Wangeela Luqaas 1:1-80
-
Tewooflosiif kan barreeffame (1-4)
-
Gabriʼeel Yohaannis Cuuphaan akka dhalatu raajii dubbate (5-25)
-
Gabriʼeel Yesuus akka dhalatu raajii dubbate (26-38)
-
Maariyaam Elsaabex bira dhaqxe (39-45)
-
Maariyaam guddina Yihowaa labsite (46-56)
-
Yohaannis ni dhalate; maqaanis ni moggaafameef (57-66)
-
Raajii Zakkaariyaas (67-80)
1 Namoonni hedduun ragaawwan nuti guutummaatti amannee fudhanne sana qindeessuuf carraaqqii godhaniiru.+
2 Warri jalqabumaa kaasee wantoota kana ijaan arganii+ fi tajaajiltoota ergichaa taʼanis ragaawwan kana nutti dabarsaniiru.+
3 Yaa kabajamaa Tewooflos,+ anis gama kootiin wanta hunda jalqabaa kaasee of eeggannoodhaan waanan qoradheef, seenaa isaa duraa duubaan sii barreessuuf murteesseera.
4 Kanas kanan godhe, wantoonni afaaniin baratte sun dhugaa taʼuu isaanii baʼeessa gootee akka beektuufi.+
5 Bara Heroodis*+ mootii Yihudaatti, lubni Zakkaariyaas jedhamuu fi garee lubootaa Abiyaa+ keessaa tokko taʼe jira ture. Haati manaa isaa sanyii Aaron yeroo taatu maqaan ishii Elsaabex jedhama ture.
6 Lamaanuu ajajawwanii fi seerawwan Yihowaa* hunda eeganii mudaa malee deddeebiʼuudhaan Waaqayyo duratti qajeelota turan.
7 Haa taʼu malee, Elsaabex dhabduu* waan turteef isaan dhala hin qaban turan; lamaan isaaniis dulloomanii turan.
8 Gaaf tokko Zakkaariyaas dabareen garee+ isaa waan gaʼeef, Waaqayyo duratti tajaajila lubummaa isaa utuu raawwachaa jiruu,
9 akka barsiifata lubummaatti gara mana qulqullummaa Yihowaa* seenee+ ixaana aarsuuf+ dabareen isaa ni gaʼe.
10 Saʼaatii ixaanni itti aarfamuttis guutummaan uummatichaa alatti kadhachaa turan.
11 Maleekaan Yihowaas* iddoo aarsaa ixaanaa irraa kallattii mirgaatiin dhaabbatee isatti mulʼate.
12 Zakkaariyaas garuu yommuu isa argu naʼee akka malee sodaate.
13 Haa taʼu malee, maleekaan sun akkana isaan jedhe: “Yaa Zakkaariyaas, wawwaannaan kee waan siif dhagaʼameef hin sodaatin, haati manaa tee Elsaabex ilma siif deessi; atis maqaa isaa Yohaannis jettee moggaasta.+
14 Ati gammachuu guddaa ni argatta; namoonni hedduunis inni dhalachuu isaatti baayʼee ni gammadu;+
15 sababiin isaas, inni Yihowaa* duratti guddaa ni taʼa.+ Haa taʼu malee, inni matumaa daadhii wayiniis taʼe dhugaatii alkoolii kam iyyuu dhuguu hin qabu;+ yeroo gadameessa haadha isaa keessa jiruu+ jalqabees* hafuura qulqulluudhaan ni guutama.
16 Inni ilmaan Israaʼel keessaa namoota hedduu gara Waaqa isaanii Yihowaatti* ni deebisa.+
17 Kana malees inni garaa abbootii gara ijoolleetti,+ namoota hin ajajamnes gara ogummaa qajeelotaatti deebisuuf hafuuraa fi humna Eeliyaasiin fuula isaa dura ni deema;+ kunis namoota Yihowaadhaaf* qopheessuufi.”+
18 Zakkaariyaasis maleekaa sanaan, “Kun akka taʼu akkamittan mirkanaaʼaa taʼuu dandaʼa? Silaa ani dulloomeera, haati manaa tiyyas umuriidhaan sokkiteetti” jedhe.
19 Maleekaan sunis deebisee akkana isaan jedhe: “Ani Gabriʼeel+ isa fuula Waaqayyoo dura dhaabbatu dha;+ si haasofsiisuu fi misiraachoo kana sitti himuufan ergame.
20 Haa taʼu malee, ati dubbii koo isa yeroo isaaf murteeffametti raawwatamu waan hin amanneef, hamma guyyaa wantoonni kun raawwatamaniitti duudaa taata; dubbachuus hin dandeessu.”
21 Yeroo kanatti uummatichi Zakkaariyaasiin eegaa waan turaniif, mana qulqullummaa keessa baayʼee turuu isaatti ni dinqisiifatan.
22 Yommuu gad baʼus isaanitti dubbachuu waan dadhabeef, mana qulqullummaa keessatti mulʼata akka arge hubatan. Inni arrabni isaa waan hidhameef, mallattoodhaan isaanitti dubbata ture.
23 Guyyoonni inni tajaajila qulqulluu* itti dhiheessu yommuu xumuramanis gara mana isaa dhaqe.
24 Guyyoota muraasa booda haati manaa isaa Elsaabex ni ulfoofte; jiʼa shaniifis manaa hin baane; akkana jette:
25 “Amma Yihowaan* kana naaf godheera. Inni arrabsoo namoota gidduutti ana irra gaʼu na irraa kaasuuf, xiyyeeffannaa anaaf kenneera.”+
26 Ishiin ulfooftee jiʼa jaʼaffaatti, Waaqayyo maleekaa isaa Gabriʼeeliin+ gara magaalaa Naazireet ishii Galiilaa keessatti argamtuutti erge;
27 kan ergames gara durba+ namicha mana Daawit keessaa taʼee fi maqaan isaa Yoseef jedhamuuf kaadhimamtetti ture; maqaan ishiis Maariyaam jedhama ture.+
28 Maleekaan sunis ol seenee, “Yaa ishii baayʼee eebbifamtuu nana, nagaan siif haa taʼu, Yihowaan* sii wajjin jira” ishiidhaan jedhe.
29 Ishiin garuu wanta inni dubbateen kan kaʼe baayʼee naatee, kun nagaa akkamii akka taʼe hubachuuf yaaduu jalqabde.
30 Kanaafuu, maleekaan sun akkana ishiidhaan jedhe: “Yaa Maariyaam, Waaqayyo duratti fudhatama waan argatteef hin sodaatin.
31 Kunoo, ulfooftee ilma ni deessa;+ maqaa isaas Yesuus jettee moggaasta.+
32 Inni guddaa ni taʼa;+ Ilma Isa Hundaa Olii ni jedhama;+ Yihowaanis* teessoo abbaa isaa Daawit isaaf ni kenna;+
33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraaf Mootii taʼee ni bulcha; Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.”+
34 Maariyaam garuu maleekaa sanaan, “Dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwadhee waanan hin beekneef, kun akkamitti taʼuu dandaʼa?”+ jette.
35 Maleekaan sunis akkana jedhee ishiidhaaf deebise: “Hafuurri qulqulluun si irra buʼa,+ humni Isa Hundaa Oliis si golga. Kanaan kan kaʼes mucaan dhalatu qulqullicha,+ Ilma Waaqayyoo+ jedhama.
36 Kunoo, firri kee Elsaabexis bara dulluma ishiitti ilma ulfoofteetti; dubartiin dhabduu* jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa ishii qabatteetti;
37 sababiin isaas, wanti Waaqayyo dubbatee utuu hin raawwatamin hafu tokko illee hin jiru.”*+
38 Maariyaamis, “Kunoo, ani garbittii Yihowaa* ti! Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu” jette. Achiis maleekaan sun ishii biraa deeme.
39 Guyyoota muraasa booda Maariyaam kaatee ariitiidhaan gara biyya gaarotaa, gara magaalaa Yihudaa tokkoo deemte;
40 achiis mana Zakkaariyaas seentee Elsaabexiin nagaa gaafatte.
41 Elsaabex nagaa Maariyaam yommuu dhageessu mucaan gadameessa ishii keessa jiru ni utaale; Elsaabexis hafuura qulqulluudhaan guutamte;
42 sagalee ishii ol kaastees akkana jette: “Ati dubartoota keessaa eebbifamtuu dha; mucaan gadameessa kee keessa jirus eebbifamaa dha!
43 Haati Gooftaa kootii gara koo dhufuun ishii anaaf ulfina guddaa dha!
44 Kunoo, akkuma sagaleen nagaa kee gurra koo buʼeen, mucaan gadameessa koo keessa jiru gammachuudhaan utaale.
45 Wanti Yihowaan ishiitti dubbate guutummaatti waan raawwatamuuf, ishiin kana amante haa gammaddu.”
46 Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo* Yihowaa* jajatti;+
47 garaan koos Waaqa isa Fayyisaa koo+ taʼetti baayʼee gammada;
48 sababiin isaas, inni iddoo gad aanaa garbittiin isaa qabdu argeera.+ Egaa ammaa jalqabee dhaloonni hundi gammadduu naan jedha;+
49 sababiin isaas, inni humna qabeessa taʼe sun wantoota guguddaa naaf godheera; maqaan isaas qulqulluu dha;+
50 gara laafinni isaa dhalootaa hamma dhalootaatti warra isa sodaatan irra ni jiraata.+
51 Inni irree isaatiin hojiiwwan guguddaa hojjeteera; warra wanta garaa isaaniitti yaadaniin of tuulanis bittinneesseera.+
52 Inni namoota aangoo qaban teessoo isaanii irraa gad buuseera;+ warra gad deebiʼan immoo ol qabeera;+
53 warra beelaʼan wantoota gaggaariidhaan quubseera;+ sooressota immoo harka duwwaa deebiseera.
54 Inni waadaa garaa isaaf laafuuf gale yeroo hunda akka yaadatu argisiisuuf tajaajilaa isaa Israaʼeliin gargaareera;+
55 inni Abrahaamii fi sanyii isaatti bara baraaf gara laafina argisiisuuf waadaa galeera;+ wanti inni abbootii keenyatti dubbates kanuma ture.”
56 Maariyaam gara jiʼa sadiitiif Elsaabex bira erga turtee booda, gara mana ishiitti deebite.
57 Elsaabexis yeroon itti deessu gaʼee ilma deesse.
58 Olloonni ishii fi firoottan ishii Yihowaan* gara laafina guddaa ishiitti argisiisuu isaa dhagaʼanii ishii wajjin gammadan.+
59 Guyyaa saddeettaffaattis mucicha dhaqna qabuu+ dhufan; maqaa isaas Zakkaariyaas jedhanii maqaa abbaa isaatiin moggaasuu yaadan.
60 Haati isaa garuu deebistee, “Hin taʼu! Yohaannis jedhamuu qaba” jette.
61 Yeroo kanatti isaan, “Firoottan kee keessaa maqaa kanaan kan waamamu hin jiru” ishiidhaan jedhan.
62 Achiis mucicha eenyu jedhee waamuu akka barbaadu mallattoodhaan abbaa isaa gaafatan.
63 Innis gabatee irratti barreeffamu gaafatee, “Maqaan isaa Yohaannisi”+ jedhee barreesse. Yeroo kanatti hundi isaanii ni dinqisiifatan.
64 Yeruma sanas afaan isaa ni saaqame, arrabni isaa ni hiikame, innis dubbachuu jalqabe;+ Waaqayyoonis ni jajate.
65 Olloonni isaanii hundi baayʼee sodaatan; wanti kun hundi guutummaa biyya gaarotaa Yihudaa keessatti odeeffamuu jalqabe.
66 Warri dhagaʼan hundis, “Dhumni mucaa kanaa maal taʼa laata?” jedhanii kana garaa isaaniitti qabatan. Sababiin isaas, dhugumaan Yihowaan* isaa wajjin ture.
67 Achiis abbaan isaa Zakkaariyaas hafuura qulqulluudhaan guutamee akkana jedhee raajii dubbate:
68 “Yihowaan Waaqni Israaʼel saba isaatiif xiyyeeffannaa waan kennee fi fayyina waan isaanii fideef+ haa jajamu.+
69 Inni mana tajaajilaa isaa Daawit+ keessatti gaanfa fayyinaa*+ nuu kaaseera;
70 kunis akkuma karaa afaan raajota isaa warra qulqulluu bara duriitii jalqabee turaniin dubbatetti dha.+
71 Inni diinota keenyaa fi harka warra nu jibban hundumaa jalaa akka nu oolchu+ waadaa galeera.
72 Wanta abbootii keenyatti dubbate raawwachuudhaan gara laafina isaanitti argisiisa; kakuu isaa isa qulqulluus ni yaadata;+
73 kunis kakuu inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate dha;+
74 akkuma kakuu isaattis harka diinota keenyaa jalaa erga nu baasee booda, sodaa malee tajaajila qulqulluu akka isaaf dhiheessinu mirga nuu kenna;
75 kanas bara jireenyaa keenya hundumaatti amanamummaa fi qajeelummaadhaan isa duratti raawwanna.
76 Ati garuu yaa mucaa nana, daandii isaa qopheessuuf Yihowaa* dura waan deemtuuf,+ raajii Isa Hundaa Olii jedhamtee waamamta;
77 sabni isaa dhiifama cubbuu akka argatan gochuudhaan beekumsa fayyinaa isaaniif kennita;+
78 Kunis kan taʼe gara laafina guddaa Waaqa keenyaatiin kan kaʼe dha. Gara laafina kanaanis ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baʼa;
79 inni warra dukkana keessaa fi gaaddidduu duʼaa jala taaʼanii jiraniif ifa kenna;+ akkasumas miilli keenya daandii nagaa irra akka deemu godha.”
80 Mucaan sun ni guddate, hafuuraan ni cime; hanga guyyaa Israaʼelotatti ifatti of mulʼisettis lafa onaa keessa jiraate.
Miiljaleewwan
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “maseena.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “dhalachuu isaa duras.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “tajaajila uummataa.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “maseena.”
^ Ykn., “wanti Waaqayyoof hin dandaʼamne tokko illee hin jiru.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “Namummaan koo.” Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “fayyisaa humna qabeessa.” Ibsa Jechootaa, “Gaanfa” ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.