Faarfannaa 143:1-12
Faarfannaa Daawit.
143 Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhagaʼi;+Kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhaggeeffadhu.
Amanamummaa kee fi qajeelummaa keetiin deebii naaf kenni.
2 Namni lubbuudhaan jiru kam iyyuu si duratti qajeelaa taʼuu waan hin dandeenyeef,+Ana tajaajilaa kee murtiitti hin dhiheessin.
3 Diinni na* ariʼa;Inni lubbuu koo lafatti dabaleera.
Akkuma warra yeroo dheeraa dura duʼaniitti dukkana keessa akkan jiraadhu godheera.
4 Hafuurri* koo dadhabeera;+Garaan koos na keessatti hadoodeera.+
5 Guyyoota durii nan yaadadha;Gocha kee hundumaa irratti nan xiinxala;+Fedhii guddaadhaan hojii harka keetii irratti nan yaada.*
6 Harka koo gara keetti nan diriirsa;Ani* akkuma lafa gogaa si dheebotuu ti.+ (Seelaa)
7 Yaa Yihowaa, dafii deebii naaf kenni;+Jabinni* koo dhumeera.+
Fuula kee na duraa hin dhoksin,+Taʼuu baannaan, akkuma warra gara boollaatti* gad buʼanii nan taʼa.+
8 Sitti waanan amanamuuf,Ganama jaalala kee isa amanamaa akkan dhagaʼu godhi.
Gara keetti waanan garagaluuf,*Daandiin irra deemuu qabu na beeksisi.+
9 Yaa Yihowaa, diinota koo jalaa na oolchi.
Eegumsa kee nan barbaada.+
10 Waaqa koo waan taateef,Fedhii kee raawwachuu na barsiisi.+
Hafuurri kee gaarii dha;Inni lafa wal qixa taʼe irra* na haa geggeessu.
11 Yaa Yihowaa, maqaa keetiif jedhiitii lubbuudhaan na tursi.
Qajeelummaa keetiin dhiphina jalaa na* oolchi.+
12 Jaalala kee isa amanamaadhaan diinota koo balleessi;*+Tajaajilaa kee waanan taʼeef,+Warra na* miidhan hundumaa balleessi.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Ykn., “Jabinni.”
^ Ykn., “hojii harka keetii nan qoʼadha.”
^ Ykn., “Lubbuun koo.”
^ Ykn., “awwaalaatti.”
^ Kal., “Hafuurri.”
^ Ykn., “Lubbuu koo gara keetti waanan ol kaasuuf.”
^ Ykn., “biyya qajeelummaa keessa.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”
^ Kal., “cal jechisiisi.”
^ Ykn., “lubbuu koo.”