Faarfannaa 17:1-15

  • Kadhannaa eegumsa argachuuf dhihaate

    • “Ati garaa koo ni qorte” (3)

    • “Gaaddisa qoochoo keetii jalatti” (8)

Kadhannaa Daawit. 17  Yaa Yihowaa, kadhata ani haqa argachuuf dhiheessu dhagaʼi;Iyya ani gargaarsa argachuuf dhageessisuuf xiyyeeffannaa kenni;Kadhannaa koo isa gowwoomsaa malee dhihaate dhagaʼi.+   Anaaf jedhiitii murtoo haqaa kenni;+Ijji kee wanta sirrii taʼe haa argu.   Ati garaa koo ni qorte, halkaniinis na sakattaate;+Na qulqulleessites;+Ani wanta hamaa akkamii iyyuu akkan hin yaanne ni argita,Afaan koos seera hin cabsine.   Namoonni kaan maal iyyuu yoo godhan,Ani dubbii afaan keetii wajjin haala wal simuun daandii saamtotaa irraa nan fagaadha.+   Miilli koo akka hin gufannetti,+Faanni koo daandii kee irra haa turu.   Yaa Waaqayyo, deebii waan naa kennituuf ani sin waammadha.+ Gurra kee natti qabi.* Dubbii koos dhagaʼi.+   Ati inni warra harka kee mirgaatti kooluu galuu barbaadanNamoota si irratti fincila kaasan jalaa oolchitu,Karaa dinqisiisaa taʼeen jaalala kee isa amanamaa argisiisi.+   Akka qaroo ija keetiitti na eegi;+Gaaddisa qoochoo* keetii jalattis na dhoksi.+   Namoota hamoo na miidhan irraa,Diinota koo warra na marsanii fi na ajjeesuu barbaadan* irraas na eegi.+ 10  Isaan gara jabeeyyii taʼaniiru;*Afaan isaaniitiin of tuulummaadhaan dubbatu; 11  Isaan nutti marsaniiru;+Nu kuffisuuf* carraa eeggatu. 12  Inni akka leenca wanta adamsu cicciruuf eeggachaa jiruu ti;Akka leenca saafelaa riphee eeggachaa jiruu ti. 13  Yaa Yihowaa, isa mormuudhaaf kaʼi,+ isa kuffisis;Goraadee keetiin isa hamaa irraa na* oolchi; 14  Yaa Yihowaa, harka keetiinNamoota addunyaa* kanaa warra qoodni isaanii jireenyuma kana taʼe jalaa,+Warra wantoota gaggaarii qopheessiteen quubsitu jalaa,+Akkasumas ilmaan isaanii warra hedduu taʼaniif dhaala dabarsan jalaa na oolchi. 15  Ani garuu, qajeelummaadhaan fuula kee nan arga;Si* arguuf yommuun dammaqu nan gammada.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Gad jedhii na dhaggeeffadhu.”
Jechuunis, goflaa.
Ykn., “lubbuu irratti kaʼan.”
Ykn., “Isaan cooma isaaniitiin marfamaniiru.”
Ykn., “Lafatti nu darbachuuf.”
Ykn., “lubbuu koo.”
Ykn., “sirna.”
Ykn., “Bifa kee.”