan ishiin ofitti amanamtu akka romʼitu gochuuf dooniidhaan ergamtoota nan erga; guyyaa isa Gibxii irratti dhufu sanatti sodaan isaan qabata; sababiin isaas, inni dhugumaan ni dhufa.’ 10  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Harka Nebukadnezaar* mootii Baabiloniin raayyaa Gibxii nan balleessa.+ 11  Innii fi loltoonni isaa warri saboota hundumaa caalaa gara jabeeyyii+ taʼan biyyattii balleessuuf ni dhufu. Isaan Gibxii irratti goraadee isaanii luqqifatanii biyyattii reeffaan ni guutu.+ 12  Ani boʼoowwan Abbayyaa gara lafa gogaatti nan jijjiira;+ biyyattiis namoota hamootti dabarsee nan gurgura. Biyyattiis taʼe wanta ishii keessatti argamu hundumaa harka namoota biyya ormaatiin ona nan godha.+ Ani Yihowaan kana dubbadheera.’ 13  “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Waaqolii tolfamoo warra balfamoo* taʼanii fi waaqolii Noof*+ warra gatii hin qabne nan balleessa. Kana booda bulchaan biyya Gibxii keessaa kaʼu hin jiraatu; biyya Gibxii keessa sodaan akka jiraatu nan godha.+ 14  Phaatros+ ona akka taatu nan godha; Zoʼaan keessatti ibidda nan qabsiisa; Noo*+ irrattis murtii nan dabarsa. 15  Siin ishii dahoo Gibxii taate irratti aarii koo nan dhangalaasa; uummata Noos nan balleessa. 16  Ani Gibxii keessatti ibidda nan qabsiisa; Siin sodaadhaan ni qabamti; Noon ni diigamti; Noofis* guyyaa saafaatti ni haleelamti! 17  Dargaggoonni Oonii* fi Phibeseet goraadeedhaan kufu; magaalonni isaaniis boojuudhaan fudhatamu. 18  Yommuun achitti waanjoo Gibxii cabsutti Xaafnes keessatti guyyaan ni dukkanaaʼa.+ Aangoon ishii inni of tuulummaadhaan guutame ni bada;+ duumessoonni ishii ni haguugu; magaalonni ishiis boojuudhaan fudhatamu.+ 19  Ani Gibxii irratti murtii nan dabarsa; isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’” 20  Waggaa 11ffaatti, jiʼa tokkoffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa torbaffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara koo ni dhufe: 21  “Yaa ilma namaa, ani irree Faraʼoon mootii Gibxii cabseera; inni akka fayyuuf huccuudhaan hin hidhamu yookiin goraadee kaasuu akka dandaʼutti akka jabaatuuf huccuudhaan hin maramu.” 22  “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani Faraʼoon mootii Gibxii irratti kaʼeera;+ irree isaa isa jabaas taʼe irree isaa isa cabe nan cabsa;+ goraadeenis harka isaa irraa akka kufu nan godha.+ 23  Achiis warra Gibxii saboota gidduutti nan bittinneessa, biyyoota gidduuttis nan faffacaasa.+ 24  Irree mootii Baabilon jabeessee*+ goraadee koo harka isaa keessa nan kaaʼa;+ irree Faraʼoon nan cabsa; innis akka nama duʼuu jala gaʼeetti sagalee isaa ol kaasee isa* duratti ni aada. 25  Irree mootii Baabilon nan jabeessa; irreen Faraʼoon garuu ni lamshaaʼa; yommuun goraadee koo harka mootii Baabilon keessa kaaʼuu fi innis biyya Gibxii rukutuuf itti fayyadamutti,+ isaan ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 26  Warra Gibxii saboota gidduutti nan bittinneessa, biyyoota gidduuttis nan faffacaasa;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’”

Miiljaleewwan

Ykn., “warra saboota kaan keessaa dhufan hundumaa.”
Tarii Israaʼelota warra Gibxii wajjin tokkummaa uumanii turan kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Kal., “Nebukadrezaar,” akkaataa maqaan Nebukadnezaar ittiin barreeffamu kan biraa.
Ykn., “Memfiis.”
Jechi Afaan Ibrootaa as irratti gale jecha “faandoo” jedhuu wajjin walitti dhufeenya qabaachuu kan dandaʼu yeroo taʼu, tuffii argisiisuuf itti hojjetameera.
Jechuunis, Tebees.
Ykn., “Memfiisis.”
Jechuunis, Heliyopoolis.
Ykn., “Humna mootii Baabilon dabalee.”
Jechuunis, mootii Baabilon.