Nahimiyaa 9:1-38
9 Jiʼa kana keessaa guyyaa 24ffaatti, Israaʼelonni walitti ni qabaman; isaan uffata gaddaa uffatanii, awwaaras of irratti firfirsanii soomaa turan.+
2 Yeroo kanatti warri sanyii Israaʼel taʼan namoota biyya ormaa hundumaa irraa adda of baasan;+ achiis dhaabbatanii cubbuu ofii isaanii fi balleessaa abbootii isaanii himatan.+
3 Sana booda bakkuma jiran dhaabbatanii kutaa arfan guyyichaa keessaa isa tokkotti* kitaaba Seera+ Waaqa isaanii Yihowaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisu turan; kutaa arfan guyyichaa keessaa kutaa isa kan biraatti immoo Waaqa isaanii Yihowaadhaaf cubbuu isaanii ni himatu, akkasumas isaaf ni sagadu turan.
4 Yeshuwaan, Baaniin, Qaadmiʼel, Shebaaniyaan, Buniin, Sherebiyaan,+ Baanii fi Kenaaniin waltajjii Leewwotaa isa ol kaʼaa irra dhaabbatanii+ sagalee isaanii ol kaasanii gara Waaqa isaanii Yihowaatti ni iyyan.
5 Achiis Yeshuwaan, Qaadmiʼel, Baaniin, Hashaabneyaan, Sherebiyaan, Hodiyaan, Shebaaniyaanii fi Petaahiyaan warri Leewwota taʼan akkana jedhan: “Kaʼaatii Waaqa keessan Yihowaa baraa hamma bara baraatti jajadhaa.+ Isaan maqaa kee isa ulfina qabeessa, isa eebbaa fi galata hundumaa irraa ol taʼe haa jajatan.
6 “Ati kophaa kee Yihowaa dha;+ ati samiiwwan, eeyyee, samii samiiwwanii fi raayyaa isaanii hundumaa, lafaa fi wanta ishii irra jiru hundumaa, akkasumas galaanotaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa uumteetta. Hundi isaanii akka jiraatan gooteetta; raayyaan samiis siif ni sagadu.
7 Ati Waaqa dhugaa kan taate Yihowaa dha; ati Abraamiin+ filattee Uur+ ishii biyya Kaladootaa keessaa isa baastee maqaa Abrahaam+ jedhu isaaf kenniteetta.
8 Garaan isaa si duratti amanamaa taʼuu isaa argitee,+ biyya Kanaʼaanotaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Yebuusotaa fi biyya Girgaashotaa isaaf, jechuunis sanyii isaatiif kennuuf isaa wajjin kakuu galteetta;+ ati qajeelaa waan taateefis waadaa galte eegdeetta.
9 “Kanaafuu, ati gadadoo Gibxii keessatti abbootii keenya irra gaʼe argiteetta;+ iyya isaan Galaana Diimaatti dhageessisanis dhageesseetta.
10 Atis gocha of tuulummaa+ isaan irratti raawwachuu isaanii beektee, Faraʼoon irratti, tajaajiltoota isaa hundumaa irrattii fi namoota biyya isaa hundumaa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan raawwatteetta.+ Ofii keetiifis maqaa hamma harʼaatti beekamaa taʼe qabaatteetta.+
11 Ati isaan galaanicha keessa lafa gogaa irra akka ceʼaniif,+ galaanicha isaan duratti gargar hirteetta; warra isaan ariʼaa turanis akkuma dhagaa galaana jeeqamaa keessatti gatameetti gara iddoo gad fagootti darbatteetta.+
12 Ati guyyaa utubaa duumessaatiin isaan geggeessiteetta; halkan immoo karaa isaan irra deeman isaaniif ibsuuf jettee, utubaa ibiddaatiin isaan geggeessiteetta.+
13 Gaara Siinaa irratti gad buutee+ samii irraa isaanitti ni dubbatte;+ akkasumas murtiiwwan qajeeloo, seerawwan dhugaa,* dambiiwwanii fi ajajawwan gaggaarii isaaniif ni kennite.+
14 Sanbata+ kee isa qulqulluu isaanitti ni beeksiste; karaa tajaajilaa kee Musees ajajawwan, dambiiwwanii fi seera isaaniif ni kennite.
15 Yeroo isaan beelaʼanitti samii irraa nyaata isaaniif ni kennite;+ yeroo dheebotanittis kattaa keessaa bishaan isaaniif ni baaste;+ biyya isaaniif kennuuf isaaniif kakatte* sanatti galanii akka dhaalanis isaanitti ni himte.
16 “Isaan, jechuunis abbootiin keenya garuu gocha of tuulummaa ni raawwatan;+ mata jabeeyyii ni taʼan;*+ ajajawwan kees hin dhaggeeffanne.
17 Isaan dhaggeeffachuu ni didan;+ gochawwan kee warra dinqisiisoo isaan gidduutti raawwattes hin yaadanne; kanaa mannaa mata jabeeyyii taʼan;* gara garbummaa isaanii isa Gibxii keessaatti deebiʼuufis geggeessaa ni muudan.+ Ati garuu Waaqa dhiifama gochuuf qophaaʼaa taʼe,* gara laafessa,* araara qabeessa, aariidhaaf hin ariifannee fi jaalala amanamaa hedduu qabu+ waan taateef, isaan hin dhiisne.+
18 Yommuu isaan siidaa jabbii sibiilaa* ofii isaaniitiif hojjetanii, ‘Kun Waaqa kee isa Gibxii keessaa si baase dha’+ jechuudhaan gocha tuffii guddaa argisiisu raawwatanitti illee,
19 ati yeroo sanatti illee, gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼe lafa onaa keessatti isaan hin dhiisne.+ Utubaan duumessaa karaa isaanii irratti isaan geggeessu guyyaa isaan irraa hin deemne; utubaan ibiddaa karaa isaan irra deeman isaaniif ibsus halkan isaan irraa hin deemne.+
20 Hubannaa akka argataniif hafuura kee isa gaarii isaaniif ni kennite;+ ati mannaa isaan hin dhowwanne;+ yeroo isaan dheebotanittis bishaan isaaniif kennite.+
21 Lafa onaa keessatti waggaa 40f nyaata isaaniif kennite.+ Wanta dhabanis hin qaban. Uffanni isaanii hin dhumne;+ miilli isaaniis hin dhiitofne.
22 “Ati mootummootaa fi saboota hihirtee isaaniif kennite;+ isaanis biyya mootii Heshboon+ kan taʼe biyya Sihoon,+ akkasumas biyya mootii Baashaan kan taʼe biyya Oog+ ni dhaalan.
23 Ilmaan isaaniis akka urjiilee samiitti hedduu akka taʼan ni goote.+ Achiis gara biyya abbootiin isaanii galanii akka dhaalan waadaa galtetti isaan fidde.+
24 Kanaafuu, ilmaan isaanii galanii biyyattii dhaalan;+ atis Kanaʼaanonni warri jiraattota biyyattii taʼan isaan duratti akka moʼaman ni goote;+ akkasumas wanta barbaadan akka isaan irratti raawwataniif mootota isaanii fi saboota biyyattii harka isaaniitti dabarsitee ni kennite.
25 Isaan magaalota dallaa dhagaa qabanii+ fi lafa gabbataa+ ni qabatan; manneen wantoota gaggaarii akaakuu adda addaatiin guutaman, boollawwan bishaanii qotaman, maasiiwwan wayinii, mukeetii ejersaa,+ akkasumas mukeetii firii godhatan baayʼinaan ni dhaalan. Kanaafuu, isaan nyaatanii quufanii ni gabbatan; gaarummaa kee isa guddaattis baayʼee gammadan.
26 “Haa taʼu malee, isaan siif ajajamuu didan; si irratti fincila kaasan;+ Seera kee irrattis dugda isaanii ni garagalchan.* Raajota kee warra gara keetti akka deebiʼan isaan akeekkachiisaa turan ni ajjeesan; gochawwan tuffii guddaa argisiisanis ni raawwatan.+
27 Kanaan kan kaʼes, ati harka diinota isaanii warra isaan dhiphisanitti dabarsitee isaan kennite.+ Isaan yeroo dhiphatanitti garuu gara keetti ni iyyatan;+ atis samii keessaa isaan ni dhageesse; gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼes, warra harka diinota isaanii jalaa isaan oolchan isaaniif ni kennite.+
28 “Isaan garuu akkuma boqonnaa argataniin, ammas wanta si duratti hamaa taʼe ni raawwatan;+ atis harka diinota isaanii warra isaan cunqursanitti* dabarsitee isaan kennite.+ Achiis isaan deebiʼanii gargaarsaaf si waammatan;+ atis samii keessa taatee isaan ni dhageesse; gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼes yeroo baayʼee isaan ni oolchite.+
29 Ati gara Seera keetti isaan deebisuuf irra deddeebitee kan isaan akeekkachiiste taʼus, isaan garuu of tuultota taʼan; ajajawwan kees dhagaʼuu ni didan;+ dambiiwwan kee warra namni tokko yoo isaan eege lubbuudhaan ittiin jiraatu+ sana irrattis cubbuu ni raawwatan. Isaan mata jabinaan dugda isaanii sitti ni garagalchan; boqu jabeeyyii taʼan; dhaggeeffachuus ni didan.
30 Atis waggoota hedduudhaaf obsa isaanitti argisiiste;+ karaa raajota kees hafuura keetiin yeroo baayʼee isaan ni akeekkachiiste; isaan garuu dhaggeeffachuu ni didan. Dhuma irrattis ati harka saboota biyyoota sanaatti dabarsitee isaan kennite.+
31 Ati Waaqa gara laafessaa* fi araara qabeessa+ waan taateef, gara laafina kee isa guddaa irraa kan kaʼe haxooftee isaan hin balleessine+ yookiin isaan hin dhiisne.
32 “Ammas Waaqa guddaa, humna qabeessaa fi sodaachisaa kan taate yaa Waaqa keenya, ati kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu dha;+ rakkina bara mootota Asoorii+ jalqabee hamma harʼaatti nu irra, mootota keenya irra, bulchitoota keenya+ irra, luboota keenya+ irra, raajota keenya+ irra, abbootii keenyaa fi guutummaa saba keetii irra gaʼaa jiru hundumaa akka laayyootti hin ilaalin.
33 Wanta nutti dhufe hundumaatiin ati qajeelaa dha; sababiin isaas ati amanamaa dha; gocha hamaa kan raawwate nu dha.+
34 Mootonni keenya, bulchitoonni keenya, luboonni keenyaa fi abbootiin keenya Seera kee hin eegne; ajajawwan kee yookiin yaadachiisawwan* kee warra ati ittiin isaan akeekkachiisteefis xiyyeeffannaa hin kennine.
35 Yommuu isaan mootummaa isaanii keessa turanitti, yommuu gaarummaa hedduu ati isaaniif kenniteen gammadanitti, akkasumas yommuu biyya balʼaa fi gabbataa ati isaaniif kennite keessa jiraatanitti illee si hin tajaajille;+ gocha isaanii isa hamaa irraas hin deebine.
36 Kanaafuu, kunoo nuti harʼa garboota taaneerra;+ eeyyee, biyya abbootiin keenya firii ishii fi wantoota gaggaarii ishii keessa jiran akka nyaataniif isaaniif kennite keessatti garboota taaneerra.
37 Oomishni hedduun ishiin kennitu mootota warra sababii cubbuu keenyaatiin ati nu irratti muuddeef taʼaa jira.+ Isaan akka barbaadanitti qaama keenyaa fi horiiwwan keenya irratti ajajaa jiru; nutis dhiphina guddaa keessa jirra.
38 “Kana hundumaatiin kan kaʼe, waliigaltee cimaa barreeffamaan kaaʼame ni goona;+ walii galteen kunis chaappaa bulchitoota keenyaa, Leewwota keenyaa fi luboota keenyaatiin kan raggaasifame ni taʼa.”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “saʼaatii sadiif.”
^ Ykn., “seerawwan amansiisoo.”
^ Kal., “harka kee kaaste.”
^ Kal., “boquu isaanii ni jabeessan.”
^ Ykn., “surra qabeessa.”
^ Ykn., “Waaqa dhiifama godhu.”
^ Kal., “boquu isaanii ni jabeessan.”
^ Ykn., “baqfamee.”
^ Kal., “Seera kee dugda isaanii duubatti gatan.”
^ Ykn., “caccabsanitti.”
^ Ykn., “surra qabeessaa.”
^ Ykn., “akeekkachiisawwan.”