Fakkeenya 25:1-28
25 Kanneen kunis fakkeenyota Solomoon+ warra namoonni Hisqiyaas+ isa mootii Yihudaa taʼe tajaajilaa turan qindeessanii fi garagalchani dha:
2 Iccitii eeguun Waaqayyoof ulfina argamsiisa,+Dhimma tokko akka gaariitti qoruunis moototaaf ulfina argamsiisa.
3 Akkuma samiin ol fagaatuu fi laftis gad fagaattu,Garaan moototaas kan hin qoratamne dha.
4 Meetii irraa xurii balleessi,Innis guutummaatti kan qulqullaaʼe taʼa.+
5 Nama hamaa mootii duraa balleessi,Teessoon isaas qajeelummaadhaan jabaatee ni dhaabbata.+
6 Mootii duratti ulfina ofiif hin kennin,+Namoota beekamoo gidduus hin taaʼin,+
7 Sababiin isaas, nama guddaa duratti si salphisuu isaa mannaa,“Gara kanaatti ol kottu” utuu siin jedhee wayya.+
8 Ariifattee falmii seeraa keessa hin seenin,Booda namni sun yoo si salphise maal goota?+
9 Nama tokkoo wajjin dhimma kee irratti wal falmi,+Wanta iccitiidhaan sitti himame* garuu hin saaxilin,+
10 Kunis, namni si dhagaʼu akka si hin salphisneef,Atis oduu* hamaa deebistee sirreessuu hin dandeenye akka hin babalʼisneefi.
11 Jechi yeroo sirrii taʼetti dubbatame,Akkuma poomii warqii miʼa meetii irraa tolfame keessa jiruu ti.+
12 Namni ogeessi nama gurra dhagaʼu qabu ifatu,Akkuma lootii warqii fi faaya warqii baʼeessa irraa tolfamee ti.+
13 Ergamaa amanamaan gooftaa isaa* waan gammachiisuuf,+Inni warra isa ergataniifAkkuma qabbana cabbii guyyaa makaraatti argamuu ti.
14 Namni kennaa matumaa hin kennine* ilaalchisee of jajee dubbatu,Akkuma duumessaa fi bubbee matumaa bokkaa hin fidnee ti.+
15 Obsuudhaan ajajaan waraanaa ni moʼama,Arrabni laafaanis* lafee cabsuu dandaʼa.+
16 Damma yoo argatte, hamma si barbaachisu qofa nyaadhu,Akka malee yoo nyaatte garuu si hooqqisiisuu dandaʼa.+
17 Akka si hin nuffinee fi si hin jibbinetti,Mana michuu keetti miila hin baayʼisin.
18 Namni michuu isaa irratti sobaan ragaa baʼu,Akkuma ulee waraanaa, akkuma goraadee fi akkuma xiyya qara qabuu ti.+
19 Yeroo rakkinaatti nama hin amansiisne* abdachuun,Akkuma ilkaan cabee fi miila hollatutti amanamuu ti.
20 Namni garaa gaddeef faarfannaa faarfatu,Akkuma nama guyyaa qorrutti uffata of irraa baasuu,Akkuma dhangaggaaʼaa soodaa* irratti dhangalaʼee ti.+
21 Diinni kee* yoo beelaʼe wanta nyaatu isaaf kenni;Yoo dheebote bishaan dhugu isaaf kenni;+
22 Kana gochuudhaan barbadaa mataa isaa irratti tuulta,*+Yihowaanis si kiisa.
23 Bubbeen kaabaa bokkaa cimaa fida,Arrabni hamatus fuula aare fida.+
24 Haadha manaa nyakkistuu taatee wajjin mana tokko keessa jiraachuu mannaaGolee baaxii manaa irra jiraachuu wayya.+
25 Oduu gaariin biyya fagoodhaa dhufu,Akkuma bishaan qabbanaaʼaa lubbuu* dadhabe irratti dhangalaʼuu ti.+
26 Namni qajeelaan nama hamaadhaaf moʼamu,*Akkuma burqaa dhoqqaaʼee fi boolla bishaanii mancaʼee ti.
27 Baayʼisanii damma nyaachuun gaarii miti,+Ulfina ofii barbaaduunis ulfina miti.+
28 Namni aarii isaa toʼachuu hin dandeenye,*Akkuma magaalaa dallaan ishii diigamee ti.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Iccitii warra kaanii.”
^ Ykn., “jette jettee.”
^ Ykn., “lubbuu gooftaa isaa.”
^ Kal., “kennaa sobaa.”
^ Ykn., “garraamiinis.”
^ Ykn tarii, “gantuu taʼe.”
^ Ykn., “alkaalaayii.”
^ Kal., “Inni si jibbu.”
^ Kun namichi laafee amalli isaa inni jabaan akka baqu gochuu argisiisa.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “ejjennoo isaa laaffisu.” Kal., “nama hamaa duratti gatantaru.”
^ Ykn., “hafuura isaa hin toʼanne.”