Faarfannaa 104:1-35
104 Yihowaa nan jajadha.+
Yaa Waaqa koo Yihowaa, ati baayʼee guddaa dha.+
Ati ulfinaa fi simboo uffatteetta.+
2 Ifa akka uffataatti ofitti marteetta;+Samiiwwanis akkuma huccuu dunkaanaatti diriirsita.+
3 Inni baattuuwwan kutaawwan isaa warra gara olii bishaanota samii keessa jiran irra* ni dhaaba,+Duumessa, gaarii fardaa isaa ni godhata,+Qoochoo bubbeetiinis ni deema.+
4 Maleekota isaa hafuurota,Tajaajiltoota isaas ibidda nyaatu ni godha.+
5 Lafa hundee ishii irra dhaabeera;+Baraa hamma bara baraattis iddoo ishii irraa hin sochootu.*+
6 Bishaan gad fagoo akka uffataatti ishiitti uwwisteetta.+
Bishaanonni gaarota gubbaa dhaabbataniiru.
7 Yommuu ati ifattu ni baqatan;+Sagalee kakawwee keetii yommuu dhagaʼan naasuudhaan ni fiigan,
8 Kanaan kan kaʼes gaaronni ol ni kaʼan,+ sululawwanis gad ni lixan,Gara iddoo ati isaaniif qopheessitees ni dhaqan.
9 Akka isaan lammata lafa hin uwwisneef,Daangaa irra darbuu hin qabne isaaniif ni keesse.+
10 Burqaawwan sulula* gidduutti ni erga;Isaanis gaarota gidduu ni yaaʼu.
11 Isaan bineensota bosonaa hundumaatiif bishaan ni kennu;Harroonni bosonaas dheebuu ni baʼu.
12 Simbirroonni samii isaan irra qubatu;Dameewwan mukaa gobbatan gidduudhaas ni faarfatu.
13 Kutaawwan isaa warra gara olii jiran irraa gaarota bishaan ni obaasa.+
Lafti firii hojiiwwan keetiitiin quufteetti.+
14 Inni looniif margi akka biqilu godheera,Namoonni akka itti fayyadamaniifis biqiltoota kenneera,+Kanas kan godhe lafa irraa nyaata biqilchuuf,
15 Akkasumas daadhiin wayinii garaa namaa gammachiisu,+Zayitiin fuula namaa ibsu,Nyaanni garaan nama duʼuu akka cimu godhu akka jiraatuufi.+
16 Mukeetiin Yihowaa,Gaattiraawwan Libaanon warri inni dhaabe quufaniiru,
17 Simbirroonni achi irratti manʼee ni ijaarratu.
Manni allaattii awwaannisaa+ mukeetii birbirsaa keessa dha.
18 Gaaronni ol kaʼoon kan reʼoota gaaraa ti;+Kattaanis iddoo osoleen kooluu itti galtu dha.+
19 Inni addeessa kan tolche waqtiilee akka beeksistuufi;Aduunis yoom akka lixxu akka gaariitti beekti.+
20 Ati dukkana ni fidda, halkanis ni taʼa;+Yeroo kanatti bineensonni bosonaa hundi asii fi achi ni deemu.
21 Leenconni saafelli wanta adamsan argachuuf ni baroodu,+Nyaata isaaniis Waaqa biraa barbaaddatu.+
22 Aduun yommuu baatu,Deebiʼanii holqa isaanii keessa ciisu.
23 Namnis gara hojii isaa dhaqa,Hamma galgalaattis jabaatee hojjeta.
24 Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu!+
Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite.+
Lafti wanta ati tolchiteen guutamteetti.
25 Galaannis guddaa fi balʼaa dha,Uumamawwan guguddaa fi xixinnaan lakkaaʼamuu hin dandeenyes isa keessa guutaniiru.+
26 Achi irra dooniiwwan ni imalu,Lewaataan*+ inni ati achi keessatti akka taphatuuf uumtes isa keessa ni deema.
27 Waqtii isaatti nyaata isaanii akka isaaniif kennituuf+Hundi isaanii si eeggatu.
28 Wanta isaanif kennitu walitti ni qabatu.+
Yommuu harka kee bantu, wantoota gaggaariidhaan ni quufu.+
29 Yommuu fuula kee dhoksitu ni jeeqamu.
Hafuura isaanii yoo fudhatte, duʼanii biyyootti deebiʼu.+
30 Hafuura kee yoo ergite, ni uumamu,+Atis irra lafaa ni haaressita.
31 Ulfinni Yihowaa bara baraaf itti fufa.
Yihowaan hojiiwwan isaatti ni gammada.+
32 Inni gara lafaa ni ilaala, ishiinis ni hollatti;Gaarota ni tuqa, isaanis aara baasu.+
33 Umurii koo guutuu Yihowaa nan faarfadha;+Hamman lubbuudhaan jirutti Waaqa kootiif faarfannaa galataa nan faarfadha.*+
34 Wantin yaadu kan isa gammachiisu haa taʼu.*
Ani Yihowaatti nan gammada.
35 Cubbamoonni lafa irraa ni badu;Hamoonnis kana booda hin jiraatan.+
Yihowaa nan jajadha. Yaahiin jajadhaa!*
Miiljaleewwan
^ Kal., “bishaanota keessa.”
^ Ykn., “hin gatantartu.”
^ Ykn., “lageen gogaa.”
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “muuziqaa nan qopheessa.”
^ Ykn tarii, “Wantin waaʼee isaa xiinxalu kan gammachiisu haa taʼu.”
^ Ykn., “Halleeluyaah!” Jechi, “Yaah” jedhu maqaan Yihowaa yommuu gabaabaatti barreeffamu dha.