Abbootii Murtii 11:1-40

  • Yiftaan inni abbaa murtii taʼe biyyaa ariʼame; booda immoo bulchaa godhame (1-11)

  • Yiftaan Amooniif ragaa dhiheesse (12-28)

  • Wareega Yiftaan wareegee fi intala isaa (29-40)

    • Jireenya qeenxummaa intala Yiftaa (38-40)

11  Yiftaa+ Giiliyaadichi loltuu jabaa ture; inni ilma dubartii sagaagaltuu taate takkaa yeroo taʼu, abbaan isaa immoo Giiliyaad ture.  Haa taʼu malee, haati manaa Giiliyaadis ilmaan isaaf ni deesse. Ilmaan haadha manaa isaa yommuu guddatanitti, “Ati ilma dubartii kan biraa waan taateef, mana abbaa keenyaa keessatti dhaala hin qabaattu” jedhanii Yiftaa ariʼan.  Kanaafuu, Yiftaan obboloota isaa baqatee biyya Xoob keessa jiraachuu jalqabe. Namoonni hojii hin qabnes Yiftaa wajjin taʼanii isa duukaa buʼan.  Yeroo muraasa booda Amoononni Israaʼel irratti waraana banan.+  Yommuu Amoononni Israaʼel irratti waraana bananis, jaarsoliin Giiliyaad yeruma sana Yiftaa deebisanii fiduuf gara biyya Xoob dhaqan.  Isaan Yiftaadhaan, “Amoonota waraanuu akka dandeenyuuf, kottu ajajaa keenya taʼii tajaajili” jedhan.  Yiftaan garuu jaarsolii Giiliyaadiin, “Akka malee na jibbitanii mana abbaa koo keessaa kan na ariitan isin mitii?+ Maarree, amma yommuu dhiphattan gara koo kan dhuftan maaliifi?” jedhe.  Yeroo kanatti jaarsoliin Giiliyaad Yiftaadhaan, “Nuti amma gara keetti kan deebine kanaafi. Nuu wajjin dhaqxee Amoonota kan nuuf waraantu yoo taʼe, ati jiraattota Giiliyaad+ hundumaa irratti geggeessaa keenya ni taata” jedhan.  Kanaafuu, Yiftaan jaarsolii Giiliyaadiin, “Isin Amoonota akkan waraanuuf yoo na deebistanii fi Yihowaan isaaniin yoo anaaf moʼe, ani dhugumaan geggeessaa keessan nan taʼa!” jedhe. 10  Jaarsoliin Giiliyaadis Yiftaadhaan, “Akkuma ati jette yoo gochuu baanne Yihowaan nu gidduutti dhugaa baatuu* haa taʼu” jedhan. 11  Kanaafuu, Yiftaan jaarsolii Giiliyaadii wajjin ni deeme; namoonni sunis geggeessaa fi ajajaa isaanii isa godhatan. Yiftaanis wanta dubbatee ture hundumaa Misphaa+ keessatti Yihowaa duratti irra deebiʼee dubbate. 12  Achiis Yiftaan, “Ati biyya koo waraanuuf kan dhufte ana irraa maal qabda?”* jedhee gara mootii Amoonotaatti+ ergamtoota erge. 13  Mootiin Amoonotaas ergamtoota Yiftaatiin, “Si waraanuuf kanan dhufe, Israaʼelonni yommuu biyya Gibxii keessaa baʼanitti+ Arnoonii+ jalqabee hamma Yaaboqittii fi hamma Yordaanositti+ biyya koo waan fudhataniifi. Amma nagaadhaan naaf deebisi” jedhe. 14  Yiftaan garuu ammas deebisee gara mootii Amoonotaatti ergamtoota ergee 15  akkana akka isaan jedhan isaanitti hime: “Yiftaan akkana jedha: ‘Israaʼelonni biyya Moʼaabotaa+ fi biyya Amoonotaa+ hin fudhanne; 16  sababiin isaas, Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa yeroo baʼanitti hamma Galaana Diimaatti+ lafa onaa keessa deemanii gara Qaadesh+ dhufan. 17  Achiis Israaʼelonni, “Maaloo, biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami” jedhanii gara mootii Edoomitti+ ergamtoota ergan; mootiin Edoom garuu isaan hin dhageenye. Isaan gara mootii Moʼaabittis+ dhaamsa ni ergan; garuu innis tole hin jenne. Kanaafuu, Israaʼelonni Qaadesh+ keessa jiraachuu isaanii itti fufan. 18  Isaan yommuu lafa onaa keessa deemanitti, biyya Edoomii+ fi biyya Moʼaab irraa goranii darban. Biyya Moʼaab+ irraa kallattii bahaatiin imalanii naannoo Arnoon keessa buufatan; Arnoon daangaa Moʼaab+ waan turteef isaan daangaa Moʼaab keessa hin seenne. 19  “‘Sana booda Israaʼelonni gara Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessatti argamuutti ergamtoota ergan; Israaʼelonni, “Maaloo, gara biyya keenyaa dhaquuf biyya kee keessa akka darbinu nuuf heyyami”+ isaan jedhan. 20  Sihoon garuu Israaʼelota waan hin amanneef naannoo isaa keessa akka darban hin heyyamne; kanaafuu, namoota isaa hundumaa walitti qabatee Yaahaaz keessa buufatee Israaʼel irratti waraana bane.+ 21  Yeroo kanatti Yihowaan Waaqni Israaʼel Sihoonii fi namoota isaa hundumaa harka Israaʼelitti dabarsee waan kenneef, isaan ni moʼan; Israaʼelonni guutummaa biyya Amooronni keessa jiraatan sana ni dhaalan.+ 22  Akka kanaan isaan Arnoonii hamma Yaaboqitti, akkasumas lafa onaa irraa hamma Yordaanositti guutummaa naannoo Amoorotaa ni dhaalan.+ 23  “‘Amoorota saba isaa Israaʼel+ duraa kan ariʼe Yihowaa Waaqa Israaʼeli; maarree, amma ati isaan ariʼuuf jettaa? 24  Ati wanta waaqni kee Kemoosh+ akka dhaaltu siif kenne akkamii iyyuu hin dhaaltuu? Nuti warra Waaqni keenya Yihowaan nu duraa ariʼe hundumaa ni ariina.+ 25  Ati Baalaaq+ ilma Ziphoor, mootii Moʼaab irra ni caaltaa ree? Inni Israaʼeliin morkatee yookiin isaan irratti waraana banee beekaa? 26  Israaʼelonni Heshboonii fi magaalota ishii jalatti argaman,+ Aroʼerii fi magaalota ishii jalatti* argaman, akkasumas magaalota qarqara Arnoonitti argaman hundumaa keessa waggaa 300f yeroo jiraachaa turanitti, isin iddoowwan sana deebifachuuf yaaluu kan dhiistan maaliifi?+ 27  Ani si irratti cubbuu hin raawwanne; ati garuu na waraanuuf kaʼuun kee sirrii miti. Yihowaan inni Abbaa Murtii taʼe+ harʼa saba Israaʼelii fi saba Amoon gidduutti murtii haa kennu.’” 28  Mootiin Amoonotaa garuu dhaamsa Yiftaan isatti erge hin dhageenye. 29  Hafuurri Yihowaa Yiftaa+ irra ni buʼe; innis gara Misphee ishii Giiliyaad+ keessatti argamtuu dhaquuf Giiliyaadii fi Minaasee keessa darbe; Misphee ishii Giiliyaad keessatti argamtu irraa kaʼees gara Amoonotaatti qajeele. 30  Achiis Yiftaan akkana jedhee Yihowaadhaaf wareega wareege:+ “Ati Amoonota harka kootti dabarsitee yoo kennite, 31  yommuun Amoonota biraa nagaadhaan deebiʼu na simachuuf balbala mana koo keessaa jalqaba kan baʼu kam iyyuu kan Yihowaa ni taʼa;+ anis aarsaa gubamu godhee isa nan dhiheessa.”+ 32  Kanaafuu, Yiftaan Amoonota waraanuuf ni deeme; Yihowaanis harka isaatti dabarsee isaan kenne. 33  Innis magaalota 20n Aroʼerii hamma Miinititti argaman keessatti, akkasumas naannoo hamma Abeel Keraamiimitti argamu keessatti namoota hedduu ni fixe. Akka kanaan, Amoononni Israaʼelota duratti ni moʼaman. 34  Dhuma irrattis, Yiftaan gara mana isaa isa Misphaatti+ argamuutti ni deebiʼe; kunoo, yeroo kanatti intalli isaa isa simachuuf dibbee rukutaa fi shubbisaa mana keessaa gad baate! Ishiin intala isaa ishii takkittii turte. Inni ishii malee ilmas taʼe intala kan biraa hin qabu ture. 35  Yommuu ishii argus uffata isaa tarsaasee, “Wayyoo, yaa intala too! Garaa koo cabsite;* kanan manaa baasu siini. Ani Yihowaadhaaf waadaa galeera;* duubatti deebisuus hin dandaʼu”+ jedhe. 36  Ishiin garuu, “Yaa abbaa koo, ati Yihowaadhaaf waadaa galteetta taanaan, wanta waadaa galte na irratti raawwadhu;+ sababiin isaas, Yihowaan Amoonota warra diinota kee taʼan irratti haaloo siif baʼeera” isaan jette. 37  Achiis abbaa ishiitiin, “Akkana naaf haa godhamu: Jiʼa lamaaf kophaa koon taʼa; gara gaarotaa dhaqee hiriyoota koo warra durbaa wajjin durbummaa kootiif nan booʼa”* jette. 38  Yeroo kanatti inni, “Dhaqi!” ishiidhaan jedhe. Akka kanaan inni jiʼa lamaaf ishii ni erge; ishiinis durbummaa ishiitiif booʼuuf hiriyoota ishii wajjin gara gaarotaa ni dhaqxe. 39  Jiʼa lama boodas gara abbaa ishiitti deebite; sana booda inni wareega ishii ilaalchisee wareege ni raawwate.+ Ishiin dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee hin beektu turte. Israaʼel keessattis wanti kun barsiifata* ni taʼe: 40  Waggaa waggaadhaan guyyaa afuriif shamarran Israaʼel intala Yiftaa Giiliyaadichaa galateeffachuuf ni dhaqu turan.

Miiljaleewwan

Kal., “isa dhagaʼu.”
Kal., “anaa fi siif maali dha?”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Kal., “baayʼee gad na qabde.”
Kal., “afaan koo saaqeera.”
Ykn., “matumaa waanan gaaʼela hin godhanneef michoota koo wajjin nan booʼa.”
Ykn., “dambii.”