Hoseʼaa 14:1-9
14 “Yaa Israaʼel, gara Waaqa kee Yihowaatti deebiʼi,+Ati balleessaa keetiin kan kaʼe gufatteetta.
2 Gara Yihowaatti deebiʼaatii akkana isaan jedhaa:
‘Balleessaa keenya nuuf dhiisi,+ wanta gaarii siif dhiheessinus fudhadhu,Akkuma jibicha aarsaa goonee dhiheessinutti jajannaa afaan keenyaa siif ni dhiheessina.*+
3 Asoor nu hin oolchu.+
Nuti fardeen hin gulufnu,+Kana boodas hojii harka keenyaatiin, “Yaa Waaqa keenya!” hin jennu,Sababiin isaas, ati mucaa abbaa hin qabnetti gara laafina ni argisiista.’+
4 Ani isaan nan fayyisa, isaanis kana booda amanamummaa isaanii hin dhiisan.+
Dheekkamsi koo waan isaan irraa deebiʼeef,+Ani fedhii kootiin isaan nan jaalladha.+
5 Ani Israaʼeliif akka fixeensaa nan taʼa;Inni akka abaabootti ni daraara,Akka muka Libaanonitti hidda isaa gad ni fageeffata.
6 Latiiwwan isaa ni dagaagu,Bareedinni isaa akka kan muka ejersaa,*Urgaan isaas akka urgaa muka Libaanon ni taʼa.
7 Isaan ammas deebiʼanii gaaddisa isaa jala ni jiraatu.
Isaan midhaan ni biqilchu, akkuma muka wayiniis ni latu.+
Beekamtiin* isaa akkuma daadhii wayinii Libaanon ni taʼa.
8 Efreem, ‘Kana booda waaqolii tolfamoo irraa maalan qaba?’+ jedha.
Ani deebii isaaf nan kenna, eegumsas isaaf nan godha.+
Akka muka birbirsaa lalisaa jiruu nan taʼa.
Firiin kee ana irraa ni argama.”
9 Ogeessi eenyu? Inni wantoota kana haa hubatu.
Hubataan eenyu? Inni wantoota kana haa beeku.
Daandiiwwan Yihowaa qajeeloo dha,+Namoonni qajeeloon isaan irra ni deemu;Warri balleessaa raawwatan garuu isaan irratti ni gufatu.
Miiljaleewwan
^ Kal., “Nutis jiboota hidhii keenyaa ni dhiheessina.”
^ Akaakuun muka ejersaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame firii ejersaa zayitiin irraa argamu kan godhatu dha.
^ Kal., “Yaadannoon.”