Abbootii Murtii 17:1-13
-
Waaqolii tolfamoo Miikiyaasii fi luba isaa (1-13)
17 Namichi naannoo gaarotaa Efreem+ keessa jiraatuu fi Miikiyaas jedhamu tokko jira ture.
2 Innis haadha isaatiin, “Ati nama meetii sheeqilii* 1,100 si jalaa fudhate yommuu abaartu ani dhagaʼeera; kunoo, meetichi na bira jira. Anatu fudhate” jedhe. Yeroo kanatti haati isaa, “Yihowaan ilma koo haa eebbisu” jette.
3 Kanaafuu, inni meetii sheeqilii 1,100 sana haadha isaatiif ni deebise; haati isaa garuu, “Ilmi koo fakkii bocamaa fi siidaa sibiilaa* akka ittiin tolchuuf,+ ani dhugumaan harka koo irraa meeticha Yihowaadhaaf nan qulqulleessa. Amma deebiseen siif kenna” jette.
4 Erga inni meeticha haadha isaatiif deebisee booda, haati isaa meetii sheeqilii 200 fuutee nama meetii baqsutti kennite. Innis fakkii bocamaa tokkoo fi siidaa sibiilaa* tokko ni tolche; isaanis mana Miikiyaas keessa ni kaaʼaman.
5 Namichi Miikiyaas jedhamu kun mana waaqolii tokko qaba ture; inni efuudii+ fi siidaawwan taraafiim*+ tolfatee luba akka isaaf taʼuufis ilmaan isaa keessaa isa tokko ni muude.*+
6 Bara sanatti Israaʼel keessa mootiin hin jiru ture.+ Tokkoon tokkoon namaa wanta sirrii fakkaatee isatti mulʼate* godha ture.+
7 Yeroo kanatti dargaggeessi Beetaliheem+ ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatuu fi maatii Yihudaa keessaa taʼe tokko jira ture. Inni sanyii Leewwii+ yeroo taʼu, yeroo muraasaaf achi jiraachaa ture.
8 Namichi kun iddoo jiraatu barbaaddachuuf magaalaa Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa baʼee deeme. Utuu karaa deemuus gara naannoo gaarotaa Efreem, gara mana Miikiyaas+ ni dhufe.
9 Achiis Miikiyaas, “Eessaa dhufte?” jedhee isa gaafate. Innis, “Ani Leewwicha Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessaa dhufe dha; iddoon jiraadhu barbaaddachaan jira” jedhee isaaf deebise.
10 Kanaafuu Miikiyaas, “Anaa wajjin jiraadhuutii abbaa* fi luba naaf taʼi. Ani waggaatti meetii sheeqilii* kudhan siifan kenna; uffata guutuu fi nyaatas siifan kenna” isaan jedhe. Kanaafuu, Leewwichi ol ni seene.
11 Akka kanaan Leewwichi namichaa wajjin jiraachuuf walii gale; dargaggeessi kunis ilmaan isaa keessaa akka isa tokkoo ni taʼe.
12 Kana malees Miikiyaas, luba taʼee akka isaaf tajaajiluuf Leewwicha ni muude;*+ innis mana Miikiyaas keessa ni jiraate.
13 Yeroo kanatti Miikiyaas, “Leewwichi luba koo waan taʼeef, amma Yihowaan wanta gaarii akka naaf godhu nan beeke” jedhe.
Miiljaleewwan
^ Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
^ Ykn., “siidaa baqfamee tolfame.”
^ Kal., “harka isaa guute.”
^ Ykn., “waaqolii maatii; waaqolii tolfamoo.”
^ Ykn., “wanta sirrii akka taʼetti yaade.”
^ Ykn., “gorsaa.”
^ Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
^ Kal., “harka isaa guute.”