Faarfannaa 64:1-10
-
Haleellaa dhokataa taʼe irraa eegumsa argachuu
-
‘Waaqayyo isaanitti futtaasa’ (7)
-
Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit.
64 Yaa Waaqayyo, yommuun kadhannaa dhiheessu sagalee koo dhagaʼi.+
Lubbuu koos haleellaa diinaa isa sodaachisaa taʼe irraa eegi.
2 Mala haxxummaa namoonni hamoon dhoksaatti qopheessan jalaa,+Namoota hedduu balleessaa raawwatan jalaas na golgi.
3 Isaan akkuma goraadeetti arraba isaanii qaratu;Dubbii isaanii isa hamaas akka xiyyaatti akeekkatu,
4 Kanas kan godhan, iddoo dhokatan irraa nama balleessaa hin qabnetti futtaasuufi;Isaan sodaa tokko malee akkuma tasaa isatti futtaasu.
5 Yaada isaanii isa hamaatti cichu;*Kiyyoowwan isaanii akkamitti dhoksanii akka kaaʼan mariʼatu.
“Eenyutu isaan arga?” jedhu.+
6 Malawwan haaraa balleessaa itti raawwatan barbaaddatu;Tooftaa haxxummaa isaaniis dhoksaatti qopheessu;+Yaanni garaa tokkoon tokkoon isaanii keessa jirus gad fagoo dha.
7 Waaqayyo garuu isaanitti futtaasa;+Xiyyis akkuma tasaa isaan madeessa.
8 Arrabumti isaanii akka kufan isaan godha;+Warri kana argan hundis mataa isaanii raasu.
9 Sana booda namoonni hundi ni sodaatu,Wanta waaqayyo godhe ni labsu,Gochawwan isaa irrattis hubannaa ni qabaatu.+
10 Namni qajeelaan Yihowaatti ni gammada, isattis kooluu ni gala;+Warri garaa qajeelaa qaban hundi ni gammadu.*