Iyyoob 20:1-29

  • Dubbii Zofaar isa lammaffaa (1-29)

    • Iyyoob akka isa arrabse isatti dhagaʼame (2, 3)

    • Iyyoob hamaa akka taʼe dubbate (5)

    • Iyyoob cubbuutti akka gammadu dubbate (12, 13)

20  Zofaar+ Naʼaamaatichi akkana jedhee deebise:   “Miira jeequmsaa natti dhagaʼamuun kan kaʼe,Yaanni koo inni na rakkisu deebii akkan kennu na kakaasa.   Ani komii na arrabsu dhagaʼeera;Hubannaan koos* deebii akkan kennu na dirqisiisa.   Kun yeroo namni* lafa irratti uumamee jalqabee kan jiru waan taʼeef,Ati dhugumaan yeroo hunda kana beekuu qabda turte;+   Ililchi nama hamaa yeroo gabaabaadhaaf,Gammachuun nama Waaqa hin qabnees* yeroo xinnoodhaaf qofa akka turu beekuu qabda turte.+   Guddinni isaa gara samiitti yoo ol baʼe,Mataan isaas duumessa bira yoo gaʼe iyyuu,   Inni akkuma bobbaa isaatti bara baraaf ni bada;Warri isa ilaalaa turanis, ‘Inni eessa jira?’ jedhu.   Inni akka abjuutti barrisee bada, isaanis isa hin argatan;Akka mulʼata halkaniittis ni ariʼama.   Ijji kanaan dura isa arge deebiʼee isa hin argu,Iddoon isaas sana booda isa hin argu.+ 10  Ijoolleen isaa hiyyeessa deggersa gaafatu,Harkumti isaas qabeenya isaa deebisee ni kenna.+ 11  Lafeen isaa humna dargaggummaatiin kan guutame ture,Taʼus inni* isaa wajjin biyyoo keessa ni ciisa. 12  Wanti hamaan afaan isaatti kan miʼaawu yoo taʼe,Isas arraba isaa jala yoo dhokfate, 13  Innis yoo isa alanfatee fi yoo tufuu baate,Afaanuma isaa keessas yoo turse, 14  Nyaanni isaa isa keessatti dhangaggaaʼaa ni taʼa;Keessa isaattis akka summii* marʼataa ni taʼa. 15  Inni badhaadhina ni liqimsa, taʼus deebisee ni hooqqisa;Waaqayyo garaa isaa keessaa haxaaʼee isa ni baasa. 16  Summii marʼataa ni xuuxa;Ilkeen* buutii isa ni ajjeesa. 17  Inni matumaa bishaan yaaʼu,Lolaa dammaa fi dhadhaas hin argu. 18  Inni qabeenya isaa utuu hin nyaatin* deebisee ni kenna;Badhaadhina daldala isaa irraa argatettis hin gammadu.+ 19  Sababiin isaas, inni hiyyeessa caccabseera, gateeras;Mana hin ijaarrannes fudhateera. 20  Haa taʼu malee, keessa isaatti nagaan itti hin dhagaʼamu;Badhaadhinni isaas akka miliqu isa hin gargaaru. 21  Wanti inni liqimsu tokko illee isaaf hin hafne;Badhaadhinni isaa kan isaaf hin turres kanaafi. 22  Badhaadhinni isaa yommuu irraa hafu yaaddoon isa qabata;Carraa hamaanis humna guutuudhaan isa irratti ni dhufa. 23  Inni yommuu garaa isaa guuttatu,Waaqayyo* aarii isaa isa bobaʼaa isa irratti ni erga,Marʼimaan isaa keessattis isa ni roobsa. 24  Inni meeshaa waraanaa sibiilaa jalaa yommuu baqatu,Xiyyi iddaa sibiila diimaa isa ni waraana. 25  Inni iddaa dugda isaa keessaa,Xiyya calaqqisus hadhooftuu isaa keessaa ni luqqisa,Naasuunis isa ni qabata.+ 26  Qabeenya isaa dukkana cimaatu eeggata;Ibiddi eenyu iyyuu hin afarsine isa ni nyaata;Dunkaana isaa keessatti kan hafu kam iyyuu balaatu eeggata. 27  Samiin balleessaa isaa ni saaxila;Laftis isa irratti ni kaati. 28  Lolaan mana isaa haxaaʼee fudhata;Guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti* lolaa cimaan ni dhufa. 29  Qoodni namni hamaan Waaqayyo biraa argatu,Dhaalli Waaqayyo isaaf labses kana dha.”

Miiljaleewwan

Kal., “Hafuurri hubannaa koo irraa dhufus.”
Ykn., “ilmi namaa; Addaam.”
Ykn., “gantuus.”
Jechuunis, humni isaa.
Ykn., “hadhooftuu.”
Kal., “Arrabni.”
Kal., “hin liqimsu.”
Kal., “Inni.”
Kal., “isaatti.”