Wangeela Luqaas 6:1-49

  • Yesuus “Gooftaa Sanbataa ti” (1-5)

  • Namichi harki isaa lamshaaʼe ni fayye (6-11)

  • Ergamoota 12n (12-16)

  • Yesuus ni barsiise, ni fayyises (17-19)

  • Gammachuu fi wayyoo (20-26)

  • Diina jaallachuu (27-36)

  • Namootatti murteessuu dhiisaa (37-42)

  • Firii isaatiin beekama (43-45)

  • Mana akka gaariitti ijaarame; mana buʼuura cimaa hin qabne (46-49)

6  Guyyaa sanbataa tokko Yesuus maasii midhaanii keessa utuu darbaa jiruu, barattoonni isaa asheeta ciratanii+ sukkuumanii nyaatu turan.+  Yeroo kanatti Fariisonni tokko tokko, “Isin wanta guyyaa Sanbataatti+ seeraan dhorkame maaliif gootu?” jedhan.  Yesuus garuu deebisee akkana isaaniin jedhe: “Daawit, innii fi namoonni isaa wajjin turan yeroo beelaʼanitti maal akka godhe matumaa hin dubbisnee?+  Inni mana Waaqayyoo keessa hin seennee? Daabboo Waaqayyo duratti dhihaatu* isa luboota qofa malee, eenyu iyyuu akka nyaatu hin heyyamamne+ fuudhee nyaatee, namoota isaa wajjin turaniifis kennee hin turree?”  Achiis, “Ilmi namaa Gooftaa Sanbataa ti”+ isaaniin jedhe.  Guyyaa sanbataa+ kan biraattis gara mana sagadaa seenee barsiisuu jalqabe. Namni harki isaa mirgaa lamshaaʼe tokko achi jira ture.+  Barsiisonni seeraa fi Fariisonni karaa itti isa himatan argachuuf, Yesuus guyyaa Sanbataatti kan fayyisu taʼuu fi dhiisuu isaa xiyyeeffannaadhaan hordofu turan.  Inni garuu yaada isaanii hubatee,+ namicha harki isaa lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii gidduu dhaabbadhu” jedhe. Namichis kaʼee achi dhaabbate.  Achiis Yesuus, “Mee waan tokkon isin gaafadha, Guyyaa Sanbataatti wanta gaarii gochuu moo wanta hamaa gochuu, lubbuu fayyisuu moo ajjeesuutu heyyamama?”+ isaaniin jedhe. 10  Warra naannoo isaa jiran hunda erga ilaalee booda namichaan, “Harka kee diriirsi” jedhe. Namichis harka isaa diriirse; harki isaas deebiʼee fayye. 11  Isaan garuu baayʼee aaranii maal isa gochuu akka dandaʼan waliin mariʼachuu jalqaban. 12  Yeroo sanatti Yesuus kadhannaa dhiheessuuf gara gaaraatti ol baʼee,+ halkan guutuu gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessaa bule.+ 13  Yommuu bariʼus, barattoota isaa ofitti waamee isaan keessaa namoota 12 filatee ergamoota jedhee moggaase; isaanis kanneen kana dha:+ 14  Simoon isa inni Pheexiros jedhee moggaasee fi obboleessa isaa Indiriyaas, Yaaqoob, Yohaannis, Filiphoos,+ Bartolomewos, 15  Maatewos, Toomaas,+ Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa “hinaafticha” jedhamu, 16  Yihudaa ilma Yaaqoobii fi Yihudaa Asqoroticha isa gantuu taʼe. 17  Achiis isaanii wajjin gad buʼee iddoo diriiraa irra dhaabbate; barattoonni isaa hedduunii fi namoonni guutummaa biyya Yihudaa fi Yerusaalem, akkasumas naannoo qarqara galaanaa Xiirosii fi Siidoon irraa isa dhaggeeffachuu fi dhukkuba isaanii irraa fayyuuf dhufan hedduun achi turan. 18  Warri hafuurota xuraaʼoodhaan dhiphatan illee ni fayyu turan. 19  Humni isa keessaa baʼee+ hunda isaanii fayyisaa waan tureef, namoonni sun hundi isa tuquu barbaadu turan. 20  Yesuus gara barattoota isaa ilaalaa akkana jechuu jalqabe: “Isin warri hiyyeeyyii taatan gammadoo dha, Mootummaan Waaqayyoo kan keessani.+ 21  “Isin warri amma beeloftan gammadoo dha, booda ni quuftu.+ “Isin warri amma boossan gammadoo dha, booda ni kolfitu.+ 22  “Sababii Ilma namaatiin yommuu namoonni isin jibban,+ yommuu of gidduudhaa isin baasan,+ yommuu isin arrabsanii fi yommuu hamoota akka taatan godhanii maqaa keessan balleessan gammadaa. 23  Badhaasni isin samii irratti argattan guddaa waan taʼeef, guyyaa sanatti gammadaa, ililchaas; sababiin isaas, abbootiin isaanii iyyuu raajota irratti wantuma akkanaa raawwatu turan.+ 24  “Isin warra sooreyyii taataniif garuu wayyoo,+ isin jajjabina keessan ammuma guutummaatti argattaniittu.+ 25  “Isin warra amma quuftaniif wayyoo, booda ni beeloftu. “Isin warra amma kolfitaniif wayyoo, booda ni gadditu, ni boossus.+ 26  “Yommuu namoonni hundi waaʼee keessan wanta gaarii dubbatan isiniif wayyoo,+ raajota sobaatiif abbootiin isaanii akkanuma godhanii turan. 27  “Warri amma dhaggeeffachaa jirtan garuu ani isiniin nan jedha, diinota keessan jaallachuu fi warra isin jibbaniif gaarii gochuu keessan itti fufaa;+ 28  warra isin abaaran eebbisuu fi warra isin salphisaniif kadhachuu keessan itti fufaa.+ 29  Nama maddii* kee isa tokko kabaluuf maddii kee isa kan biraas itti qabi; nama uffata kee isa irraan uffattu fudhatuuf, uffata kee isa jalatti uffattu hin dhowwatin.+ 30  Nama si kadhatu hundumaaf kenni;+ nama qabeenya kee si jalaa fudhatus akka siif deebisu hin gaafatin. 31  “Kana malees, wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan, isinis akkanuma isaaniif godhaa.+ 32  “Warra isin jaallatan qofa yoo jaallattan galata maalii argattu? Cubbamoonni illee warra isaan jaallatan ni jaallatu.+ 33  Warra wanta gaarii isinii godhaniif qofa wanta gaarii yoo gootan galata maalii argattu? Cubbamoonni illee akkanuma godhu. 34  Kana malees, warra nuuf deebisu jettanii abdattaniif yoo liqeessitan* galata maalii argattu?+ Cubbamoonni illee, wanta liqeeffatan hunda nuu deebisu jedhanii abdachuudhaan cubbamootaaf ni liqeessu. 35  Kanaa mannaa, diinota keessan jaallachuu, wanta gaarii gochuu fi deebisnee arganna jettanii utuu hin abdatin liqeessuu keessan itti fufaa;+ kana yoo gootan badhaasni keessan guddaa taʼa, ilmaan Isa Hundaa Oliis ni taatu; sababiin isaas, inni warra hin galateeffannee fi hamootaaf illee gaarii dha.+ 36  Akkuma Abbaan keessan gara laafessa taʼe, gara laafeyyii taʼuu keessan itti fufaa.+ 37  “Kana malees, namootatti murteessuu dhiisaa, matumaa isinitti hin murteeffamu;+ namoota yakkuu dhiisaa, matumaa hin yakkamtan. Dhiifama godhaa,* dhiifamni isiniif ni godhama.*+ 38  Kennaa, namoonnis isiniif ni kennu.+ Isaan safartuu gaarii gad dhiibamee, sochoofamee irraa dhangalaʼuun safaranii kaasuu* keessanitti isiniif kennu. Sababiin isaas, safartuu isin itti safartanitti isaanis deebisanii isiniif safaru.” 39  Achiis akkana jedhee fakkeenya tokko isaanitti hime: “Jaamaan jaamaatti karaa argisiisuu dandaʼaa? Lamaan isaanii iyyuu boolla keessa hin buʼanii?+ 40  Barataan barsiisaa isaa hin caalu; namni akka gaariitti barate hundi garuu akkuma barsiisaa isaa ni taʼa. 41  Maarree, jirma ija kee keessa jiru arguu dhiistee, huuba ija obboleessa kee keessa jiru maaliif ilaalta?+ 42  Jirma ija kee keessa jiru utuu hin argin akkamitti obboleessa keetiin, ‘Obboleessa koo, huuba ija kee keessa jiru siifan baasa’ jetta? Fakkeessituu nana! Dura jirma ija kee keessa jiru baafadhu; sana booda huuba ija obboleessa kee keessa jiru baasuuf sirriitti ilaaluu dandeessa. 43  “Mukti gaariin firii tortore godhachuu hin dandaʼu; mukti tortores firii gaarii godhachuu hin dandaʼu.+ 44  Mukti hundi firii isaatiin beekama.+ Fakkeenyaaf, namoonni qoree irraa firii harbuu yookiin sokorruu irraa firii wayinii hin funaanan. 45  Namni gaariin wanta gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa wanta gaarii gad baasa; namni hamaanis wanta hamaa kuufate keessaa wanta hamaa gad baasa; sababiin isaas, wanta garaa isaa keessa guute afaan isaa dubbata.+ 46  “Isin wanta ani jedhu hin raawwattan; maarree maaliif, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jettu?+ 47  Namni gara koo dhufuu fi dubbii koo dhagaʼee hojii irra oolchu hundi eenyuun akka fakkaatu isinitti nan hima:+ 48  Inni, nama gad fageessee qotuudhaan buʼuura isaa qarsaa irra kaaʼee mana ijaare fakkaata. Sana booda lolaan dhufee manicha rukute; taʼus manichi akka gaariitti waan ijaarameef isa sochoosuu hin dandeenye.+ 49  Karaa biraa immoo, namni dhagaʼee hojii irra hin oolchine+ kam iyyuu, nama buʼuura malee lafa irratti mana ijaare fakkaata. Lolaan sun manicha ni rukute, manichis yeruma sana jige; jigiinsi isaas akka malee hamaa ture.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Daabboo ilaalchaa.”
Ykn., “boqoo.”
Jechuunis, dhala malee.
Ykn., “ni gadhiifamtu.”
Ykn., “Gadhiisaa.”
Kaasuutti baachuun harkaa fi irree gidduutti baachuu argisiisa.