Iyyoob 14:1-22
14 “Namni dubartii irraa dhalate,Umuriin isaa gabaabaa+ fi rakkinaan* kan guutame dha.+
2 Inni akka daraaraatti ni daraara, achiis ni coolliga;*+Akka gaaddidduutti ni darba, ni badas.+
3 Eeyyee, ati ija kee isa irra buusteetta,Ofii kee wajjinis murtiitti isa* ni dhiheessita.+
4 Nama qulqulluu hin taane irraa nama qulqulluu taʼe argamsiisuu kan dandaʼu jiraa?+
Kana gochuu kan dandaʼu hin jiru!
5 Guyyoonni isaa murteeffamaniiru yoo taʼe,Lakkoofsi jiʼoota isaa si bira jiru;Inni sana irra akka hin darbineef ati daangaa isaaf keesseetta.+
6 Akkuma nama mindeeffamee hojjetuutti hamma inni guyyoota isaa xumurutti,Akka inni boqotuuf ija kee isa irraa buqqisi.+
7 Sababiin isaas, mukti illee abdii qaba.
Yoo murame deebiʼee ni lalisa,Dameewwan isaas guddachuu isaanii itti fufu.
8 Hiddi isaa lafa keessatti yoo dulloome,Gufuun isaas biyyoo keessatti yoo duʼe,
9 Foolii bishaaniitiin ni lalisa;Akkuma biqiltuu haaraattis damee ni godhata.
10 Namni garuu ni duʼa, humna dhabees ni ciisa;Namni yeroo duʼu eessa dhaqa?*+
11 Bishaan galaana keessaa ni bada,Lagni ni qoora, ni gogas.
12 Namnis ni ciisa, hin kaʼus.+
Hamma samiin dhabamutti, isaan hin dammaqan,Hirriba isaaniitiis hin kaafaman.+
13 Maal taʼa, Awwaala* keessatti utuu na dhoksitee,+Hamma dheekkamsi kee darbutti utuu na golgitee,Daangaa yeroos naaf keessee utuu na yaadattee!+
14 Namni yoo duʼe deebiʼee jiraachuu dandaʼaa?+
Hamma yeroon boqonnaa koo dhufutti,Baran tajaajila dirqamaa itti raawwadhu hundumaa nan eeggadha.+
15 Ati na waamta, anis nan owwaadha.+
Hojii harka keetiis ni yaadda.*
16 Amma garuu ati adeemsa koo hundumaa ni lakkoofta;Cubbuu koo qofa ilaalta.
17 Balleessaan koo korojoo keessatti saamsameera,Atis dogoggora koo hapheedhaan ni saamsita.
18 Akkuma gaarri jigee caccabutti,Qarsaanis iddoo isaatii buqqaʼutti,
19 Akkuma bishaan dhagaa nyaatee fixutti,Lolaan isaas biyyoo lafaa dhiqutti,Atis abdii nama duʼuu ni balleessite.
20 Hamma inni badutti humnaan isa irra ni caalte;+Ati bifa isaa ni jijjiirte, achiis isa ni geggeessite.
21 Ilmaan isaa ulfina argatu, inni garuu kana hin beeku;Isaan gatii kan hin qabne taʼu, inni garuu kana hin hubatu.+
22 Dhukkubbiin kan isatti dhagaʼamu yeroo fooniin jirutti qofa dha;Inni* kan gaddu yeroo lubbuudhaan jirutti qofa dha.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “jeequmsaan.”
^ Ykn tarii, “ni murama.”
^ Kal., “ana.”
^ Kal., “inni eessa jira?”
^ Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “ni hawwita.”
^ Ykn., “Lubbuun isaa.”