Hoseʼaa 5:1-15
-
Murtii Efreemii fi Yihudaa irratti dabarfame (1-15)
5 “Yaa luboota nana, kana dhagaʼaa,+Yaa mana Israaʼel, xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa,Yaa mana mootichaa, dhagaʼaa,Sababiin isaas, murtiin kun isin ilaallata;Isin Misphaatti kiyyoo,Taabor irrattis saaphana diriirfame taataniittu.+
2 Warri na irraa fagaatan* dhiiga dhangalaasuutti qabamaniiru,Anis hunda isaanii nan akeekkachiisa.*
3 Ani Efreemiin beeka,Israaʼelis na duraa hin dhokanne.
Yaa Efreem, amma ati halalummaa* raawwatteetta;Israaʼel of xureesseera.+
4 Gochi isaanii gara Waaqaatti akka deebiʼan isaaniif hin heyyamu,Sababiin isaas, hafuurri sagaagalummaa* isaan gidduu jira;+Isaan Yihowaadhaaf beekamtii hin kennan.
5 Koorri Israaʼel isa irratti* ragaa baʼeera;+Israaʼelii fi Efreem balleessaa isaaniitiin gufataniiru,Yihudaanis isaanii wajjin gufateera.+
6 Isaan bushaayee fi loon isaanii qabatanii Yihowaa barbaaddachuuf deeman,Garuu isa argachuu hin dandeenye.
Inni isaan irraa fagaatee ture.+
7 Isaan Yihowaa gananiiru,+Ilmaan orma taʼan dhalchaniiru.
Isaanis taʼan gaʼeen* isaanii jiʼa tokko gidduutti ni badu.
8 Gibeʼaa keessatti xurumbaa,* Raamaa keessattis malakata afuufaa!+
‘Yaa Biiniyaam, si hordofaa jirra!’ jedhaatii Beet Aween keessatti iyya waraanaa dhageessisaa!+
9 Yaa Efreem, guyyaa adabaatti wanta nama sodaachisu ni taata.+
Ani wanta dhugumaan gosoota Israaʼel gidduutti raawwatamu beeksiseera.
10 Bulchitoonni Yihudaa akka warra daangaa dhiibanii ti.+
Ani akkuma bishaaniitti dheekkamsa koo isaan irratti nan dhangalaasa.
11 Efreem cunqurfameera, murtiidhaan caccabeera,Sababiin isaas, inni diina isaa duukaa buʼuuf murteesseera.+
12 Kanaafuu, ani Efreemitti akka bilii,Mana Yihudaattis akka daanawoo taʼeera.
13 Efreem dhukkuba isaa yommuu argu, Yihudaanis madaa isaa yommuu argu,Efreem gara Asoor ni dhaqe,+ mootii guddichattis ergamtoota ni ergate.
Inni garuu isin fayyisuu hin dandeenye;Madaa keessanis fayyisuu hin dandeenye.
14 Ani Efreemitti leenca saafela,Mana Yihudaattis leenca cimaa nan taʼa.
Ofuma kootii isaan cicciree nan deema;+Ani isaan fuudhee nan deema, kan isaan oolchus hin jiraatu.+
15 Rakkina balleessaa isaaniitiin kan kaʼe dhufu hamma baatanitti ani nan deema; gara iddoo koottis nan deebiʼa,Achiis isaan gara laafina* koo ni barbaaddatu.+
Yommuu dhiphatanitti na barbaaddatu.”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Finciltoonni.”
^ Ykn., “nan gorsa.”
^ Ykn., “sagaagalummaa.”
^ Ykn., “addaggummaa; halalummaa.”
^ Kal., “fuula isaatti.”
^ Ykn., “maasiin.”
^ Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
^ Kal., “fuula.”