Faarfannaa 83:1-18
Faarfannaa. Faarfannaa Asaaf.+
83 Yaa Waaqayyo, calluma hin jedhin;+Yaa Waaqayyo, hin callisin yookiin dhaabbattee hin ilaalin.
2 Sababiin isaas, kunoo diinonni kee wacaa jiru;+Warri si jibbanis gocha of tuulummaa raawwachaa* jiru.
3 Isaan haxxummaadhaan dhoksaatti saba kee irratti mala qopheessu;Warra siif iddoo guddaa qaban* irrattis ni mariʼatu.
4 “Maqaan Israaʼel kana booda akka hin yaadatamnetti,Kottaa, sabicha haa balleessinu” jedhu.+
5 Tokko taʼanii tooftaa qopheessu;*Si mormuudhaan walii galtee* uumaniiru;+
6 Dunkaanonni Edoom, Ishmaaʼelonni, Moʼaab,+ Haggaaronni,+
7 Geebaal, Amoon,+ Amaaleq,Akkasumas Filisxeem+ jiraattota Xiirosii+ wajjin taʼanii si mormu.
8 Asooris+ isaanitti makamteetti;Isaan ilmaan Looxiif+ deggersa godhu.* (Seelaa)
9 Akkuma Miidiyaan+ irratti goote,Akkuma laga* Qiishoon biratti Siseeraa fi Yaabiin irratti goote isaan irrattis godhi.+
10 Isaan Een Dooritti+ balleeffamaniiru;Lafattiidhaafis dikee taʼaniiru.
11 Guguddoota isaanii akkuma Oreebii fi Zeʼeeb,+Bulchitoota* isaaniis akkuma Zeebaa fi Zaalmunaa+ godhi.
12 Sababiin isaas isaan, “Biyya isa Waaqayyo keessa jiraatu dhaalaan haa fudhannu” jedhaniiru.
13 Yaa Waaqa koo, akka sokorruu gaggaragaluu,+Akka hoffaa bubbeedhaan fudhatamuus isaan godhi.
14 Akka ibidda bosona gubuu,Akka labooba gaarota waxaluus isaan godhi;+
15 Obomboleettii keetiin isaan duukaa buʼi,+Bubbee kee isa cimaadhaanis isaan naasisi.+
16 Yaa Yihowaa, maqaa kee akka barbaaddataniif,Fuula isaanii salphinaan haguugi.*
17 Isaan bara baraaf haa qaanaʼan, haa naʼanis;Haa salphatan, haa badanis;
18 Ati inni maqaan kee Yihowaa taʼe,+Guutummaa lafaa irratti kophaa kee Isa Hundaa Olii+ taʼuu kee namoonni haa beekan.
Miiljaleewwan
^ Ykn., “mataa isaanii ol qabaa.”
^ Kal., “Warra dhokfaman.”
^ Kal., “Garaa tokkoon wal gorsu.”
^ Ykn., “kakuu.”
^ Kal., “irree taʼu.”
^ Ykn., “laga gogaa.”
^ Ykn., “Geggeessitoota.”
^ Kal., “guuti.”