Fakkeenya 30:1-33

  • DUBBII AGUUR (1-33)

    • Hiyyeessas taʼe sooressa na hin godhin (8)

    • Wantoota matumaa hin quufne (15, 16)

    • Wantoota faanni isaanii hin argamne (18, 19)

    • Dubartii ejjituu (20)

    • Wantoota uumamaan ogeeyyii taʼan (24)

30  Ergaa cimaa dubbii Aguur ilmi Yaaqee Itiʼeelittii fi Uukaalitti dubbate keessatti argamu.   Ani eenyu iyyuu caalaa beekumsa kan hin qabne dha,+Hubannaa namni tokko qabaachuu qabus hin qabu.   Ani ogummaa hin baranne,Beekumsa kan Isa Hundumaa Caalaa Qulqulluu sanaas hin qabu.   Gara samiitti kan ol baʼe, achiis kan gad buʼe eenyu?+ Barruu harka isaa lamaanii keessatti bubbee kan walitti qabe eenyu? Uffata isaa keessatti bishaan kan mare eenyu?+ Guutummaa andaarota lafaa kan hundeesse* eenyu?+ Beekta yoo taʼe, maqaan isaa eenyu? Maqaan ilma isaa hoo eenyu?   Dubbiin Waaqayyoo hundi kan qulqulleeffame dha.+ Inni warra isatti kooluu galaniif gaachana.+   Dubbii isaa irratti homaa hin dabalin,+Taʼuu baannaan inni si ifata,Sobduu taʼuun kees ni mirkanaaʼa.   Ani wanta lama sin gaafadha. Duʼuu koo dura wantoota kana na hin dhowwatin.   Wanta dhugaa hin taanee fi soba na irraa fageessi.+ Hiyyeessas taʼe sooressa na hin godhin. Nyaatuma na gaʼu qofa naaf kenni,+   Kunis, quufee akkan si hin ganneef, akkasumas “Yihowaan eenyu?” akkan hin jenneef+Yookiin hiyyeessa taʼee hatuudhaan maqaa Waaqa kootii akkan hin salphisneefi.* 10  Tajaajilaa tokko gooftaa isaa biratti maqaa isaa hin balleessin,Taʼuu baannaan inni si abaara, atis yakkamaa taata.+ 11  Dhaloonni abbaa isaa abaaru,Haadha isaas hin eebbisne jira.+ 12  Dhaloonni qulqulluu akka taʼetti of ilaalu jira,+Taʼus xurii* isaa irraa hin qulqulloofne. 13  Dhaloonni ijji isaa of tuultuu taʼe,Ijji isaa akka malee of jajuudhaan ilaalus jira!+ 14  Dhaloonni ilkaan isaa goraadee,Mangaagaan isaas halbee ittiin qalan taʼe jira;Dhaloonni kun rakkatoota lafa irraa,Hiyyeeyyii ilmaan namootaa gidduutti argamanis ni nyaata.+ 15  Dhulaandhulli intaloota, “Nuu kennaa! Nuu kennaa!” jedhan lama qabdi. Wantoonni hin quufne sadii jiru,Wantoonni matumaa, “Na gaʼa!” hin jenne afuri. 16  Awwaalaa*+ fi gadameessa maseena taʼe,Lafa bishaan dheebote,Akkasumas ibidda matumaa “Na gaʼa!” hin jenne. 17  Ija abbaatti qoosuu fi haadhaaf ajajamuu tuffatu,+Arraagessi sulula* keessa jiraatu isa ni baasa,Cuuciin risaas isa ni nyaata.+ 18  Wantoonni hubannaa kootii ol taʼan* sadii jiru,Wantoonni ani hin hubanne afuri: 19  Karaa risaan samii irra itti barrisu,Karaa bofti qarsaa irra itti deemu,Karaa dooniin galaana irra itti deemu,Akkasumas karaa dhiirri shamarree wajjin itti deemu. 20  Karaan dubartii ejjituu kana dha: Nyaattee afaan ishii erga haxaaʼattee booda,“Wantan balleesse hin qabu” jetti.+ 21  Wantoonni lafa sochoosan sadii jiru,Wantoonni ishiin dandamachuu hin dandeenye afuri: 22  Yommuu garbichi mootii taʼee bulchu,+Yommuu gowwaan nyaata quufu, 23  Yommuu dubartiin jibbamte* abbaa manaa argattu,Akkasumas yommuu tajaajiltuun iddoo giiftii ishii fudhattu.*+ 24  Wantoota hunda caalaa xixinnoo taʼan keessaa afur jiru,Taʼus isaan uumamumaan ogeeyyii* dha:+ 25  Goondaan uumama* cimtuu miti,Taʼus yeroo bonaatti nyaata ishii qopheeffatti.+ 26  Osoleen+ uumama* jabduu miti,Taʼus kattaa keessatti mana ishii tolfatti.+ 27  Awwaannisoonni+ mootii hin qaban,Taʼus hundi isaanii hiriiraan* gara fuulduraatti deemu.+ 28  Loccuun+ miila ishiitiin wanta hundumaatti maxxanti,Gara mana mootummaas ni seenti. 29  Wantoonni yommuu deeman nama ajaaʼibsiisan sadii jiru,Wantoonni yommuu sochoʼan nama ajaaʼibsiisan afuri: 30  Leenca isa bineensota hundumaa caalaa jabaa taʼe,Isa eenyu jalaa iyyuu hin baqanne,+ 31  Saree adamoo, korbeessa reʼee,Akkasumas mootii raayyaan waraanaa isaa isaa wajjin jiru. 32  Gowwummaadhaan yoo ol of qabde+Yookiin akkana gochuuf yoo yaadde,Afaan kee qabadhu.+ 33  Sababiin isaas, akkuma aannan raasuun dhadhaa baasu,Funyaan cuunfuunis dhiiga baasu,Aarii kakaasuun lola fida.+

Miiljaleewwan

Kal., “kan ol kaase.”
Ykn., “hin xureessineefi.”
Kal., “bobbaa.”
Ykn., “Siʼoolii,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “laga gogaa.”
Ykn., “baayʼee na dinqisiisan.”
Ykn., “hin jaallatamne.”
Ykn., “buutu.”
Ykn., “baayʼee ogeeyyii.”
Kal., “saba.”
Ykn., “saba.”
Ykn., “gareedhaan wal hiranii.”