Faarfannaa 91:1-16

  • Iddoo dhokataa isa kan Waaqayyoo keessatti eegumsa argachuu

    • Kiyyoo simbira qabatu jalaa ooluu (3)

    • Qoochoo Waaqayyoo jalatti kooluu galuu (4)

    • Kumaatamni kufanis ooluu (7)

    • Maleekonni akka eegan ajajaman (11)

91  Namni iddoo iccitii Isa Hundaa Olii keessa jiraatu+Gaaddisa Isa Hundumaa Dandaʼuu jala ni bula.+   Ani Yihowaadhaan, “Ati iddoon kooluu itti galuu fi dahoo koo,+Waaqa koo isan itti amanamu dha”+ nan jedha.   Sababiin isaas, inni kiyyoo isa simbira qabatu sanaa jalaa,Golfaa badiisa guddaa fidu irraas si oolcha.   Inni baalleewwan isaatiin si golga,*Atis qoochoowwan isaa jalatti kooluu galta.+ Amanamummaan isaa+ gaachana guddaa+ fi dallaa eegumsaa siif taʼa.   Atis naasuu halkanii,+Xiyya guyyaa balaliʼu,+   Golfaa dukkana keessa deemu,Badiisa guyyaa saafaatti balleessus hin sodaattu.   Kumni si cinaatti,Kumni kudhanis karaa harka mirgaa keetiin ni kufu,Taʼus inni gara keetti hin dhihaatu.+   Ati hamoonni yommuu adabaman* ni ilaalta,Ijuma keetiin qofa ni argita.   Sababiin isaas ati, “Yihowaan iddoon kooluu itti galu dha” jetteetta,Isa Hundaa Oliis iddoo jireenyaa kee* godhatteetta;+ 10  Balaan si irra hin gaʼu,+Dhaʼichis dunkaana keetti hin dhihaatu. 11  Daandiiwwan kee hundumaa irratti akka si eeganiif,+Inni maleekota isaa siif ni ajaja.+ 12  Miilli kee dhagaatti akka hin rukutamneef,+Isaan harka isaaniitti si baatu.+ 13  Leencaa fi marʼataa irra ni ejjetta;Leenca saafelaa fi bofa guddaa faana kee jalatti ni dhidhiitta.+ 14  Waaqayyo akkana jedheera: “Waan na jaallateef,* isa nan oolcha.+ Maqaa koo waan beekeefis* isa nan eega.+ 15  Inni na waammata, anis deebii isaaf nan kenna.+ Yeroo dhiphinaatti isaa wajjin nan taʼa.+ Isa nan oolcha, ulfinas isaaf nan kenna. 16  Umurii dheeraa isa nan quubsa,+Gochawwan fayyinaa koos* akka argu nan godha.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “eenyu illee akka sitti hin dhihaanne si golga.”
Kal., “haaloon irratti baʼamu.”
Ykn tarii, “dahoo kee; iddoo kooluu itti galtu.”
Kal., “natti waan of hidheef.”
Ykn., “amanee waan fudhateefis.”
Ykn., “Fayyina na biraa dhufus.”