Fakkeenya 19:1-29

  • Hubannaan aarii qabbaneessa (11)

  • Haati manaa nyakkistuun akkuma baaxii dhimmisuu ti (13)

  • Haati manaa hubattuun Yihowaa biraa argamti (14)

  • Yeroo abdiin jirutti daaʼima adabi (18)

  • Ogummaa gorsa dhagaʼuun argamsiisu (20)

19  Gowwaa taʼanii soba dubbachuu mannaaHiyyeessa taʼanii amanamummaadhaan deddeebiʼuu wayya.+   Namni* beekumsa hin qabne gaarii miti,+Namni ariifatee* wanta tokko raawwatus cubbuu hojjeta.   Gowwummaan namaa daandii isaa ni jalʼisa,Garaan isaas Yihowaatti ni dheekkama.   Qabeenyi michoota hedduu argamsiisa,Nama hiyyeessa taʼe garuu michuun isaa illee isa dhiisa.+   Namni sobaan ragaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu,+Namni yeroo dubbatu hundumaatti sobus adaba jalaa hin oolu.+   Namoonni hedduun nama guddaa* biratti fudhatama argachuu barbaadu,Nama kennaa namaaf kennuufis namni hundi michuu dha.   Nama hiyyeessa obboloonni isaa hundi isa jibbu;+Michoonni isaa immoo hammam caalaatti isa irraa haa fagaatan ree!+ Inni isaan kadhachaa isaan duukaa buʼa, garuu namni tokko illee deebii isaaf hin kennu.   Namni hubannaa* qabu kam iyyuu ofiif* jaalala qaba.+ Namni hubannaadhaaf bakka guddaa kennu kam iyyuu milkaaʼina* argata.+   Namni sobaan ragaa baʼu utuu hin adabamin hin hafu,Namni yeroo dubbatu hundumaatti sobus ni bada.+ 10  Gowwaan jireenya qananii jiraachuun isaa sirrii miti;Tajaajilaan tokko bulchitoota bulchuun isaa immoo caalaatti sirrii miti!+ 11  Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha,+Balleessaa tuffatee bira darbuun isaas miidhagina isaaf ni kenna.+ 12  Aariin mootii akkuma gururiʼuu leencaa ti,*+Isa biratti fudhatama argachuun garuu akkuma fixeensa biqiltuu irra jiruu ti. 13  Ilmi gowwaan abbaa isaa irratti rakkina fida,+Haati manaa nyakkistuu taates akkuma baaxii yeroo hunda dhimmisuu ti.+ 14  Mannii fi qabeenyi abbootii irraa dhaalama,Haati manaa hubattuun garuu Yihowaa biraa argamti.+ 15  Dhibaaʼummaan hirriba cimaa namatti buusa,Namni* siʼaayina hin qabnes ni beelaʼa.+ 16  Namni ajaja eegu lubbuu isaa ni eeggata;+Namni daandii isaatiif dantaa hin qabne ni duʼa.+ 17  Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa,+Innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa.*+ 18  Yeroo abdiin jirutti ilma kee adabi,+Duʼa isaatiifis itti gaafatamaa hin taʼin.*+ 19  Namni dafee aaru ni adabama;Adaba irraa isa oolchuuf yoo yaalte, irra deddeebitee akkana gochuuf dirqamta.+ 20  Booda irratti ogeessa akka taatuuf,Gorsa dhagaʼi, adabas fudhadhu.+ 21  Karoorri garaa namaa keessa jiru hedduu dha,Jabaatee kan dhaabbatu garuu gorsa* Yihowaa ti.+ 22  Wanti guddaan nama keessa jiru jaalala amanamaa inni qabu dha;+Sobduu taʼuu mannaa hiyyeessa taʼuu wayya. 23  Yihowaa sodaachuun jireenyatti geessa;+Namni isa sodaatu boqonnaa nama gammachiisu qabaata, miidhaa irraas walaba taʼa.+ 24  Namni dhibaaʼaan harka isaa saanii golboo keessa ni kaaʼa,Garuu gara afaan isaatti deebisee fiduuf illee ni rakkata.+ 25  Namni muuxannoo hin qabne abshaala+ akka taʼuuf nama qoostuu taʼe rukuti,+Beekumsa dabalataa akka argatuufis nama hubannaa qabu ifadhu.+ 26  Namni abbaa isaa miidhuu fi haadha isaa ariʼuIlma qaanii fi salphina namatti fidu dha.+ 27  Yaa ilma koo, adaba dhagaʼuu yoo dhiiste,Dubbii beekumsaa irraa gorta. 28  Ragaa baatuun gatii hin qabne haqatti ni qoosa,+Afaan hamootaas wanta hamaa liqimsa.+ 29  Murtiin warra qoostuu taʼaniif,+Rukuttaanis dugda gowwootaatiif qophaaʼeera.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Lubbuun.”
Kal., “miila isaatiin ariifatee.”
Ykn., “arjaa.”
Ykn., “lubbuu isaatiif.”
Kal., “wanta gaarii.”
Kal., “garaa.”
Ykn., “leenca saafelaa ti.”
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “isa ni badhaasa.”
Ykn., “Duʼa isaa hin barbaadin.” Kal., “Duʼa isaatiif lubbuu kee hin kaasin.”
Ykn., “kaayyoo.”