Lakkoofsa 12:1-16

  • Miiriyaamii fi Aaron Musee morman (1-3)

    • Museen namoota hundumaa caalaa garraamii ture (3)

  • Yihowaan Museedhaaf falme (4-8)

  • Miiriyaam dhukkuba nadaayiitiin rukutamte (9-16)

12  Yeroo kanatti inni dubartii biyya Kuush fuudhee waan tureef, dubartii biyya Kuush fuudhe sanaan kan kaʼe+ Miiriyaamii fi Aaron Musee mormanii dubbatan.  Isaan, “Yihowaan kan dubbate karaa Musee qofa dhaa? Karaa keenya hoo hin dubbannee?”+ jedhu turan. Yihowaanis kana dhagaʼaa ture.+  Museen namoota lafa irra jiran hundumaa caalaa garraamii ture.*+  Yihowaanis akkuma tasaa Musee, Aaronii fi Miiriyaamiin, “Sadan keessan iyyuu gara dunkaana walgaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Kanaafuu, sadan isaanii iyyuu gad ni baʼan.  Yihowaanis utubaa duumessaa keessaan gad ni buʼe;+ achiis balbala dunkaanichaa dura dhaabbatee Aaronii fi Miiriyaamiin ni waame. Lamaan isaaniis gara fuulduraatti ni baʼan.  Innis akkana isaaniin jedhe: “Maaloo, dubbii koo dhagaʼaa. Raajiin Yihowaa tokko isin gidduu utuu jiraatee, ani mulʼataan+ eenyummaa koo isatti nan beeksisa, akkasumas abjuudhaan+ isatti nan dubbadhan ture.  Haa taʼu malee, walitti dhufeenyi ani tajaajilaa koo Musee wajjin qabu akkana miti! Guutummaan mana kootii imaanaadhaan isatti kennameera.*+  Ani fuulaa fuulatti,*+ karaa namaaf hin galleen utuu hin taʼin ifatti isatti nan dubbadha; inni fuula Yihowaa ni arga. Maarree isin tajaajilaa koo Musee mormitanii dubbachuu kan hin sodaanne maaliifi?”  Kanaafuu, aariin Yihowaa isaan irratti ni bobaʼe; innis isaan biraa deeme. 10  Duumessichis dunkaanicha irraa ni kaʼe; yeroo kanatti kunoo, Miiriyaam dhukkuba nadaayiitiin rukutamtee akkuma cabbii addaatte.+ Aaron yommuu gara Miiriyaamitti garagalu akka ishiin dhukkuba nadaayiitiin rukutamte arge.+ 11  Innis yeruma sana Museedhaan akkana jedhe: “Yaa gooftaa koo, sin kadhadha! Maaloo, cubbuu kana nutti hin lakkaaʼin! Wanti raawwanne kun gocha gowwummaa ti. 12  Maaloo, ishiin akka daaʼima duʼee fi foon isaa walakkaan nyaatamee dhalate taatee akka itti fuftu hin godhin!” 13  Museenis, “Yaa Waaqayyo, maaloo ishii fayyisi! Maaloo!” jedhee gara Yihowaatti iyyuu jalqabe.+ 14  Yihowaanis deebisee Museedhaan akkana jedhe: “Abbaan ishii fuula ishii irratti utuu tufee, ishiin akkuma salphattetti guyyaa torbaaf ni turti mitii? Ammas ishiin guyyaa torbaaf namoota irraa adda baafamtee buufatichaa ala haa turtu;+ sana booda gara buufatichaatti deebifamuu dandeessi.” 15  Kanaafuu, Miiriyaam guyyaa torbaaf namoota irraa addaan baafamtee buufatichaa ala ni turte;+ sabichis hamma Miiriyaam deebifamtutti dunkaana isaa buqqisee hin deemne. 16  Sana booda sabichi Hazeroot+ keessaa baʼee lafa onaa Phaaraan keessa buufate.+

Miiljaleewwan

Ykn., “Museen nama lafa irra jiru kam iyyuu caalaa baayʼee kan gad of qabu ture.”
Kal., “Guutummaa mana kootii keessatti inni amanamaa taʼuu isaa argisiiseera.”
Kal., “afaanii afaanitti.”