Iyyoob 4:1-21

  • Dubbii Eliifaaz isa jalqabaa (1-21)

    • Amanamummaa Iyyoobitti qoose (7, 8)

    • Ergaa hafuura tokko irraa dhufe dubbate (12-17)

    • ‘Waaqayyo tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu’ (18)

4  Achiis Eliifaaz+ Temaanichi akkana jedhee deebise:   “Namni tokko sii wajjin dubbachuuf yoo yaale obsa ni dhabdaa? Taʼus eenyutu dubbachuu irraa duubatti jechuu dandaʼa?   Dhugaa dha, ati namoota hedduu sirreessiteetta,Harka laafes ni jabeessita turte.   Dubbiin kee nama gufate kam iyyuu ni kaasa ture,Atis warra jilbi isaanii hollatu ni jabeessita turte.   Amma garuu rakkinni si irra gaʼeera, atis moʼamteetta;*Inni si tuqe, atis abdii kutatte.   Kabajni guddaan Waaqayyoof qabdu amanannaa siif hin argamsiisuu? Amanamummaadhaan deddeebiʼuun kee+ abdii siif hin argamsiisuu?   Mee maaloo yaadadhu, namni qulqulluun badee beekaa? Namni qajeelaan yoom balleeffamee beeka?   Ani warri wanta miidhaa geessisu qotan,*Warri rakkina facaasanis wantuma sana akka haammatan argeera.   Hafuura Waaqayyo baafatuun ni dhumu,Aarii isaa isa bobaʼuunis ni badu. 10  Leenci ni barooda, leenci saafellis ni gururiʼa,Garuu ilkaan leenca cimaa taʼee* illee ni caba. 11  Leenci wanta adamsu dhabuu isaatiin kan kaʼe ni duʼa,Ilmooleen leencaas ni bittinnaaʼu. 12  Dubbiin tokko dhoksaadhaan gara koo ni dhufe,Hasaasni isaas gurra koo bira ni gaʼe. 13  Halkan keessa yommuu hirribni cimaan namoota irra buʼee turetti,Mulʼata yaada koo dhiphise tokkon arge; 14  Sodaan cimaan natti dhufe,Lafeewwan koo hundumaas naasuudhaan ni guute. 15  Hafuurri tokko fuula koo dura darbe;Rifeensi qaama kootiis ni dhaabbate. 16  Innis bakkuma jiru dhaabbate,Ani garuu wanta inni fakkaatu hin hubanne. Wanti tokko ija koo dura ture;Sagaleen hin dhagaʼamu ture, achiis sagalee tokko nan dhagaʼe: 17  ‘Namni duʼu Waaqa caalaa qajeelaa taʼuu dandaʼaa? Namni tokko qaama isa tolche caalaa qulqulluu taʼuu dandaʼaa?’ 18  Kunoo, inni tajaajiltoota isaa irratti amantii hin qabu,Maleekota* isaa irraa illee dogoggora ni argata. 19  Haalli warra manneen suphee keessa jiraatanii,Warra buʼuurri isaanii awwaara keessa taʼee,+Warra akkuma bilii salphaatti buruqanii hammam caalaatti hammaata ree! 20  Isaan ganama lubbuudhaan jiru, galgala garuu guutummaatti caccabaniiru;Bara baraaf ni badu, kanaaf xiyyeeffannaa kan kennus hin jiru. 21  Isaan akkuma dunkaana funyoon isaa keessaa luqqifamee mitii? Isaan ogummaa malee ni duʼu.

Miiljaleewwan

Kal., “dadhabdeetta.”
Ykn., “qopheessan.”
Ykn., “leenca saafelaa.”
Ykn., “Ergamtoota.”